Og-BarruuTafakkur

Allaattiin tun yeroo garii qurxummii gurguddaa liqimsitee hudhamtee duuti.

Allaattii naannoo bishaanii jiraattu tun Afaan Amaaraatiin “Ye wuha waf /የዉሃ ወፍ”jedhamti.  Afaan Ingiliffaatiin ammoo Heron jedhamuun beekamti. Allaattiin tun sanyiilee garagaraa 64 qabdi. Hunduu guddina qaamaa, bifa baallii fi naannoo jireenya isaaniirratti hundaa’ee garaagarummaa qabu. Heeroon Ardii Antaarkitikaa qabbanaan guutame keessa malee, ardiilee biroo cufa keessattuu ni argamti. Naannoolee jiidhina qabu kan akka eelaa, qarqara bishaanii, laggeen gurguddoo yaa’anii fi haroowwanitti dhihaattee jiraatti. Faalamiinsi bishaanii fi babal’achuun gammoojjummaa jireenya allaattii tanaa irratti rakkoo ta’us, lakkoofsi isaanii garuu heddus hin xiqqaanne.

Allaattiin tun isiin xiqqoon Seentimeetira 86 dheeratti. Inni guddaan ammoo meetira 1.3 dheerata. Ulfaatinni isaaniitis haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Isiin xiqqoon kilograama 1.5 ulfaatti. Guddaan ammoo haga Kiilograama 3 ni ulfaata. wanti addaa allaattii tanaa Kooluu isiiti. Kooluun Heeroon dheerinna qaama isii dachaa lamaan caala. Fakkenyaaf Allaattiin xiqqoon Seentimeetira 86 dheerattu, Kooluun isii meetira 1.6 ol dheerata. Inni guddaan ammoo Kooluun isaa meetira lamaa ol dheerata. Dabalataanis allaattiin tun morma isii  dheeraa qubee S fakkaatu, akkasumas qoffee isii dheeraa albee fakkaatuu fii  miila isii akkaan dheeraa ta’een beekkamti. Halluun baalliitis haala sanyiitiin garaagarummaa qaba.  Walumaa galatti sanyiileen Heeroon halluu afur qaban. Isaanis; daalacha, adii, magaalaa fi gurraacha.

Heeroon warra foon sooratan ykn ammoo carnivorous animal keessatti ramadamti. Qubsumni allaattii tanaa naannawa jiidhina qabu waan taheef, sooranni isii irra guddaan bishaan keessaa argama. Nyaanni allaattii tana biratti akkaan barbaadamu qurxummiidha. Dabalataanis raacha, hoosiftoota xixiqqoo, reeptaayilootaa fi ilbiisotas ni sooratti. Soorata bishaan keessaa wayta adamsitu yeroo dheeraaf xiyyeeffannaan eega eegdeen booda, morma isii dheeraa san bishaan jala dabarsuun, qoffee isiitti fayyadamtee qurxuumiilee qabatti. Eega qabatteen booda yeroma takkaan waan argatte san liqimsiti. Wanti liqimsames garaachuma keessatti daakkama. Haa ta’u malee, allaattiin tun yero tokko tokko qurxummii guddaa yeroo liqimsuuf yaaltu hudhamtee du’uu dandeetti.

Heeroon Allaattiiwwan yeroo barrisan saffisa qaban keessaa isii takka. Saa’aa tokko keessattis Kilomeetira 50 barrisuu dandeessi. Mormi allaattii tanaa uumamaan qubee ‘S’ fakkaata. Wayta qilleensa gubbaa barristus akka allaattiiwwan biroo morma isii hin diriirsitu.  miila isii qofa duubatti diriirsti. Kana booda kooluu isii dheeraa sanitti fayyadamuun gara deemuu barbaaddu imalti. Heeroon Allaattii guyyaa fi halkanillee socho’uu dandeettu yoo taatu, ijji isii kan haala addaatiin uumameef halkanis ta’e guyyaa rakkoon malee akka argitu isii gargaaree jira. Ija ajaa’ibaa Rabbirraa badhaafamtetti fayyadamtee, halkanii fi guyyaa soorata isii barbaachisu adamsuu dandeetti. Allaattiin tun diina heddus hin qabdu. Haa ta’u malee sanyiileen Tuqaa fi Sardiidaa tokko tokko, ilmoolee xixiqqoo fi hanqaaquu allaattii tanaa ni sooratu.

Allaattii tun wayta qilleensi akkaan ulfaatuu fi qabbanaawu gara naannawa oowwaatti godaanti. Wayta godaanan kanas gamtaadhaan godaanu. Jireenya isaaniitis gamtaadhaan garee uumanii jiraatu. Qubsuma mataa isaanii tolfachuudhaan diina itti dhufu ofirraa ittisu. soorata isaan barbaachisus gamtamaan adamsu.

Wal qunnamtiin wal hormaataa fedhii dhaltuu irratti hundaa’a. Dhaltuun heeroon kormaa barbaadde filattee wal qunnamtii raawwatti. Kana booda hanqaaquu 4 goojjoo addaa waliin ijaaran keessatti buufti. Hanqaaquu kanas ji’a tokkoof eega hammatteen booda ilmoolee keessaa yaafti. Ilmoolee kanniin kunuunsuun dalagaa haadhaa qofaa miti. Kormaanis haadha gargaaruudhaan ilmoolee sanniin guddisa. Yeroo maatiin tokko soorata barbaacha bahu, tokko ammoo ilmoolee eega. Inni deeme sun ammoo ilmooleedhaaf soorata afaanitti qabatee dhufa. Haala kanaan wal ta’anii haga ilmooleen sunniin of danda’anii adamsuu jalqabanitti kunuunsu. Ilmooleenis baatii 2 booda of danda’anii jireenya haaraya eegalu. Hayyama Rabbiitiin allaattiin tun wagga 15-20 jiraatti.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Related Articles

Back to top button