header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Uumama umrii isaa guutuu mukarraa hin buune

Tafakkur: Olingo

Uumamni kun OIingo jedhama. Olingon naannawa bosona jiidhaa oowwaa jiraata. Hedduminaanis mukarraa osoo hin bu’in jirenya isaa geggeeffata. Uumama kana carraan lafarratti arguuf qabnu haalaan xiqqaadha. Yoo akka tasaa mukarraa kufe malee, uumamni kun gara lafaa hin bu’u. Olingon sanyiiwwan garagaraa 4 qaba.

 

Maqaa: Olingoo

Dheerinna: Seentimeetira 35 hanga 50

Ulfaatinna: Kilograama 1 hanga 1.5

Jireenya: Muka Gubbaa

Umrii: Haga wagga 17

 

Qaama Olingo

Dheerinni olingoo seentimeetira 50 hin caalu. Sanyiin irra xiqqaan ammoo haga seentimeetira 35 dheerata. Ulfaatinni uumama kanaatis kilograama tokkoo hanga kilograama tokkoo fi walakkaa ta’a. Gogaan uumama kanaa rifeensa bifa magaalaa qabuun uwwifamaadha. Mataa geengoo, qoffee qal’oo, gurraa geengoo, qaama qal’aafi eegee dheeraa qaba. Olingon ija gurguddaa qaba. Qaroon ykn geengoon gurraattiin ija isaa keessa jirtu haalaan guddoodha. Kunis yeroo lafti halkanaawutti naannawa isaa haala salphaan akka too’atu isa gargaara. Dabalataan Olingon ilkaan qara qabu  40 qaba.

 

Qubsumaa fi Soorata Olingo

Olingon arboreal animals jedhamuun beekkama. Kana jechuun uumama mukarra jiraatu jechuudha. Jireenya isaa guutuu mukarraa mukatti osoo utaalu dabarsa. Ulfaatinni qaama isaa ammoo xiqqaa ta’uun isaa kanaaf isa gargaareera. Olingon bineensota utaalcharratti jajjabaa ta’an keessa isa tokko. Sooranni isaatis mukumarraa argama. Firiiwwan, daraaraa garagaraatiifi yeroo garii ammoo ilbiisotas ni soorata.  simbirrootaa fi hoosiftoota xixiqqoo ni soorata. Haa ta’u malee, kun hundi wayta isaan mukarra isaaf qubatan adamsee soorata malee, adamoodhaaf mukarraa hin bu’u. Kanaafuu dhimmi inni gara lafaa bu’uuf hin jiru jechuudha. Dabalataan uumamni kun uumama halkanii ykn Nocturnal Animal jedhama. Sooratas ta’e dhimma barbaadu hundaaf yeroo halkanii qofa socho’a. Rabbiin (SW) uumama halkan socho’u kana ija akka keenyaa hin kennine. Ija qaroon isaa haalaan bal’aa ta’e isaaf kenne. Kunis yeroo halkaniitti naannawa isaa wantoota jiran akka adda baafatu isa qarqaara. Mootii haqaa jechuun isa kana.

 

Diina Olingo

Olingon diina heddu qaba. Sababni inni gara lafaa hin buuneefis inni tokko isa kana. Haa ta’u malee bineensonni muka koruu danda’an, uumama kana mukuma gubbatti adamsanii sooratu. Bineensota muka gubbaa koruu danda’an keessaa, Taayraa, Oseloot, Jaaguwaarii fi Jawween uumama kana warra adamsee sooratu keessaa muraasa. Olingon diina isaa kanniiniifi kanneen biroo ofirraa ittisuudhaaf, foolii ulfaataa qaama isaa keessaa faltii waliin bahutti fayyadama. Warri hafuura san dadhabe itti dhiisee biraa deebi’a. Garuu warri hafuura saniif dantaa hin qabne, faltii sanirraan tarkaanfachuun, Olingoo muka gubbaa taa’ee isaan eegu qabatanii sooratu.

 

Jireenyaa fi Wal hormaata Olingo

Olingon uumama kopha kophaa jiraatuudha. Haa ta’u malee yeroo hanqinni soorataa mudatutti, garee xiqqoo uumanii waliin socho’u. akkasuma yeroo wal qunnamtii wal hormaataa raawwatanittis walitti dhufuun dirqama. kormaan wayta wal qunnamtii wal hormaataaf qophii ta’utti sagalee guddaa dhageeysisa. Kana booda dhalaan hormaataaf qophii taates, kallattii sagaleen sun dhagahametti deemti. Rimayni Olingo guyyoota 73f tura. Yeroo takkaanis ilmoo takka qofa dhalati. Ilmoon dhalatu kun gaafa dhalatu, gurraanis hin dhagahu, ijaanis hin argu, qaamarraallee rifeensa hin qabu. Dhawaatumaan bubbulaa wayta deemu ijas banataa, gurraanis dhagayaa, rifeensas biqilcha. Gaafa ji’a lama guutu, jireenya kophaa jiraatuu jalqaba. Waggaa lama booda ammoo hormaata raawwachuu danda’a. fedha Rabbiitiin Olingon waggaa kudhanii haga 17 jiraata.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

2 Comments

Comment

Back to top button