header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Seeliin Qaama keenya keessatti argamu waggaa kudhan keessatti al tokko kan  jijjiiramu tahuu quba qabduu?

Qaamni keenya seeliiwwan tiriiliyoonaan laakkawaman of keessaa qaba. Seeliiwwan kunniin hundi dalagaa garagaraa dalagu. Seeliiwwan qaama keenya keessa jiran keessaa kanneen biiliyoona 70 tahan guyya guyyaan du’aa haarayaan bakka buufamu. Fakkeenyaaf seeliin keenya kan mar’imaan keessaa guyyaa 3 haga Afurii keessatti jijjiirama. Seeliin dhiiga diimaa ammoo ji’a sadih sadihiin haarayaan jijjiirama. Seeliin kalee ammoo waggaa waggaan of jijjiira. Haala kanaan seeliin tokko du’aa kan biraa haarawa uumamaa waggaa kudhan keessatti seeliin keenya guutumatti haarawa taha. Ammas waggaa kudhan keessatti seelonni kunniin du’anii kan biroo oomishaman. Wantoonni kunniin raawwatamaa jiraachuu isaanii nuti quba hin qabnu. Mee waan Rabbiin keenya nuuf godhutti jiru qalbiin haa xiinxallinuu. Waraqaa eenyummaa tokko haaromsuuf bu’aa bahii hagam akka barbaachisu hubadhaa. Mallattoo hogganaa tokkoo argachuuf guyyaa meeqa biirotti deddeebi’uu akka qabnus hin irraanfatinaa. Tola Rabbii keenyaa ammoo yaadadhaa. Ka nuti iyyannoo takka hin galfanne. Ka nuti waan raawwatamutti jiruuhuu quba hin qabne, seelii miiliyoonaan lakkawamu guyyaa guyyaan nuuf haaromsa. Garuu nuti tanas hin beeynu.

Handhuurri namaa qubsuma baakteeriyaawwaniiti.  

Handhuurri keenya qaama haalaan xuraawaa keessaa isa tokko. Handhuura qulqulleessuunis waan laaftuu miti.  Sababa kanaaf handhuurri iddo baakteeriyaawwan kumaatamaan laakkawaman keessatti daheeffatan taheera. Doktoroonni waa’ee handhuuraa wayta ibsan, bosonaan wal fakkeessu. Akkuma bineensonni bosonaa bosona keessatti qubsuma tolfatanii daheeffatan, baakteeriyaawwanis  qubsuma mataa isaanii tolfatanii murna murnaan jiraachutti jiru.  

Asiidiin garaacha keenya keessatti argamu sibiila gubuu akka dandayu quba qabduu?

Garaachi keenya Asiidii Haydroo kloorik jedhamu of keessaa qaba. Asiidiin kun soorata daakuuf tajaajila. Qorattoonni asiidii kanarratti qorannoo gaggeessaan waan ajaaibaa tokko argan. Asiidii garaacha namaa keessa jiru kana digrii seelshiyesii 37 gahuun eega oowwisanii booda, Haadduu ykn Milaacciifii dhakaa baatrii xixiqqaa keessa buusan. Achi booda sa’aa 24 oowwuma san keessa tursiisanii wayta baasan, haadduun dhibbentaa 63 bayxee waanuma xiqqootu hafe. Dhakaan batrii garuu sa’aa 24 ol turus, dhawaatuma achi keeysa turuun innis baquu eegale. Asiidii hangana jabaa taheetu qaama keenya keessa jira.

Namni hundi wayta ganama hirribaa ka’u hanga tokko ni dheerata.

Guyyaa guyyaa wayta dhaabbannuufi yeroo deemnu guulli harkisa lafaa jabaadha. Qaamni keenya guutuun gara lafaa waan gad harkifamuuf, lafeewwan qaama keenya keessa jiran hundi walitti maxxanu. Wayta rafnu ammoo kallattiin guula harkisa lafaa ni jijjiirama. Akka yeroo deemnuu ykn dhaabbannuu graaviitiin gama miilaa nu harkisu hin jiru. Wayta ciisnu lafeen hundi kallattima jirurraa harkifama. Yeroo kana lafeewwan walitti maxxanan hundi adda sissiiqu. Dhangala’aan akka lafeen wal hin rigne qaama keenya keessatti uumame ammoo heddummaatee lafeewwan jiddutti dhangala’a. haala kanaan halkan guutuu rafaa bullee ganama wayta hirribaa kaanu, qaamni keenya seentimeetira 0.7 hanga 1.7 ni dheerata. Osoma hedduus hin turin akkuma xiqqoo tarkaanfanneen dhangala’aan lafeewwan jidduu seene jidduu bahuu eegala. Hoggasuma dheerinni keenya bakka duraatti deebi’a.

Qaamni keenya walakkaan isaa baakteeriyaa akka tahe quba qabduu?

Baakteeriyaan qaama keenya keessa jiru tiriiliyoona 30 hanga 40 taha. kunis lakkoofsa seelii qaama keenya keessa jiruun wal qixa. Baakteeriyaan hedduun ammoo Mar’imaan gurguddaa keessatti argama. Kanaafuu adada qulqulloofnuun baakteeriyaa heddu qaama keenya keessaa baasna jechuudha. Baakteeriyaan dilli kun osoo qaama keenya keessa jiru akkamitti fayyaa guutuun jiraanna jechuun keessan waan hafa hin qabne. Baakteeriyaan miidhaa qabu jiraatus, baakteeriyaawwan faaydaa qabanis hedduudha. Qaamni keenyas baakteeriyaawwan kanniin irraa tajaajila guddaa argata.

One Comment

Comment

Back to top button