header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Shummoo irraa gama Abbaa Qabeenyaa

Qophii: Abuu Muhammad (Jaafar Bayaan)

Guyyaan August 8 ture. Keeniyaan Filannoo akkaan sodaatamaa gaggeeysaa jirti. Balaan bu’uu mala jechuun warri biyyaatis, adunyaanis sodaachaa turte.

Namichi footoo Isaa agartan kuni #Githeriman jechuun beekkamee jira. Dubbiin Isaa akkuma footoo irratti agartan Githeri (shummoo) keeniyaatiin wal qabatti.

Abbaan Shummoo kuni akkuma nama hundaa filannoof ganama subii manaa bahe. Salfiin dheertuu waan taateef aduun itti baatee, beeltis itti jabaatte. Salfii Isaa gubbaa dhaababchuuf dadhabe, galuuf filannos dhiisee deemuu lubbuun Isa didde. Warra Isa duraa fii booda jiraniin “Ficcaaneetin dhufaa bakka tiyya naaf eegaa” jechuun dhaammatee achi garagale. Xiqqo turee Shummoo Gideerii warri keeniyaa jedhuun tan karaa hundarratti gurguramtu bitatee salfii Isaatti deebi’e.

Shummoo Isaa miikkaa keeysaa takka lamaan nyaachaa salfii gubbaa osoo jiru namni Isa maddi jiru footoo Isa kaasee Twitter irratti ol darbe.

Halkan filannoo waa’een filannoo hafee waa’ee Abbaa shummoo (Githeri Man) kan itti haasawamaa bule tahe. Guyyaan lammadaatis haasawaa fii oduun isuma kana taate.

Kaambaaniin beekkamaan hundi qaalicha barbaadanii kennaa isaaf kennuun if beeysisuu eegalan. Karan ganda ja’amu ganda akkaan Qaalii kheeysatti Naayroobitti manni ni kennameef,

Githeri-man

Safaricom kaambaanii mobaayilaa guddaan keeniyaa waa itti kenne, namni karaa deemuu Isa kute. Kan isa arge hundi footoo wajjiin ka’uuf isa marsuu taate.

Qaalichi ganda miskiinaa galu miskintichi intarvii tv keeniyaatiin hafurri itti kutame. Qaalicha beelaaf shummoo nyaataa salfii filannoo gubbaa dhaabbataa ture, kan humaa quba hin qabne, qabeenyii itti xiixaa jira. Rabbiin akka fedhe qaba.

Ani dubbii namicha kanaatirraa waan takka tanin fudhe: Hifataa tahuu dhabuun hoggayyuu gaariidha. Namichi kuni filannoo san dhiisee osoo gale carraa tasa isaaf dhufte tana hin argatu ture. Garuu nama hifataa miti, shummoo irraa gama abbaa qabeenyaatti jijjirame guyyaa muraasa keeysatti.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button