header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Bineensa ilmoo takka yeroo lama dhalu!

Bineensi kun Kaangaaroo jedhama. Sanyiin bineensa kanaa baay’inaan Awustraaliyaa keessatti argama. Bineensi kun sanyii Marsupial jedhamu keessatti ramadama. Marsupial jechuun bineensota ilmoolee isaanii korojoo keessa kaayatan jechuudha. Kaangaaroonis bineensota ilmoolee isaa korojoo kana keessatti kunuunsuun guddisu keessaa isa tokko. Uumamni kun haala qilleensa garagaraa keessa jiraachuu danda’a. heddumminaan Awustraaliyaa keessatti argamus, biyyoota akka new Zealand fi naannoowaan eeshiyaa tokko tokko keessattis ni argama. Yeroo ammaa kanas namoonni gara ardiilee garagaraa geessaa waan jiraniif, bineensi kun Awustraaliyaa keessa qofa jiraata yaadni jedhu soba ta’aa jira. Garuu Kaangaaroon jalqaba Ardii Awustraaliyaa keessa qofa jiraataa ture.

Kaangaaroon lafa mukkeenii, gammoojjii hoo’aa, lafa margaan badhaadhee fi, naannawa gaarreeniis ni jiraata. Sanyiin tokko naannoo tokko yoo jiraate, kan biraa ammoo naannoo biraa jiraata. Carraan sanyii Kaangaaroo garagaraa bakka tokkotti arguudhaa akkaan xiqqaa dha. Fakkeenyaaf Kaangaaroon diimaan naannoo diriiraa fi goggoogaa irra jiraata. Kaangaaroon daalachi ammoo naannoo akkaan jiidhaa barbaada. Kanaaf sanyii kaangaaroo kanaa naannoowwan daggalatitti baay’inaan arguun ni danda’ama. Haa ta’u malee sababa manca’iinsa bosonaa fi babal’achuu gammoojjii irraa kan ka’e, sanyii kaangaaroo daalachaa baay’inaan arguun hin danda’amu. Bara gammoojjummaan babal’atte kanatti ammoo Kaangaaroon diimaan naannoo heddutti babal’atee argama.

Kaangaaroon bineensota herbivorous keessatti ramadama. Kana jechuun baala soorata jechuudha. Kaangaaroon cufti isaaniituu, yeroo aduun akkaan hammaattutti gaaddisa jalatti daheeffatu. Yeroo lafti halkanaayuu fi yeroo aduun qabbanooftu, soorata ofii babaaduudhaaf olii gad deemu. Hedduun isaanii marga lafaa dheedu. Kanaaf akka mijaahuuf qaarriffaa marga hidda jalatti muruu danda’u badhaafamanii jiran. Marga qarriffaan ciranis a’oo isaaniitiin alanfatu. Yeroo alanfatan kana garuu guutumaan guututti hin bulleessan. Eega xiqqoma isii jiisaniin booda liqimsu. Eega dheedanii garaa guutanii booda, soorata garatti dabarsan san deebisanii alala dhahu. Yeroo kanatti seeraan erga bulleessaniin booda liqimsu.

Sooranni Kaangaaroo heddumminaan Faaybarii kan qabu yoo ta’u, soorata pirootiinii muraasa qabu sooratu. Garaacha isaaniitTu soorata akkanaa qofa barbaada. Akkuma uumama kamuu bishaan kan isaan barbaachisu tahus, bishaan malee guyyoota hedduuf turuu danda’u. heddumminaan bishaan isaan barbaachisu, marga sooratan keessaa argatu. Garuu qaama keessaa bishaan dhabanii bishaan yoo isaan barbaachise, kottee isaaniitin lafa qotuudhaan bishaan barbaadanii baasu. Sababa manca’iinsa bosonaa fi babal’achuu gammoojjummaatiin soorata isaan barbaachisu haala gaariin argachuu hin dandeenye. Gama biraatiin beeyladoonni fi bineensonni birootis soorata jirtu isaanitti falmaa waan jiraniif, waan barbaadan akka barbaadanii fi haga barbaadaniin argachuu waan hin dandeenyeef, yeroo heddu godaansaaf saaxilamanii jiru.

Sanyii ofii bakka buufatuudhaaf walqunnamtii wal hormaataa raawwachuuf yeroo roobaa filatu. Yeroo kanatti margaa fi bishaan heddu waan argataniif adeemsi wal hormaataa akkaan saffisa. Dhalaan kaangaaroo yeroo rimaya qabachuu dandeettu too’achuu dandeetti. Yeroo barbaaddetti qofa rimaya qabatti. Kana jechuun rimaya qabachuudhaaf dirqamatti soorata gahaa argachuu qabdi. Bakka sooranni hin jirretti, osoo waggaa guutuu walqunnamtii walhormaataa raawwataniiyyu, rimaya hin qabattu. Dabalataanis bakka soorataa fi bishaan gayaan hin jirretti warri dhiiraatis sanyii gahaa ta’e qopheessuu hin danda’an.

Kaangaaroon erga Walqunnamtii wal hormaataa raawwattee rimaya qabatteen booda, Ji’a takka keessatti ilmoo xiqqoo quba namaa geettu dhalti. Silaa guyyaa haganaa keessatti wanti dhalatu hanqaaquu ykn killee ta’uu qaba malee ilmoo ta’uu hin qabu. Ilmoon dhalatte kun luka duubaa hin qabdu, garuu harka duraa Rabbi isii kennee jira. Isuma saniin erga qaama walhormaataa keessaa baateen booda gara sadarkaa itti aanuu cehuudhaaf jecha, harkuma san fayyadamtee gara korojoo haadhaa imalti. Yaa Allaah!………. Subhaanallaah!………. Korojoon haadhaa gubbaa san jiraachuu eenyutu itti hime laata? Daqiiqaa sadihiif harkisa lafaa dandamattee umrii isii ji’a takkaa kanaan deemsa dheeraa san erga gooteen booda korojoo bira geettee keessa qubatti.

Erga Korojoo haadhaa keessa qubatteen booda afaan isii mucha haadhaa kan korojoo keessa jiru tokkotti maxxansiti. Kana booda Haati aanan isiif ta’u achi keessatti soorti. Adaduma guyyaan isii dabalaa deemuun sooranni gama mucha haadhaatiin dhufus jijjiiramaa deema. Adeemsa kana booda gaafa umriin isii ji’a sagal guutu kaangaaroo nuti beeknu taati. gaafa kana lammata korojoo haadhaa keessa dhalattee addunyatti makamti. Addunyaan haarofti tun isiif waan addaati.

Ilmoon jalqaba dhalattu akkaan xiqqoodha. Rifeensas ofirraa hin qabdu. Kanaaf saffisaan gara korojoo haadhaa yoo galte malee lubbuun turuun isiitis mamsiisaa dha. Erga korojoo keessa seenteen booda mucha haadhaatitti rarraati. Haatis yeroo kana korojoo isii kana akka ziippiititti cufuudhaan qorraa fi wantoota miidhaa irraan gahuu danda’an irraa ittisti. Gama biraatiinis yeroo olii gad deemtu ilmoon xiqqoon tun akka hin daddaaqneef korojoo san walitti suntureessuudhaan ilmoo ofii qabdi.

Subhaanallaah! Rabbiin keenya waan hunda akkuma ajaa’ibaatitti uume. Warri qalbiin hoongoo garuu, har’as wanti kun akka tasaa argame jedhu.

Akkuma sila ibsame Kaangaaroon garaa irraa Korojoo ykn kiisha qabdi.  Ilmoon baatii tokkoo eega dhalattee booda, korojoo kana keessa seentee hanga gaafa guddattuutti achuma keessa turti. Sanyiin gariin baatii 9 qofa korojoo kana jeessa turu. Sanyiin gariin ammoo haga woggaa tokkoof cinaatis korojoo kana keessa turuu danda’u. ilmoon korojoo keessa turte tun amma gara addunyaa haarawaatti gad baati. Addunyaan kun isiif haarawa. Waan gootu tokkollee hin beektu. Kanaaf gargaarsa haadhaatiin waan jiru cufa baratti. Kufaa ka’aa addunyaa haarawaan walbarati. Garuu qilleensi haarofni kun waan isitti ulfaatuuf, daftee gara korojoo haadhaatitti deebiti. Haga waggaan itti aanus dabrutti, haaluma kanaan korojoo haadhaa keessatti riphxi, yeroo mijaaheef bahaa jiruu ofii geggeeffatti.

Haati tun ilmoo tana osoo ofuma biraa qabdu, ilmoo biraatis ni dhalti. Yeroo kana Rabbiin keenya Haadha tanaaf dandeettii biraa kennee jira. Ta duraa osoma akkasitti jirtu, tan biraa akkuma duraa sanitti dhalattee gara korojoo imalti. Yeroo kanatti haati aanan gosa lamaa oomishuu jalqabdi. Ilmoo isii ta jalqabaa saniif aanan furdaa faatii qabu kan qopheessitu yoo ta’u, tan haarawa dhalatteef ammoo aanan haphii ittiin guddattu mirgiti. Subhaan ALLAH.

Kaangaaroon garee uumuudhaan gamtaan waliin jiraatu. Lakkoofsi miseensa isaanii haala naannoo isaanii irratti hundaa’a. Bakka sooranni baay’een argamutti lakkoofsi miseensa isaanii ni guddata. Bakka rakkoon jirutti ammoo miseensi ni xiqqaata. Gareen tokko tokko ammoo yeroo lakkoofsi isaanii dabalaa deemu adda cituun garee biraa uumanii jiraatu. Dabree dabree gareema tokko keessattis garee xixiqqaa kan biraa uumuudhaan walumaan jiraachuu itti fufu. Baay’inni miseensa gareedhaa kormaa fi dhalaa walqixa qabaatus, hoogganaan garichaa, dhiira tokko qofa. Garee san bakka dheedumsa kan geessu isa. Osoo inni garee san keessa jiru Kormaan biraa dhaltuu koruu (walqunnamtii wal hormaataa raawwachuu) hin danda’u. kanaaf kormaa fi dhaltuun adaduma guddataa dhufaniin garee san gad dhiisanii deemuu filatu.

Dhiirri tokko waggaa tokkoof qofa hoogganaa garee sanii ta’uudhaan jiraata. Gaafa waggaan tokko dhumatu garuu, humnaa fi jabina warra dhiiraa isa boodaan dhufanii dandamachuu hin danda’u. Kanaaf aangoo isaa abbaa humnaa biraatiif dabarsee, ofii ammoo miseensa ta’ee itti fufa.

Booksii fii dhiitichaan wal haleeluun Kaangaaroo biratti baratamaa dha. Sababni booksiin wal dhahaniif heddutu jira. Yeroo garii taphaaf jecha wal haleelu. Kunis faayidaa lama isaaniif kenna. Inni duraa isaan booharsuu yoo ta’u, kan lammataa ammoo jabina akka qabaatan isaan gargaara. Haa ta’u malee sababaan ijoon booksiin waldhahaniif dhaltuu dha. Mirga abbaa ilmoolee tahuu argachuudhaaf jecha humna qaban cufa walitti fixatan. Ka moohatee, dhaltuu fudhatee gala. Kanaaf warri dhiiraa hoggayyuu akkuma walii diinoomanitti jiraatu. Dhaltuun garuu faallaa kanaati. Hundi isaaniituu jaalala waliif qabu. Bakka rakkoon jirtuttiis walbira dhaabbatu. Haati takka osoo duutee, ilmoo isii akkuma ilmoo isaaniititti kunuunsanii guddisu

Kaangaaroon Bineensa waa heddu dandamatuu danda’uu dha. Bakka bishaanii fi margi hin jirretti yeroo dheeraadhaaf turuu danda’a. Rabbiin keenyallee gama kanaan dandeettii addaa kenneefii jira. Gaalli dalluu isaa keessatti bishaan kuufatee, yeroo dheeraaf turuu danda’a. Kaangaaroon garuu osoo waan takka hin kuufatin turuu dandeetti. Bakka bishaanii fi margi gahaan hin jirretti, wal hormaanni isaanii ni xiqqaata. Dhiirri sanyii dhiiraa qopheessuu hin danda’u. Goromtiinis gadameessa kessatti ilmoon akka uumamu hin eeyyamtu. Walumaa galatti yeroo haalli qilleensaa akkaan ulfaataa ta’ettis kaangaaroon dandamatee jiraachuu danda’a.

Kaangaaroon sanyiiwwan bebeekkamoo sadi qaba. Isaanis Kaangaaroo Diimaa, Kaangaroo daalacha bahaa fi Kaangaaroo daalacha dhihaati. Kaangaaroon diimaan bifa Magaala gogaa isaa irraa qaba. Kaagaarroowwan jiran keessaallee dheeraadha. Yeroo takkaan haga meetira 5 utaaluu danda’a. Mataan isaa xiqqaa yoo ta’u, gurri isaa gurguddaa dha.  Kormaan haga Kiiloograama 90 kan ulfaatu yoo ta’u, dhaltuun ammoo haga Kiiloograamaa 50 ulfaatti. Sanyiin kun guyya guyyaa gaaddisa jalatti daheeffachuun yeroo haalli qilleensaa qabbanaawu soorataaf olii gad sochoo’a.

Kaangaaroon Daalachi Bahaa ammoo halluu daalacha kan qabu yoo ta’u, kaangaaroo diimaan yoo walbira qabamu, akkaan xiqqaa dha. Dhiirri Haga kiiloograama 55 kan ulfaatu yoo ta’u. dhaltuun ammoo kiiloograama 45 ni taati. Sanyiiwwan kaangaaroo keessaa saffisa jabaa qaba. Sa’aa takkaanis kiiloomeetra 50 fiiguu danda’a. Kaangaaroon daalachi lixaa ammoo Sanyiiwwan Kaangaaroo keessaa isa guddaa dha. Akkasumas Sagaleen isaatis kan kaawwan ni caala. Akkuma Kaangaaroo Diimaa Soorataaf yeroo haalli qilleensaa tasgabbaahaa ta’etti socho’a.

Kaangaaroon diina heddu hin qabu. Sanyiin Saree kan Diingoo jedhamu yeroo tokko tokko yoo walitti dhufan miidhaa irraan gahuu mala. Gama biraatiin diinni isaanii guddaan Jeedala. Naannoo tokko tokkottis, sanyiin adurree kan Tasamaaniyaan Devil jedhamus Kaangaaroo ni ajjeesa. Risaan ammoo ilmoolee xixiqqoo soorataaf jecha adamsa. Walumaa galatti ilmoolee xixiqqoo irratti bineensonni miidhaa geessan jiraatanis, yeroo heddu Kaangaaroon gamtaan waan jiraatuuf jireenya tasgabbii qabdu jiraata.


 Qophii Abu Ibtisam

 

Comment

Back to top button