Qophii: Abu Ibtisam
Dachii irra dhaabbannee yoo gara samii ol ilaallu, urjiilee iddoo adda addaa qabatanii tarree galan argina. Samiinis duumessaan guutamtee yeroo garii immoo duumessarraa qulqullooytee miidhaydee mul’atti. Akka hubannoo keenyaatti, Aduun ganama baatee, galgala immoo seenti. Lafti Immoo bakka jirturraa hin sochootu. Kun garuu hubannaa keenya. Dhuguma ija qulqulluu tanaan qofa waan hawaa kana keessa deemaa jiru adda baafatanii beekuun rakkisaa dha. Saayinsiin har’aan tana sadarkaa guddaa irra gahee hawaa keessa deemee qorannoo godhaa jiru kunis, erga Teleskoppiin hojjatameen booda wantoota samii kana keessatti raawwatamaa jiran adda baafatee beekuu danda’e. Ummanni uumama teleskooppiitiin dura ture, dachiin bakka takkatti akka dhaabbattefi, akkasumas aduun lafa marsaa akka jirtu hubatan. Kana booda namoonni akka Koopparniik, Kepleer fi Gaaliliyoo ammoo dhufaniiti dachiin irra jirru, aduu bakkuma takka dhaabbatte irra naannayaa jirti jedhanii murteessan.
Argannoon kun seenaa saayinsii addunyaa keessatti jijjiirama guddaa fidee jira. Ilaalchaa fi yaada namootaa jijjiiree ture. Garuu deebisaa guutuu kennuu hin dandeenne. Aduun bakkuma takka dhaabbattee akka jirtutti haasawan. Kana booda erga Teleskooppiin fooyya’aan/advanced ta’e uumameen booda Plaanetoonni hundi aduu irra akka naannawan bira gahame. Aduunis sochii irra akka jirtu hubatame. Argamni kunis aduun sa’aatii takka keessatti saffisa kiloomeetra 720,000n socho’aa jirti jedhan. Argamni jaarraa digdammaffaa keessa bira gahame kun Qur’aana keessatti garuu waggaa 1400 dura ibsamee jira.
‘Aduunis hanga daangaa murtaa’etti deemti. Sun murtee (Rabbii) injifataa, beekaa (ta’ee) ti.’ Suuraa Yaasin aayaata 38
‘Aduun Baatii dhaqqabuun isiif hin ta’u, halkanis guyyaa hin dursu, hunduu sarara ykn oorbiitii isaanii keessa yaa’u.’ Suuraa Yaasin aayaata 40
‘Inni isa halkanii fi guyyaa, aduu fi baatii uumeedha; hunduu oorbiitii (isaanii) keessa daaku (deemu)’ suuraa Anbiyaa aayaata 33
Akkuma amma aayaa Qur’aanaa irraa hubatuu dandeennetti, aduu fi urjiileen biroos sochii mataa isaanii keessa jiru.
Nama qalbii qabuuf quraanni ammallee mu’ijizaa ajaa’ibaa takka lafa nuuf kaayee jira. Mee suuratu-Assaaffaat aayaa 5ffaa waliin haa ilaallu:
‘Inni (Gooftaa) samii, dachii fi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniiti. Inni gooftaa kallattiilee baha adda addaati.’
Jechi Arabiffaa kan MASHAARIQ jedhu, kallattiin baha jedhamu tokkoo ol akka jiru akeeka. Kana jechuun baha heddutu jira jechuudha. Aduun jirtu takka, baha jechuunis kallattima aduun ittiin baatu, garuu yeroo aduun nu biraa baatu, naannoo biroo ammoo xiqqoo isii turtee baati. Kanaaf ummata biyya garagaraa fi eddo garagaraa jiruuf aduun yeroo garagaraa baatiif. Aduun bakka takkaa yoo baatu bakka takkaa immoo ni dhiiti. Kanaafuu biyya takkaaf baha yoo tahu, biyya takkaf immoo dhiha taha jechuudha. Haala kanaan guyyaaf halkan wal jijjiiraatuma deemu. Kunis waan dachiin tun geengoo taateefi. Namoonni eddo gagaragaa jiran, akka sa’aatii biyya isaaniitti aduun baha isaaniitiin akka baatu beekan. Aduun jirtu takkuma, dachiin jirus tokkuma, garuu yeroo fi eddoon isiin ittiin as baatu garaagarumaa qaba.
Mee namoota waa qalbiin xiinxallaniif gaafilee muraasa waa’ee aayatoota jajjabaa amma dubbannee irraa haa gaafannuu. Gaafiin duraa, Akka Qur’aana keessatti ibsametti Aduu fi Urjiileen biros yeroo dheeraa irraa kaasee sosochii irra akka jiran waggaa 1400 dura ibsamee jira. Namni waa barreessuu fi dubbisuu hin dandeenne tokko, waggaa 1400 dura dachii tanarra jiraate, aduu fi wantoonni biroo sosocho’aa jiran jedhee dubbatee jira. Saayintistoonni jaarraa 19 keessa jiranuu dhimma kana fudhatuu didanii turan, inni akkamitti waan kana bara sanitti argatuu danda’e? Akkasumas Nabi Muhammad (SAW) bara ilmi namaa cufti isaatuu ilaalchi aduu fi wantoota biraatiif qabu hundi isaatuu dogoggora ta’e sanitti, akkamitti yaada faallaa namoota sanniinii dubbatuu danda’e? Deebiin gaafilee kanaa Qur’aanni haasawa Rabbii akka ta’e yoo fudhanne arganna. Garuu Qur’aanni haasawa ilma namaatii jenna taanaan gaafileen heddu madduun isaanii hin oolamu. Wantoota kanniin jaarraa san keessatti dubbatuudhaaf dirqamatti nama addaa ta’uun barbaachisaa dha. Kanaaf Nabi Muhammad (SAW) ergamaa Rabbii ta’uu isaanii shakkiin malee dubbanna. Akkasumas Qur’aanni jecha Rabbii malee kan biraa akka hin taanes guutumaan guututti amannee fudhanna.
Walumaa galatti akka Qur’aana keessaa hubannetti wantoonni hawaa kana keessa jiran, Aduun, Jiini, Urjiilee, Plaaneetonni, fi wantoonni biroo heddu kan Rabbiin uumaman cufti isaaniituu falaka (oorbiitii) mataa isaanii irra naannayaa akka jiran hubatuu dandeennee jirra. Dubbii kana ammoo Nabi Muhammadtu (SAW) matama isaanii keessaa kaasanii haasawan yoo jenne, gaafilee heddu gaafatuun nurratti dirqama ta’a. Bara sanitti Teleskooppii fi meeshaalee saayinsiitiin malee akkamitti argachuu danda’an jennee yoo gaafanne deebiin argannu tokko qofa ta’a. Innis Rabbii dachii fi samii akkasumas wantoota kanniin cufa uumetu isaan beeksise jennee goolabna.