header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Meerkurii

 

Meerkuriin plaanetoota hanga amaatti beekaman keesaa xiqqoo yoo taatu, Adutti dhihaattee argamti. maqaan Meerkurii jedhu kun, maqaa sanamaa warri Roomaa dur gabbaru irraa itti moggaafame. Akka warra Roomaatti, Meerkurii jechuun ergamaa gooftaa isaanii jechuu dha. Plaanetota hawaa kana keessa jiran keessaa Meerkuriin wayta lafarraa ol laalanis ni mullatti. Barii barraaqa osoo aduun guututti ol hin bahiniifi, galgala eega aduun seentee osoo lafti guututti hin dukkanaawin, plaaneetiin tun ijaan ni mullatti. Wanti kun garuu guyyaa hunda waan mul’atuu miti. Deemsi lafaa fi Merkurii wal qixaa miti. Kanaafuu guyyaa hunda bakka takkatti argina jechuun hin danda’amu.


Diyaameetiriin Meerkuriidhaa kiloomeetora 4,879 ta’a. Akkuma beekamu diyaameetiriin lafaa ammoo kiloomeetira 12,742 ta’a. Kanaaf Meerkuriin Pilaanetii xiqqoo jedhamuun beekamti. Meerkuriin aduu irra naannoftee xumuruudhaaf guyyaa 88 itti fudhata. Meerkurii irratti Waggaan tokko guyyaa 88 jechuudha. Kan lafaa ammoo guyyaa 365 akka ta’e ni beekama. Meerkuriin adutti dhihoo waan taateef Oorbiitiin isiitis akkasumas gabaabaa dha.


Qaamni Meerkurii parsantiin 70 sibiila irraa ijaarame. Parsantiin 30 ammoo Silikeet of keessaa qaba. Akkuma lafaa Meerkurii bakka sadihitti qoodnee ilaalla. Inni gubbaa Kiloomeetria haga 200 furdata. Jidduu isaa ammoo haga kiloomeetira 700 kan furdatu yoo ta’u, naannoon kun Ayranii baqeen guutamee jira. Wiirtuun isii ammoo akkaan guddaa dha. Meerkurii wiirtuun isii qofti parsantii 40ti tilmaamai. Kunis Kiloomeetira 1800 ta’a. Plaaneetiin tun yeroo Heddu Koomeetootaa fi Astrooyidootaan dhahamti. Kana jechuun hawaa keessaa Komeetonni hedduun isaanii gara Plaaneetii kanaa darbamu. Kanaaf yeroo heddu gubbaan isii boolla heddu qaba. Boolli tokkichi kan Astrooyidoota kanaan uumame diyaameetiriin isaa Kiloomeetira 1500 caala.


Haalli qilleensa Meerkurii haphiidha. Inumaahuu qilleensi hin jiru jechuu wayya. Yookaan ammoo qilleensa hin qabduuyyu jechuu dha. Sababni kanaa ammoo, guulli harkisaa ykn gravity’n meerkurii akkaan xiqqaa ta’uu isaati. Waan kana ta’eef qileensa isiirra jiru takkallee qabatuu hin dandeettu. Elamantoota garagaraa heddu kan qabdu yoo taatu, isaanis oksijiinii 42%, Soodiyamii 29%, Haydroojiinii 22%, Hiiliyamii 6%, Potaashiyamii 5% fi gaaziiwwan biroo kan akka naaytroojin, argon, carbon daayoksayidii, bishaanii fi kan biroos bifa xiqqaa ta’een qabdi. Haa ta’u malee sababa hanqina harkisaa (Gravity) tiin elamantoonni haala kanaan faffaca’anii argaman kunniin, sirna qilleensa Pilaaneetii tanaa mijeessuu hin dandeenye. Kanaaf Meerkuriin yeroo Aduu argattutti hoo’isii digriseentigreedii 430 ta’a. Kallattiin aduu irraa garagale ammoo Negatiiva 180 ta’a.


Pilaaneetiin tun adutti akkaan dhihoo waan taateef, Astronoomaroonni gara Pilaaneetii tana dhihaachuudhaaf heddu rakkatanii jiran. Yeroo duraatiif bara 1974tti Mankuraakurri hawaa (Spacecraft) Mariner 10 jedhamu gara Plaaneetii tanaa imale. Osoo Meerkurii irra hin qubatin Meerkurii biraan darbuudhaan Qaama Walakkaa qofa kaasuudhaan gara lafaa erge. Bara 1975 boba’aa waan fixateef achumatti hafuuf dirqamee jira. Itti aansuudhaan The Messenger kan jedhamu bara 2004 gara meerkurii ergamee jira. Kunis qorannoon garagaraa akka godhamu yaadameeti ergame. The Messenger Fakkii guutuu Meerkurii kaasuudhaan ergee jira. Haga bara 2015tti odeeyfannoowwan garagaraa gara lafaatti ergaa ture. San booda waan qabu hunda waan fixateef dalagaan isaa bara 2015tti raawwate. Itti aansuun ammoo BepiColombi bara 2018 Dhaabbata hawaa Awurooppaa fi Jaappaaniin kan ergame yoo tahu, bara 2020 hawaa lafaa keessaa baheera. Baruma kana Venas dhaqqabe. San booda waggoota lamaaf yeroo lama Veenas biraan akka dabru taasifame. October 2021 irraa kaasee wagga waggaan haga bara bara 2024 Meerkurii biraan dabraa saffisaa isaa hir’isa. Pilaaneetii tanarra qubatuudhaaf dirqama saffisni isaa hir’ifamuu waan qabuuf waggoota shaniif haala kana keessa dabra. San booda bara 2025tti Meerukurii irra qubata jedhamee eeggama.  


Meerkuriin bara durii irraa kaasee hanga ammaatti ni mul’atti. Namoonni merkurii ijaan argan hundi meerkurii addeessuma seehu. Haga bara 1543tti Meerkuriin akka addeessatti beekamti. Bara kanatti Kooppraniikas namni jedhamu Kaarta hawaa haarawa kaase. Bara kana dura Saayintistoota biratti Lafti tun, Wiirtuu Hawaa kanaati jedhamee amanamaa ture. Haala kanaan Lafarraa kaanee yoo ilaallu, Meerkuriin, Aduun, Veenasii fi Jiini akka Saatalaayitoota lafaatitti laallamaa turan. Qorataan kun garuu, lafa Osoo hin taane, Adutu wiirtuu hawaa kanaati jedhee Kaartaa haarawa kaase. yeroo kanarraa jalqabee, Merkuriin akka Plaaneetii tokkootti lakkaawamuu jalqabde.

Qabxiilee ijoo Plaaneetii kanaa:
● Plaaneetota keessaa Meerkuriin Adutti dhihoodha.
● Bal’inni Diyaametirii isiitis Kilomeetira 4879 ta’a
● Fageenyi Oorbiitii isiitis Kiloomeetira Miiliyoona 58titti dhihaata
● Meerkurii irratti Waggaan tokko guyyaa 88 qofa, kunis Meerkuriin Aduu irra naannoftee xumuruudhaaf guyyaa 88 qofa turti jechuudha.
● Plaaneetiin tun parsantiin 70 sibiila irraa ijaaramte, Parsantii 30 ammoo Siilkanii dha.
● Kallattiin isii gara aduu jiru hoo’a guddaa kan qabu yoo ta’u, gamni kuun ammoo akkaan qabbanaawaa dha.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button