header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Injifannoo Roomaa fi lafa akkaan gad dhooqaa ta’e

Jaarraa torbaffaa keessa, yeroo Islaamummaan reefuu dagaagaa jirutti impaayeroota jajjabaa lamatu ture. Isaanis Impaayera Roomaa (Biizaantaayin) fi Impaayera Faars (Parzhiyaati). Bara 613 -614 Akka Lakkoofsa Miilaadiyaatti impaayeroonni kunniin lamaan waraanatti seenanii injifannoon kan warra Faars ta’e. Warri Roomaa moohamuu isaaniitiin kasaaraa guddaatu isaan tuqe. Sababa kanaaf Magaalonni akka Dimashqii fi Al Quds (jerusalem) harka Faarsiititti kufan. Seenaa kanaan walqabatee, Mu’jizaa Qur’aanaa lama waliin ilaalla. Qur’aana keessatti Suuratu-rruum jalqabarraa kaasee hanga aayaa Afraffaatitti haala kanaan ibsamee jira

“Aliif, Laam, Miim. Roomaan injifatamte. Irra dhooqa dachii keessatti (injifataman). Isaanis Moo’atamuu isaanii booda fuulduratti ni moo’atu.. Waggoota Muraasa keessatti (Moo’atu). Murtiin dhimma duraas ta’ee boodaa kan Rabbiiti. Guyyaa san Mu’umintoonni ni gammadu”

Aayatoonni kun naannoo bara 620titti, erga Roomaa injifatamteen waggaa 7 booda buufame. Yeroo kanatti warri sanama gabbaru, ummanni Faarsi, warra Kiristaanaa kan ta’an Roomaa injifatanii jiran. Yeroo kanattis naannoon cufti isaatuu too’annaa warra Faars jala jira. Moohatamuu isaaniitiinis warri Roomaa heddu miidhamanii jiran. Inumaayyuu waan deebi’anii akka biyyaatitti dhaabbatan hin fakkaatan. Haa ta’u malee qur’aanni warri Roomaa if duratti humna jabeefatee tokkummaa uumuudhaan akka moo’achuuf jiran dubbate.

Faarsiin cinatti Impaayeroonni xixiqqoon yeroo san turan, kan akka Alvaar, Islaav fi Loombaard Impaayera Roomaa irratti dhiibbaa guddaa geessanii turan. Warri Alvaar waraana Roomaa irratti bananiin injifannoo guddaa goonfatanii, haga dallaya Koonistaantinooppil dhufuun mooticha Roomaa qabuuf yaalii godhanii turan. Gama keessaatii ammoo bulchitoonni hedduun isaanii Hiiraql (Heraaklas) irratti fincilanii jiran. Haala kanaan Impaayerri guddaan sun diigamuudhaaf yeroo muraasatu isaaf hafe fakkaata. Biyyoonni akka Mesoppotaamiyaa, Suuriyaa, Falasxiin fi Armeeniyaa ammoo harka Faarsiititti galanii jiran. Walumaa galatti namni yeroo sanitti haala kana xiinxallee ilaale, Impaayerri Roomaa kufaa jira jedhee murteessa. Namni Roomaan deebitee akka biyyaatti ijaaramti jedhee yaadu hin jiraatu. Qur’aanni garuu moohamuu Roomaa erga ibseen booda waggoota muraasa keessatti ammoo deebitee akka moohattu ibse.

Moohatamuu isaanii hordofee, mootonni Roomaa Warqii fi Meetiin bataskaanota keessatti walitti qabamee jiru cufti isaatuu baqfamee akka gara maallaqaatitti jijjiiramu ajajan. Kunis meeshaa waraanaa fi baasii loltoota isaaniitiif akka tajaajilu godhame. Kaayyoon isaaniitiis lafa dhaban deebi’anii argachuu ture. Bara 627tti, waggaa torba erga Qur’aanni buufameen booda, lolli guddaan  Roomaa fi Faars jiddutti godhame. Yeroo kanatti garuu haala ajaa’ibaatiin warri Roomaa injifannoo goonfatee mirgaan gale. Warri Faars ammoo harka kennatee, lafa duraan fudhatee jiru cufa Roomaaf deebise. Injifannoon Qur’aana keessati ibsamee tures milkiin goolabame.

Mudannoo kanarraa waan takka hubatuu dandeenya. Suuraan Ruum kun akkuma warri Roomaa moohatameen buufame. Yeroo kanatti rakkina keessaa fi alaa isaan mudate irratti hundaa’ee mootummaan Roomaa fi Impaayerri guddaan sun qarqara kufaatii irra dhaabbatee jira. Haa ta’u malee Qur’aanni Rabbii kabajamaan, waggoota muraasa keessatti injifannoon kan warra Roomaa akka ta’u dubbate. Wanti duraa kan hubatamuu qabu, Ergamaan Rabbii (SAW) gara biyya Roomaa dhaqanii waraana isaanii hin argine. Akkasumas waggaa torbaan dura deebi’anii moohachuu isaaniitiif wanti beekan takkallee hin jiru. Garuu Rabbiin isaan erge waan jiru cufa isaatuu isaan beeksise. Yeroo muraasa keessatti moohatanii gammachuun akka galan itti akeeke. Kanaaf jechi kun Kan Rabbii yoo ta’e malee kan namaa ta’uu hin danda’u jennee shakkii malee dubbanna. Nama xiinxallee ilaaleef Suuraa kana keessa mallattoolee jajjabaatu jira.

Mu’jizaan qur’aanaa kan biraa kan aayaa kana keessatti argamu ibsa bakkaati. Akka aayata sadaffaatitti eddo warri Roomaa itti moohataman kana eddo lafa dhooqaa jedhee ibse. Yeroo qur’aanni buufamu sanitti waa’ee dhimma kanaa namni xiyyeeffannaa keessa galche hin jiru. Garuu eega qorannoon gama saayinsaawaatiin godhamee waa’ee sirrii galaana lafaa ibsee kaasee, aayaan tun xiyyeeffannaa keessa galte. Bakki waraanni Faarsii fi Roomaa jiddutti itti  godhame, sulula guddicha jedhama. Sululli kun Kaaba Suuriyaa irraa ka’ee, biyyoota 14 erga qaxxaamureen booda Afriikaa keessatti biyya Mozaambiik jedhamu keessatti dhumata.

Suuraan Saatalaayita irraa kaafame akka agarsiisutti, bakki Roomaa fi Faars irratti wal lolan kun naannoo Dead Sea jedhamuutti  hogguu ta’u, naannoon kunis sirrii galaanaa irraa meetira 400 gad dhooqqachuudhaan, addunyaa irraa lafa dhooqaa jedhamuun beekama. Bara Sanitti yeroo Qur’aanni bu’u san, waa’ee sirrii galaanaa fi lafa dhooqaa namni beeku hin jiru. Kana kan beekuu danda’u Rabbii bakka san uume qofa. Isatu qur’aana kanas ergamaa isaarratti buusee dhugaa jirtu nu akeeke,

Walumaa galatti aayaan kun mu’ijizaa jajjabaa lama of keessaa qaba. inni duraa, Roomaan erga mooyatamtee qarqara kufaatii geetteen booda, deebitee akka biyyaatti gad dhaabbatti jedhee waan of duraa dubbachuu yoo ta’u, kan lammataa ammoo ibsa waahee  bakka waraanni kun itti geggeeffameti. Kanaaf dhimmoota kanniin irratti hundaa’uudhaan Qur’aanni kun mu’jizaalee jajjabaa heddu akka of keessaa qabu mirkaneessuu ni dandeenya. Rabbii Qur’aana kabajamaa nu badhaase galanni haa gahu.

Qophii Abu Ibtisam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button