Jaarraa dheeraadhaaf ilmi namaa Gooftatti amanaa ture. Haalli itti gabbaran garaagarummaa haa qabaatu malee, namni hundi gooftaa gabbaru qaba. Ummanni Islaamummaa, Kiristaanummaa fi amantii Yahuudaa hin argin hedduun isaanii amantii mataa ofiitiin jiraataa turan. Hunduu akka Rabbi isaan uume ni amanan. Hunduu yoo waan takka rakkatan harka isaanii gara samii ol qabanii Rabbiin kadhatan.
Fakkeenyaaf Ummanni Oromootis dur irraa kaasee Malkatti bahee yaa waaq nuu Roobi jedhaa kadhataa ture. Kun hundi waan takka nuu akeeka. Waaqatti amanuun ykn ammoo jiraachuu Rabbiitti amanuun waanuma Rabbiin qalbii namaa keessa kaaye ta’uu isaati. Ummanni Roomaa durii Rabbii tokkichatti amanuu baatanis, gooftolee garagaraa, kan Akka Juppitar, Saatarn, Maarsii fa’a ni jiran jedhanii maqaa garagaraa moggaasuun amanaa turan. Gooftaa jaalala uume, Gooftaa roobaa, gooftaa waraanaa fi kanneen birootis heddu maqaa itti moggaasanii amanaa turan. Booda irratti amantiileen biroo dhufnaan, namuu amantii kanniin fudhachuu jalqabe. Amantii jaarraa hedduuf akkanatti ture kana, Daarwiin jaarraa 19ffaa keessa dhufee Rabbi hin jiru jechuun yaada tokko burqisiise. Jaahillan isa boodaan dhufanis jechuma isaa kana qabatanii isa faana bu’an. Nutis akka yaada isaanii fudhannu nu godhuuf carraaqan.
Oromoon jechuma ‘Waaq’ jedhu eessaa fide laata? Warri Roomaa hoo ‘gooftaa jaalalaa, gooftaa Roobaa’ jedhaa akkamitti waa moggaasuu danda’an? Jiraachuu Rabbiitti amanuun waan guyyaa keessa namni dagaagfatee miti. Gaafuma dhalatu amala kana wajjiin dhalata. Ilmi namaa Yeroo garaa haadhaatii bahuu kaasee, Qaamni jabaan humna qabuufi gabbaramuu haqa godhatu akka jiru qalbiin isaa ni beeka. Dhimma kanarratti qorattoonni garagaraa yeroo garagaraatti qorannoo geggeessanii turan. Qorataan Dr Justin Barret jedhamu dhimma kanarratti akkana jedhe, “Ragaan saayinsii waggoota kurnan dabraniif walitti qabame akka garsiisutti, ijoolleen xixiqqoon addunyaan tun qaama wahiitiin akka uumamte qalbii isaanii keessatti amanan. Uumama kana duubaanis qaamni wahii akka jiru yaadan. Osoo ijoollee muraasa fuunee eddoola namni tokkollee hin jirre irratti darbinee, Nama Rabbitti amanu tahanii guddatan”jedhe. Akka dubbii nama kanaatti, qalbiin ilma namaa gaafa dhalattu irraa kaastee amantii akkanaa akka qabaattu godhamtee dizaayin godhamte. Rabbitti amanuu dhabuun waan qalbii ilma namaa keessa jiruu miti.
Yunivarsiitii Oksfoorditti Saaykolojistiin Dr Olivera Petrovich jedhamu dhimma amantii irratti qorannoo heddu eega geggeesseen booda akkana jechuun yaada isaa guduunfe. “Rabbitti amanuun waan uumamaan jiru. Awaama ta’uun ykn amantii diduun garuu waan nuti ofumaa of leenjisnu”jedhe. Dhugaa isaati. Namni hunduu Amantii Islaamummaa irratti akka dhalatu ergamaan Rabbii (SAW) nu barsiisanii jiran. Eega dhalateen booda Maatiin daa’ima sanii akka ofii barbaadan san isa godhan. Warri awaamaa ammoo eega guddatanii beekumsa heddu goonfatanii booda, Rabbi hin jiru jechaa of amansiisuu jalqaban. Kanaan ala garuu namni awaama ta’ee dhalatu hin jiru.
Ilmi namaa gaafuma garaa haadhaatii bahe irraa kaasee wantoota ajaa’ibaa hedduun marfama. Jiraachuudhaaf Oksijiinii isa barbaachisa. Addunyaan daa’imni sun keessatti dhalate ammoo galanni Rabbiif haa ta’uu Oksijiinii gahaa daa’ima saniif qofa osoo hin taane, ilma namaa cufaaf ta’u qabattee jirti. Mucaan sunis osoo namni tokko isatti hin himin harganuu jalqaba. Dachii tanarra lubbuun turuudhaaf hoo’a barbaada. Hoo’a kana ammoo Aduu fageenya madaalawaa irra nuuf teesse tanarraa arganna. Hoo’aa fi anniisaalee haala barbaannuun nuuf gumaachiti. Ilmi namaa jiraachuudhaaf soorata isa barbaachisa. Soorata isaaf barbaachisus gosa barbaadeen Addunyama tana keessaa argata. Bishaan yoo taates, dachii tanarra bashbasha. Dachiin tun qaamni isii dhibbeentaan 75 tahu bishaaniin uwwifamee argama. ilmi Namaa mana barbaada. Mana ijaarrachuudhaaf wantoota isa barbaachisan ammoo naannooma isaa kanarraa argata. Wantoota kanniin hunda daa’imni argaa guddate, akkamitti wanti kun akka tasaa argame jedhee amana? Daa’imni tokko akkuma ol guddataa deemuun abbaan isaa uffata yoo isaaf bitu arga. Uffata san argachuu isaatiif akkuma abbaan sababaa ta’e san, Rooba samii irraa gad dhangala’uufis qaamni wahii sababaa akka ta’e osoo namni tokkollee isatti hin himin beekaa guddata.
Walumaa galatti ilmi namaa naannoo haala ajaa’ibaatiin dizaayin godhame keessatti uumame. Rabbillee Qur’aana keessatti akkana jedha:
Ø£ÙŽÙ„ÙŽÙ…Û¡ تَرَوۡاْ Ø£ÙŽÙ†ÙŽÙ‘ ٱللَّهَ سَخَّرَ Ù„ÙŽÙƒÙÙ… مَّا ÙÙÙŠ ٱلسَّمَٰوَٰت٠وَمَا ÙÙÙŠ ٱلۡأَرۡض٠وَأَسۡبَØÙŽ عَلَيۡكÙÙ…Û¡ Ù†ÙعَمَهÙÛ¥ ظَٰهÙرَةٗ وَبَاطÙنَةٗۗ ÙˆÙŽÙ…ÙÙ†ÙŽ ٱلنَّاس٠مَن ÙŠÙجَٰدÙÙ„Ù ÙÙÙŠ ٱللَّه٠بÙØَيۡر٠عÙلۡمٖ وَلَا Ù‡Ùدٗى وَلَا ÙƒÙتَٰبٖ Ù…ÙّنÙيرٖ Ù¢Ù
‘Sila akka Rabbiin wantoota samii keessaatiifi wantoota dachii keessaas isaaniif laaffisee, tola isaa mul’attuu fi dhokattus irratti dhangalaase hin argitanii? Namootaa irraas nama beekumsa, ragaa fi kitaaba ibsaa ta’een maletti (waa’ee) Rabbii keessatti falmutu jira.’ (Luqmaan 31:20)
Namoota Ragaa fi beekumsa gahaa waa’ee hawaa kanaa hin qabne qofatu, Rabbi hin jiru jedhaa falma. Namoota kanniintu kijibaan ummata dhamaasuudhaaf carraaqa. Namni olola namoota kanniinii irraa fagaatee dhugaa jirtu beekuudhaaf carraaqqate garuu, shakkii malee dhugaa barbaadu san ni argata. Rabbillee karaa isaaf bana. Walumaa galatti yaadni Rabbitti amanuu kun, gaafuma duraa qalbii namaa keessatti maxxanee waan uumameedha. Rabbitti amanuun waanuma akka harkaa fi ijaa qaama keenya wajjiin uumameedha. Namnummaan an amantii hin qabu jedhee haasawu yeroo rifatu maqaa Rabbii waama. Inni kunis Rabbitti amanuun waanuma uumamaan ilma namaa wajjiin uumame akka ta’e nu amansiisa.
Haala uumama naannoo keenyaa yoo ilaallu, wantoota hunda keessa qindoominni ajaa’ibaa akka jiru hubatuu ni dandeenya. Hayyuun Fiiziksii, Stephen Hawking yeroo tokko akkana jedhee ture, “Adaduma beekumsi nuti waa’ee Hawaa kanaatiif qabnu dabalaa deemuun, uumamani kunniin hundi seera waal ta’aa tokkoon bulaa akka jiran hubatuu dandeenya”jedhe. Dhugaa isaati. adaduma wantoota hawaa kana keessa jiran hubataa deemaniin, qindoomina hawaa kana keessa jiru akka amanan isaan taasisa. Wanti hundi seera mataa isaa qaba. Seerri gariin ka nuti beeynu, gariin ka nu jalaa dhokataa taheedha.
Fakkenyaaf moobaayila harka keessan keessa jiru ilaalaamee. Moobaayilli kun, dawwitii, plaastikaa fi sibiila irraa hojjatame. Daawwitiin cirracha irraa argama; plaastikni ammoo zayta boba’aa irraa argama; sibiilli ammoo lafa keessaa qotamee baafama. Mee amma yaadaan gammoojjii Arabiyaa keessa deemaa. Gammoojjiin Arabiyaa cirrachaan guutamaadha. Akkasumas boba’aa fi Sibiillis hedduminaan lafa jalatti argama. Osoma gammoojjii kana keessa deemaa jirtan, Moobaayila tokko lafatti yoo argitan. Mobaayilli kun akka tasaa uumame jettanii amantuu laata? Bubbeen cirracha walitti haree, Aduun ammoo boba’aa lafa keessaa dhoosee, akkasumas sababaa oowwaatiin sibiilli lafaa ol bahee eega wantoonni kunniin waggoota miiliyana hedduuf akkasitti turaniin booda, Moobaayilli kun akka tasaa carraan argame jettanii amantuu? Namni aqlii fayyaa qabu waan kana akka hin amanne nama hundaafuu ifa. Mobaayiliin xiqqoon nuti of harkaa qabnu kun, bu’aa dizaayinii fi qindoomina garagaraa akka ta’e amanuun nama hin dhibu. Haaluma Kanaan wanti hawaa kana keessa jirullee seera mataa isaa akka qabu amanuun salphaadha. Wanti hawaa kana keessa jiru hundi qindoomina ajaa’ibaa qaba. Wanti hunduu haala qalbii namaa hawatuun, Mijaawaa godhamee uumamee jira. Kanaafuu, Jawwaalli xiqqoon sun akka tasaa argamuu hin dandeettu jennee eega amannee, Hawaan ajaa’ibaa kun hoo akkamitti akka tasaa argame jennee amanna laata? Jiraachuu Rabbii nuti muslimoonni hin shakkinu. Haa ta’u malee namoota dhama’anii dukkana keessa jiraniif garuu hikmaa garagaraatiin ibsuun barbaachisaadha.
Jaarraa 20ffaa jalqabarratti saayitistoonni muraasni hawaan kun jalqabaa fi dhuma hin qabu jedhanii amanaa turan. Kanaafuu hawaan kun waan isa uume akka hin qabne dubbatan. Haa ta’u malee kosmolijistoonni booda irra dhufan; dachiin irra jirru tunii fi hawaanis jalqaba akka qaban nutti himuu jalqaban. Umriin hawaa kanaatis waggaa biiliyoona 14 dura akka ta’e nuu ibsan. Kunis gaafa dhoohinsa guddaa, “Big Bang”jalqabe jedhan. Eega hawaan kun jalqaba ni qaba jedhanii nuu amananii, nutis gaafii muraasa isaan gaafachuu barbaanna. Mee xiinxallaa, Sagalee dhukaasaa wahii dhageettan. Yeroo kanatti wanti gaafattan, Sagaleen kun eessaa dhufe kan jedhu ta’a. Osoo namni isin gaafattan, bakka hin jirre irraa akka tasaa dhufe jedhee isinitti himee amantuu laata? Abadan amanuun rakkisaa dha. Sagaleen yoo jiraate, bakki sagaleen sun irraa dhufe ammoo beekamuu qaba. Haaluma walfakkaatuun dhoohinsi guddaan ykn ammoo big bang sababa dhooheef qaba. Waan isa dhooses shakkii malee ni qaba. Kanaafuu wanti dhoohinsa guddaa saniif sababaa ta’e maal akka ta’e gaafatuunis barbaachisaadha, sababaan isaa maalii jennee gafanna. Ammas sababa biraa yoo nuuf kennan, sababaan sanii hoo jedhaa deemuun dirqama ta’a. Haaluma Kanaan osoo gaafataa jirru sababaa bu’uura ta’e san bira gahuun waan hin oolamne.
Mee fakkeenya takka haa xiinxallinu! Sniper ykn namni bifleen qawwee aggaamee dhukaasu tokko, diina ajjeefamuu qabu tokko argee itti dhukaasuudhaaf waan hunda qajeelfatee jira. Dhukaasuudhaaf ammoo hayyama hoogganaa isaa argachuu qaba. Kanaafuu gara hogganaa bilbilee akka isaaf hayyamamu gaafannaan, hoogganaan isaatis, hoogganaa kiyya gaafadhaa jedhee hoogganaa ol aanaa bira dhaqa. Snaayippariin kun dhukaasee diina san ajjeesuudhaaf dirqama ajajaafi hayyama hoogganaa ol aanaa argachuu qaba. Kanarraa ka’uudhaan humna jabaa kan qabu eenyu akka ta’e tilmaamuun salphaadha. Namicha aangoo guddaa qabu santu humna guddaa qaba. Qawween sun ofiin dhuka’uu hin danda’u. Isnaayippariin sunis lafumaa ka’ee dhukaasuu hin danda’u. Hoogganaanis akkanumaan akka dhukaafamu hin hayyamu. Hunduu sababa mataa isaa qaba. Waan isa qajeelchuuf isa ajaju qaba. Haaluma walfakkaatuun dhoohinsi guddaan (big bang), akkanumaan lafaa ka’ee hin dhuka’u. Sababaan isa dhoosu Tarii wal nyaatinsa elamantootaa ta’uu danda’a. Elamantoonnis akkasuma. Osoo haala Kanaan deemnu uumaa wantoota sanniin hunda uume bira geenya. Hayyama Uumaatiin malee dhuka’uu hin danda’u. Inni ajaja nama tokkoollee hin barbaadu. Ofuma isaatii waan barbaade murteessuu danda’a. Inni zalaalam jiraataa dha.
Walumaa galatti jiraachuu waan tokkootiif sababaan barbaachisaa dha. Sababaan sun ammoo bakka irraa ka’uu fi qaama isa sochoosus ni qaba. Haala Kanaan hawaan kun sababaa irraa argame qabaachuun isaa jiraachuu Rabbiitiif ragaa gahaadha.
Qophii: Abu Ibtisam