header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Balaawwan Addunyaa Suukanneessan muraasa

Addunyaan tun balaa uumamaatiifi balaa namtolchees ofirraa qolachuuf tattaafii guddaa gooti. Keessumattuu biyyoonni guddatan, balaa biyya isaanii mudachuu dandayu hunda toohachuudhaaf hedduu carraaqu. Garuu balaan gariin kan humna ilma namaatii ol tahu ni jira. Barruu tanaan balaawwan addunyaa suukanneessan muraasa isinii dhiheessina.

 Cold War-Waraana Qabbanaawaa

Waraanni addunyaa lammaffaa xumuramuu isaa hordofee bara 1945tti addunyaan bakka lamatti qoodamuu jalqabde. Gama bahaatiin yaadni Gamtaa Sooveet Raashiyaa (USSR) kan ilaalcha Kominiizimiitiin guuttame mataa ol qabate. Waraanicha booda sodaatamtuu taatee tan dhufte Ameerikaan ammoo ilaalcha Kaappitalizimiitiin deeggartoota horachuu jalqabde. Biyyoonni tunniin lameen haga danda’aniin addunyaa keessa deemaa biyyoota biroo ofitti makuu karoora godhatanii tattaafatan. Goolabamuu waraana addunyaa lammaffaatiif sababaa kan ta’e Boombiin Niwuuklaraa ammo biyyoota lachuu harka jira. Lameenuu boombii kana heddummeessanii oomishuu itti fufan. Gamaa gamana dhaabbatanii wal qeqan, walitti dhaadatan. Garuu ka walitti dhukaasu hin argamne. Ummanni addunyaa biraa keessa jiraatu walitti gaarreeffannaa isaaniitiin qalbiin rarraatee, sodaa waliin jiraatuuf dirqame. Kanaaf  walitti gaarrifannaan biyyoota lameenii kun Cold War ykn waraana qabbanaawaa jedhamee moggaafame.

Waxabajjii 3 bara 1980 gorsaa Prezdaantii Raashiyaatti bilbilli tokko bilbilame. Bilbilli amanamaa jedhame kunis Ameerikaan haleellaa Niwuklaraa raawwachuuf qophii xumurtee jirti dhaamsa jedhu gurra isa buuse. Raashiyaanis dubbii tana laaftutti hin laalle. Waan qabdu hunda osoo hin hambisin gad baafte. Meeshaa waraanaa guyyaa rakkootiif jettee dhoksite takka man kuusaatti hin hambifne. Silaa addunyaan dhabamuu isiitii maaf manatti hambisna waan jedhan fakkaata. Niwkulara oomishtee qabdu cufa tarreessitee ajaja Prezdaantii irraa kennamu eeggatutti seente. Ummanni addunyaa cinqaan liqimfame. Xumura irratti garuu bilbilli sun kan sobaa akka ta’e himame. Raashiyaanis waan gad baaftee addunyatti mul’iste hunda hoggasuma ol deebifte. Ummanni Addunyaatis sodaa irraa boqonnaa fudhate.

Du’a Gurraacha

Bara 1347tti dooniiwwan gurguddoon 12 ta’an Galaana Gurraacha  irraa ka’uun gara Itaalii imalan. Wayta eddoola Siisiilii jedhamu gahan garuu waan nama rifachiisutu isaan mudate. Namoota doonii sanniin yaabbatan keessaa hedduun isaanii imalumarratti dhuman. Warri hafes dhukkuba hamaan qabamee rakkachaa jira. Bulchitoonni Siisiilii waan arganitti rifatanii dooniiwwan sunniin akka ofirra deebi’an godhanis rakkoo jalaa bahuu hin dandeenye. Yeroma gabaabduu san keessatti dhukkubni namoota doonii irraa turan irraa gara ummata Siisiiliitti tamsa’eera. Awrooppaanis dhukkuba akka tasaa itti dhufe kanaan miidhamtee namoota miiliyana 20 ol ta’an dhabde. Akka galmeeleen seenaa himanitti yeroo sanitti awrooppaan ummata qabdu keessaa tokko sadaffaa kan ta’u dhabde.

Dhukkubni kun naannawa chaaynaa irraa kan ka’e akka ta’e himama.  Namni dhukkuba kanaan qabame qaamni isaa oowwuu jalqaba. Guyyaama tokko keessatti qaamni isaa mammadaawee iitawuu eegala. Iitaan kun guddinni isaa haga guddina hanqaaquu lukkuutiin walqixxaahuu danda’a. Kana booda sirni narviii ni dhaabbata. Torbaan osoo hin guutin namni dhukkuba saniin qabame ni du’a.

Dhukkuba kana dawaan argamuu hin dandeenye. Carraan jiru walirraa dheessuu taate. Doktoroonni fi namoonni fayyaa qaban mana cufatanii nama dhukkubsate irraa fagaatan. Manneen amantiitiif fi manneen daldalaatiis tajaajila kennaa turan addaan kutan. Namni daandii irra deddeemu ni dhabame. Haalli kun lakkoofsa namoota dhukkubaan qabamanii hir’isus, dhukkubicha dhabamsiisuu hin dandeenye. Weerarri dhukkuba kanaa waggaa shaniif ture Awurooppaa dabalatee walumaa galatti Eeshiyaa, baha jiddu galeessaa fi Afrikaa gama kaabaa keessatti namoota miiliyoona 75 ta’an galaafatuu isaa galmeeleen seenaa ni mul’isu. Sababaa fi dawaa dhukkuba kanaa argatuun ulfaannaan, “Qixaaxa Rabbiiti”jedhanii sodaan manatti galanii dhokachuuf dirqaman. Boodarra tumsuma Rabbiitiin dhukkubni kun dhabamee namni gama jiruu ofii bobbahuu eegale.

Spanish Flu (Qufaa Ispeen)

Bara 1918 yeroo waraanni addunyaa tokkoffaan gara xumuraa dhihaatetti, rakkoon biraa addunyaa mudatee ummata cinqaa keessa buuse. Dhukkubni vaayrasiin dabru kan ‘Spanish Flu’ jedhamu addunyaa guutuu keessa faffaca’ee ilma namaa harcaasaa ture. Ka’uumsi dhukkuba kanaa hin beekamne. Tahullee Ispeen haalaan waan miidhamteef dhukkubichi maqaa isiitiin moggaafame. Saffisini dhukkubni kun ittiin daddabru guddaa ture. Yeroo sanitti waraanni addunyaa gara xumuraa dhihaatus loltoonni gara qe’ee isaanii hin deebine. Haala kanaan loltoonni bakka tokko turan guutuun sababa dhukkuba kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru. Dhukkubni addunya waliin gahe kun lubbuu namoota miiliyana 20 hanga 50 ta’an galaafatuu isaattu himama. Yeroo sanitti dawaan gahaan ykn kan seeraan dhukkuba san fayyisu waan hin jirreef namuu cinqiin taa’ee guyyaa isaa eeguuf dirqame.  

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button