header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Mixii

Qophii: Abu Ibtisaam

Mixiin uumama akkaan xiqqaa keessaa isii takka. Akkasumas lafa lubbu qabeeyyiin jiraatan hundatti argamti. Naannawa qabbanaawaa akka Arktiikii fi Antarkitikaa yoo taate malee, ardiin uumama kana hin qabne hin jiru. Uumama dachii tanarra jiran keessaayis uumama ajaa’ibaati. Dachii tanarra haga ammaa qorannoodhaan kan bira gahame sanyiin mixii kuma 12 ol akka jiru beekkamee jira. Tilmaamaanis sanyiin 14,000 ol akka jiru himama.

Mixiin bocaa fi halluu garagaraa qabdi. Garaagarummaan sanyii mixii, guddina qaamaatiifii halluu isiiti. Kanneen koola qabanis ni jiru. Kanaafuu sanyiin mixii akkuma raammolee fi simbirrotaatti samii irra barrisuu danda’anis ni jiru jechuudha. Garuu irra hedduun isaanii lafumarra socho’u. 

Mixiin walitti dhufeenyaa fi jireenya gamtaa Rabbi biraa badhaafamanii jiru.  Miseensi hawaasa tokko keessa jiru hundi isaatuu dirqama mataa isaa qaba. Hundi isaatuu dalagaa qaba. Mixiin dalagaan malee teettu hin jirtu. Garee mixii keessaa gariin meeshaa walitti qabu, gariin ammoo nyaata barbaadanii fidu, cinaan isaanii ammoo ilmoolee haarawa gara garee sanii makaman kunuunsu. mootiin takka ammoo ni jirti. Dalagaan isii garee san too’achuu fi killee hanqaaquu dha.

Warra garee tokko keessa jiru irraa Mootittiin umrii dheeraa jiraatuu dandeetti. Hojjattoonni garee san keessatti argaman garuu yeroo baay’ee ji’a lamaa ol jiraachuu hin danda’an. Oliif gad deemanii waan jireenyaaf barbaachisu barbaaduu fi dalagaa garagaraatiin waan qabamaniif umriin saanii gabaabaa dha. Mootiin garuu dalagaan isii Hanqaaquu qofa waan ta’eef dalagaa biraa heddu hin qabdu. Kanaaf waggaa ol turuu dandeetti jedhu qorattoonni tokko tokko. Dhugaa jirtu Rabbii keenyatu beeka. Fedha isaatiin waan barbaadu akka fedhetti uume. Hojjattoonni ji’a lama qofa jiraatan kunniin guyyaa takkaafis boqonnaa hin qaban. Umrii isaanii gabaabduu tana dalagaa irratti dabarsu. Ji’aa lama keessatti eega kan  dhumanii gareen sun hin miidhamuu? gaafiin jedhu sammuu keeysa isin yaa’uu danda’a. dhugaa dha, Garuu Rabbiin keenna waa hunda wal qixxeessee uume. Uumama hundaaf waan hunda akka isaaf malutti kenne. Mootiin Mixiidhaa guyya guyyaan hanqaaquu heddu akka hanqaaqxu godhe. Guyyatti akkaataa sanyii isaanii irratti hundaa’uun  hanqaaquu 800 hanga 1500 hanqaaqxi. Hanqaaquun kun erga hanqaaqameen booda kormaan dhiiraa hanqaaquu goojjoo keessatti hanqaaqame irratti sanyii ofii jigsa. Yeroo kana hanqaaquu sanyii dhiiraatiin wal argaterraa mootiin dhalatti. Hanqaaquun sanyii dhiiraa osoo hin arganne gara ilmooletti jijjiiraman hundi dhaluu hin danda’an. Kan ilmoo dhaltu mootii qofa. Warri sanyii dhiiraatiin wal hin argin immoo miseensa hojjattootaa tahanii tajaajilu. Gaheen isaaniis Mixii dalagduu ta’uudha.

Mixiin uumama Omnivaras keessatti ramadamu. kanaafuu biqiltootaa fi foonillee ni sooratu jechuudha. Biqiltoota akka fangasii, dayma, raammolee xixiqqoo fi bineensota du’an ni sooratu. Garuu haaluma sanyiitiin garaagarummaa qabu.  Gariin isaanii hedduminaan baala kan sooratan yoo ta’u, gariin isaani irra caalatti foon sooratu. Dhimma soorataan wal qabatee sanyiin Mixii tokko tokko mala addaa fayyadamu. Fakkeenyaaf Mixii baalaa jedhamuun kan beekaman gareen mixii tokko, baalaa fi marga garagaraa sooratan san lubbu qabeeyyii biroo irraa tiyfatu. Naannoo marga sooratan san heddumaatanii qubachuun uumamni biraa baala san akka hin nyaanne godhan. Mala isaan fayyadaman Rabbumatu beeka. Akka qorannoon tokko tokko addeessutti qaama isaanii keessaa biqiltoota sanniin irratti dhangala’aa biifan. Haala kanaan bineensi biraa biqiltuu san dhiisee biraa deema.

Lakkoofsaan heddu waan ta’aniif akkasumas dheessanii bahuun waan itti ulfaatuuf yeroo heddu bineensota hedduun nyaatamu. Raammolleen, hoosiftootaa fi Reepitaayiloonni hedduun isaanii mixii akka soorataatti fayyadamu. Bineensotaan alas biqiltuun mixii sooratu ni jira. As biratti gaafii tokko kaasuun keessan hin oolamu. Biqiltuun akkamitti lubbu qabeeyyii soorata? Rabbiin uumee hin hifannee uumama gosa heddu uumee lafaa qaba. In shaa ALLAH gaafii kanaaf barruu biroo keeysatti deebii kennina.

Ajaa’ibni biraa dalagaa isaaniiti. Mixiin hundi dirqama akka qaban dubbannee jirra. Kana keessaa Mixiin ogeettiin  takka meeshaa ulfaatina isii dacha 50n caalu baadhattee bakka irraa bakkatti socho’uu dandeetti. Gama biraatiinis meeshaa ulfaatina isii dachaa 30n caalu harkisaa deemuu dandeetti. Kana jechuun ,  Ilmi namaa tokko Arba Afriikaa guddaa tokko baadhatee olii gad deemuun wal qixa jechuu dha. Subhaanallaah. Osoo Rabbiin keenna humna mixii kenne san nuuf kennee ykn akkuma mixiin takka ulfaatina isii dacha 50 caala baadhatu san baadhachuu dandeennee, nutis Arba Baadhannee olii gad deemuu dandeenna jechuu dha.

Ilma namaa qofa osoo hin taane Mixiin garee tokkoo garee biraa irratti waraana ni banan. Fakkeenyaaf gareen Amaazon jedhamuu fi gareen Froomicha jedhamu yeroo heddu walitti bu’u. Haala kanaan Mootiin garee Amaazoon Mootii garee Froomichaa ajjeesuudhaan hoojjattoota garee Sanaa hunda gabroomfatanii gara garee ofiitti maku. Kolonii mataa isaanii uumatanii jiraatu. Yeroo tokko tokkos hojjattoonni garee tokkoo gara garee biraa deemuun mixiiwwan booji’anii dalagaa heddu hojjachiisu. Waaheen mixii kun guututti qoratamee hin xumuramne. Ammas saayinyistoonni qorannoo guddaa godhutti jiru. Ajaa’ibni uumama Rabbii keennaa silaa lakkaawamee hin dhumu.

Back to top button