header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Nyaata kana funyaan qabattu malee itti hin dhihaatin.

 

Foon Jajii beeytuu? Bara durii yeroo firiijni hin jirre haawwonni teenya tooftaa addaatiin foon yeroo dheeraaf tursiisan. Foon yoo turu ni raammaya. Fooliin isaatis hedduu fokkata. Kanaaf foon qaqal’isanii jaji’anii aara gubbatti fannisan. Foon jaji’amee fannifame kunis goggogee dhama bishaanii fixata. Achi booda gaafa fayyadamuu fedhan fuudhanii bilcheessanii sooratan. Kun garuu haalaan mi’aawa. Fooliin isaatis ni tola. Wanti kun ammas hedduu beekama. Amaariffaan ቋንጣ jedhama. Ingiliffaan ammoo Beef Jerky jedhanii yaaman. Biyyoota heddu keessatti nyaata jaalatamaadha.

 

Ummanni biyya Iceland qubatus waan kanaan wal fakkaatu tokko qaba. Maqaan soorata kanaa Hákarl Jedhama.  Sooranni kun qurxummii Shark jedhamu irraa qophaaya. Foon qurxummii kanaa eega mummuranii booda, boolla gadi fageessanii qotanii achi keessatti awwaalan. Baatii lamaa hanga sadihii eega boolla keessa tursiisanii booda, jidaara irraati fannisanii goggoysan. Kunis hanga baatii 6 fudhata. Eega haala gaariin goggogee booda xixiqqeessanii mummuranii namaaf dhiheeysan. Namni yeroo duraatiif foon kana sooratuu fedhu funyaan qabatuu qaba. Fooliin isaa akkaan hamaadha. Raqa du’een wal fakkaata. Inumaa namni gariin yoo foolii isaa fuunfatu waan achi dura nyaatee garaa qabuu haqqisa. Kanaafuu sooranni kun yoo isiniif dhihaate, funyaan qabattan malee itti hin dhihaatinaa.

Foon Shaarkii haala kanaan fannifamee hanga baatii jahaa tura.

 

 

Back to top button