header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Ija Ilma Namaa

Rabbiin keenya (Subhaanahu wata’aalaa) tola hedduu nutti oole. Tola inni nuuf oole lakkofnee hin fixnu. Barruu tana keessatti waahee agartuu ijaa qofa ilaalla. Ijji tun kennaa ajaa’ibaati, akkasuma tika guddoo barbaaddi. Yoo tika jabaa hin argatin, waanuma salphaan miidhamuu dandeetti. Kanaaf Rabbiin keenyas ijji wantoota hedduun akka eeggamtu godhee uume. Ijji teenya fuuldura irraa moora ykn faatii jabaa kan afaan ingiliffaatiin Bony Orbit jedhamuun marfamtee argamti. Gubbaa, jalaa fi dagaleen ammoo qola ijaa ykn ammoo eye socket wanta jedhamuun marfamtee argamti. Inni kun lafee jabaa yoo ta’u, balaa ija irra gahuu danda’u dhoorkuudhaaf tajaajila. Wanti biraa kan  ija keenyaaf tajaajila guddaa kennu, xannacha imimmaaniiti. Yeroo booyichaa qofa osoo hin taane, yeroo biraatis ijji teenya jiituu taatee akka turtu gochuudhaan, xuriin gara ijaa seenu, ija keessatti maxxanee akka hin hafne godha.

Gara keessaa yoo ceenu ijji teenya baqqaana sadihiin marfamtee argamti. Inni duraa Sclera jedhama. Wanti kun ija keenya guutumaan guututti haguuguudhaan argama. Fuuldura irraan ammoo wanti daawwitii fakkaatu ni jira. Inni kun Koorniyaa jedhamuun beekama. Wanti kunniin baqqaana duraa keessatti argaman. Baqqaanni itti aanu ammoo choroid jedhama. Baqqaanni kun ammoo Ayriisii (iris) of keessaa qaba. Kooroyidiin kun hidda dhiigaa fi wantoota biroo heddus of keessaa qaba. Baqqaanni Sadaffaa fi kan gara keessaatti argamu ammoo Ratiinaa jedhama. Wanti Meembireenii Haphii fakkaatu kun Optikaal narviin walitti hidhata qaba.

 

Qaamman ija keessaa

Wanti jalqabarratti mul’atu Koorniyaa jedhama. Inni kun Ayrisii fi Ija gurratti duratti argama. Itti aansuun Aayrisiitu jira. Inni kun gurraacha guddaa ija keenya keessatti argamuudha. Ijji namoota garii keessattuu warra faranjii Ayrisiin isaanii cuqulisaa fi bifa biraa qabaachuu danda’a. Ayrisiin kun jidduu irraan qaawwa biraa xiqqoo kan pupil jedhamtu qaba. Wanti Pupil jedhamtu tun qaawwa Ayris irraa waan taateef, ifaa alaa seenu irratti hundaa’un bal’achuu ykn ammoo dhiphachuu dandeetti. Leensiin ammoo wantoota kanniin duubatti argama. Leensiin kun ifaa alaa seenu san eega haala gaariin xiinxalleen booda kallattii isaa gombisuudhaan gara Reetinaa erga. Leensii kanarraa kaasee hanga Ratiinaa bira gahutti qaama biraa kan Vitreous Humor jedhamutu jira. Qaamani kun dhibbeentaa 80 ijaa ni ta’a.

Mee amma akkaataa ijji teenya itti argitu ammoo haa ilaallu.

 

Wanti gara ija keenyaa seenu fakkiidhaa miti. Ifaa fakkii sanirraa balaqqeessetu gara ijaa seena. Ifaan kun eega wantoota heddu keessa darbeen booda gara fakkiitti jijjiirama. Dura ifni Koorniyaa keessa darbuudhaan seena. Itti aansuun Aqueous Humor kan jedhamu, dhangala’aa ija gurraatti marsee argamu keessa darba, itti aansuun ija gurraatti keessa darbee, shanaffa irratti ammoo Leensii keessaan bahee gombifama.

 Jahaffaarratti, Vitreous Humor ykn ammoo dhangala’aa adii guddicha keessa eega darbee booda, torboffaa irratti Ratiinaa bira gaha. Ifni gara ijaa seenu sun akkaan guddaa yoo ta’e, Ayrisiin keenya walitti dhiphachuudhaan, qaawwi gurraattiin sunis akka dhiphattu godha. Yoo ifni seenu xiqqaa ta’e ammoo, akka adda banamtee ifaan gahaan seenu taasisa. Kana booda Leensii ijaa keessaan akkuma darbeen fakkiin sun gombifamee gara Ratiinaa ergama. Ratiinaan ifaa san eega gara electrical signal jijjiireen booda optical Nerve keessaan dabarsee sammuu biraan gaha. Yeroo kana Sammuun keenya ifaa seene san gara meeshaatti jijjiiree dubbisa. Ammas, Waan takka bakka kanatti hubatuun barbaachisaadha. Wanti ija keenya keessaan seenu, ifaa meeshaa ykn wanti san irraa balaqqeessa’u malee suuraa meeshaa ykn wanta  saniitii miti. Fakkeenyaaf wanti nuti argaa jirru sun mana yoo ta’u, ifaa mana san irraa balaqqeessa’utu ija keessa darbee Ratiinaaa bira gaha. Eega Ratiinaan gara Sammuu ergee booda, sammuun wanti sun mana akka ta’e hubata.

Wanti hagana dheeratu kun maali jechuun keessan hin oolamu. Adeemsi kun hundi isaatuu Maykrosakandii xiqqaa keessatti raawwatama. Qaama Ajaa’ibaa yeroo muraasa keessatti waan kana hunda raawwatu akka tasaa uumame jedhanii dubbachuun nama qaanfachiisa. Mallattoolee Rabbiin ilma namaatiif godhe keessaa inni tokko qaama ilma namaatiif uumame kana. Kanaafuu namni aqlii gaarii qabu waan kana xiinxalluudhaan guddina Rabbii tafakkuruu danda’a.

Qophii Abu Ibtisam

 

Back to top button