header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Deemsa Dachii

Wantoota Rabbiin uume kan ilmi namaa bira gahuu dandahe xiinxalliin laallee, dandeeytii Rabbii guddaa tafakurra. Kaayyoon barruu tanaa fi kanneen birootis, Muslimootaaf iimaana cimsuu hogguu tahu, warra Rabbitti hin amaninniif ammoo karaa qajeelaa agarsiisuudha. Wantoota saayinsiin mirkaneesse dhiheessinee, akka namoonni qalbiin xiinxallanii dhugaa argan godhuuf yaalii goona.

Hordoftoota keenya hunda wanti hubachiisuu barbaannu, barruun tafakkur kun barruu Tafsiira Qur’aanaatii miti. Yookaan qophii barnoota Hadiisaatii miti. Wanti nuti barruu tana keeysatti dhiheeysinu, Qur’aana keeysatti qajeela kallattiin ibsamuu dhabuutu mala. Fakkeenyaaf waahee dragon fly, mantis shrimp, cheetah, jaguar fii waahee bineensota hedduu dhiheeysutti jirra. Waan kana Qur’aanaafi hadiisa irraa dhiheeysutti hin jirru. Wantoota qorannoon saayinsii mirkaneeyse, kan Qur’aanaan walitti hin buune ni dhiheeysina. Fakkeenyaaf Dragon fly omaatiidiyaa ijaa 30,000 ykn ija kuma 30 qaba jennee dhiheeysine. Wanti kun saayinsiin mirkanaawee jira. Garuu qur’aana fii hadiisa keeysas wanti kun hin jiru. Dubbii kanaaf Ragaa qur’aanaafii hadiisaa fidaa namni jedhu yoo dhufe. Ragaan nuti qur’aanaaf hadiisa keessaa dhiheeysuu dandeenyu hin jiru. Garuu wanti kun Qur’aanaafi Hadiisa hin kallafu. Uumaa Rabbii kan saayinsiin qorannoon mirkaneeyse, Qur’aanaafii Hadiisa kallafuu dhabuu isaa mirkaneeyfannee isiniif dhiheeysutti jirra. Kanaafuu kaayyoon qophii kanaa, uumaa Rabbii tafakkuruu qofa tahuu akka hubattan isin yaadachiisna.

Gama birootiin waahee guddina lafaa, fageenya dachiifi aduu jidduu jiru, fageenya addeessaafi lafa jidduu jiru, pilaanetoota gurguddoo dachaa hedduun lafa tana caalan, urjiilee gurguddoo dachaa miiliyoona hedduun dachii caalaniifi atamii ijji namaa arguu hin dandeenyes qophii tana keeysatti isiniif dhiheeysutti jirra. Dhimma kanarratti Ragaa tokko tokko Aayaata Qur’aanaatiifi Hadiisa sahiihas dhiheeysutti jirra. Garuu wanti heddu kan nuti ragaa godhannee dhiheeysinu, qorannoo saayinsiin mirkaneesse hogguu tahu, qorannoo mirkanaawaa hadiisaafi qur’aana hin kallafne hunda ni dhiheeysina.

Rabbi Qur’aana keessatti wantoota naannoo keenyatti argaman, tafakkurree akka ilaallu nuuf himee jira. Kanaafuu nutis wantoota nu cinatti argaman kana gad fageenyaan ilaalutu nurraa eeggama. nuti wantoota qur’aana keessatti ibsaman hedduu isaanii, lafzima isaanii qaraanee bira dabarra malee, wantoota sanniin irratti qorannoo guddaa hin goonu. Warri biraa garuu carraa kanatti fayyadamuun qorannoo garagaraa geggeessaa jiru. Kanaaf nutis waan isaan qoratanii bira gahan kana, yoo qur’aanaa fi Hadiisaan walitti hin buune, miidiyaa kanarratti dhiheessuun, uumaa Rabbii ittiin tafakkurra.   

Ammas namni hunduu waan takka akka hubatu barbaanna. Qur’aanaa fi Saayinsii wal dorgomsiisaa hin jirru. Wanti nuti godhaa jirru, Wantoota saayinsiin jedhe ilaallee, waan san gama qur’aanaatiin xiinxallina. Wanti isaan jedhan sun dhuguma qur’aana keessa yoo jiraate, irraa fudhannee itti fayyadamna. Garuu wanti isaan jedhan, yoo ka qur’aana kallafuu, itti dhiifnee, soba akka ta’e ilma namaatitti mul’ifna.

Wanti biraa kan xiyyeeffannaa barbaadu ammoo, Qur’aanni waan takka dimshaashaan dubbatee bira dabra. Dubbiin sun tarii gad fageenyaan Hadiisa keessatti ibsamee jira ta’a. Haa ta’u malee wantootni tokko tokko yeroo Ergamaan Rabbii (SAW) lubbuun jiran san argamuu dhabuu malu. Kanaafuu waan san argachuudhaaf teeknolojii ammaa kana fayyadamuun barbaachisaa ta’a. Fakkeenyaaf qur’aanni waan lubbuu qabu hunda isaatuu bishaan irraa uumne jedha. Rabbi waan fedhe, akka fedhetti waan barbaade irraa uumuu danda’a. Nuti ammoo sammuu Rabbi nuu kenne kanatti fayyadamnee wanti lubbuu qabu hundi isaa akkamitti akka bishaan irraa uumamuu danda’e qorachuu mirga qabna. Yeroo qorannus dhugaan nuti argannu waanuma qur’aana irratti ibsame ta’a. Kunis iimaana keenya nuu cimsa.

Qur’aanni ilma namaa dukkana sadih keessatti isa uumne jedhee dubbata. Dubbii tana hubatuudhaafis, ammas meeshaa ammayyaa fayyadamnu malee beekuun rakkisaa dha. Kanaaf waan qorattooni argatan qophii tana keessatti dhiheessinee, qur’aanni kalaama Rabbii akka ta’e, daran nama hundaaf ibsina. Dubbiin qur’aana keessatti argamee, gama saayinsiitiin mirkanaawu, warra muslimaatiif ragaa dabalataa yoo ta’u, warra musliima hin ta’iniif ammoo kan karaa isaaniif saaqu ta’a. Namooni Awurooppaa hedduun, keessattuu saayintistoonni eega qur’aana irratti wantoota kanniin arganiin booda gara islaamummaa dhufaa jiru. Nutis namoonni Afaan keenya dhagahan dhugaa tana beekanii akka gara islaamummaa dhufan barbaadna.

Mu’jizaalee Qur’aana keessatti ibsaman hunda isaanii barruuwwan kanneen keessatti dhiheessuu hin dandeenyu. Namoonni hedduun gaaffiiwwan walfakkaataa, ‘yeroo heddu dachiin ni deemti, ni naannoofti’ jettan, wanti kun heddu nu rakkisee jira, osoo adda nuu baaftanii, dubbii tanaaf daliila qabdanii jechuun karaa adda addaatiin nugaafatan. Nutis barruu hardhaa tanaan dhimmi kanarratti xiyyeeffanna.

Ummanni durii dachiin tun diriirtuudha, akkasumas, aduu fi jiini lafa irra naannayan jedhanii amanan. Haga ammaattis ummanni waan kanatti amanan ni jiran. Bakka kanatti waan takka beekuun barbaachisaa dha. Muslima tokkorraa lafti ni naannofti moo adutu naannaya, lafti diriirtuudha moo geengoodha kan jedhuun of cinquun barbaachisaadhaa miti. Kun bu’uura Iimaanaa fi Islaamaatii miti. Ilmi namaa bishaan irraa uumamee, waan fedherraayis haa uumamuu, ilmi namaa ilma namaa ta’ee eega uumameen booda Rabbii isaa gabbaruutu irraa eeggama. Haa ta’u malee wantoota naannoo isaatitti argamu tafakkuree laaluudhaan guddina Rabbii dhugo’oomsuu mirga qaba.

Akkuma duratti jenne, Iimaana keenya daran jabeeffachuudhaaf, akkasumas namoota biroo gara Islaamummaatti yaamuudhaaf, wantoota kanniin gad fageenyaan  beekuun barbaachisaadha. Wanti guddaan nuti beekuu qabnu, yeroon Ammaa yeroo Saayinsii fi teeknolojii ta’uu isaaati. Namuu waan saayinsiin jedhu malee fudhatuu didee jira. Kanaafuu Islaamummaan gama saayinsiitiin maal akka fakkaatu himuun barbaachisaa dha.

Mata duree keenya kan har’aatti deebina! Ummanni durii lafti diriirtuudha, aduun lafarra naannoofti jedhanii amanaa turan. Booda ammoo qorattoonni saayinsii “lafti geengoodha, aduun bakkuma tokko jirti, lafatu aduu irra naannayaa jira jedhanii yaada ofii jijjiiran. Amma dhiheenya kanatti ammoo, lafti  geengoo akka kubbaatii miti, boca hanqaaquu qabdi, akkasumas, wanti hawaa kana keessa jiru hundi isaatuu ni socho’a jedhanii yaada sadaffaa kaasan.

Qur’aanni sosochii hawaa kana keessa deemu irratti hundaa’ee, qabxii kaaye qaba, Innis Suura Yaasiin aayaa 40 irratti:

لَا ٱلشَّمۡسُ يَنۢبَØِي Ù„ÙŽÙ‡ÙŽØ¢ Ø£ÙŽÙ† تُدۡرِكَ ٱلۡقَمَرَ وَلَا ٱلَّيۡلُ سَابِقُ ٱلنَّهَارِۚ وَكُلّٞ فِي فَلَكٖ يَسۡبَحُونَ ٤٠

‘Aduun baatii dhaqqabuun isiif hin ta’u; halkanis guyyaa hin dursu. Hunduu Sarara ofii keessa deemu.’

Hunduu jechi jedhu, waan lakkoofsaan lamaa olii ibsa. Aayaa kanarraa wanti nuti hubatuu dandeenyu, wanti hawaa kana keessa jiru hundi sarara isaa irra deemuu isaati. Kana jechuun, Afaan saayinsiitiin, hunduu Oorbiitii mataa isaanii qaban jechuudha. Oorbiitii isaanii irra deemuu isaanii qur’aana keessaa arganne. Waan tanas amannee fudhannee jirra. Saayinsiin dhiheenya kana Aduun bakka takka dhaabbattee jirti eega jedheen booda yaada ofii jijjiiree aduunis deemaa jirti yaada jedhu fide. Kanaaf yaada saayinsiin Aduun bakka takka dhabbattee jirti jedhu san hin fudhannu. Garuu Aduunis deemaa jirti jedhanii yoo nutti himan, wanti sun qur’aana keessa waan jiruuf nutis amannee fudhanna.

Dabalataan suuraa Zumar Aayaata 5ffaa irratti Rabbiin akkana jedha.

خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِالْحَقِّ Û– ÙŠÙÙƒÙŽÙˆÙÙ‘رُ اللَّيْلَ عَلَى النَّهَارِ وَيُكَوِّرُ النَّهَارَ عَلَى اللَّيْلِ Û– ÙˆÙŽØ³ÙŽØ®ÙŽÙ‘رَ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ Û– ÙƒÙÙ„ٌّ يَجْرِي لِأَجَلٍ مُّسَمًّى Û— Ø£ÙŽÙ„َا هُوَ الْعَزِيزُ الْØَفَّارُ 

‘Samiifi dachii dhugaan uume. Halkan guyyaa irratti mara. Guyyaan halkan irratti mara. Aduufii  baatiis ni laaffise. Hunduu yeroo murtaa’eef deemu. Dhagayaa! Inni injifataa Araaramaadha.’

Rabbiin guddaan aayaata tana keeysatti, wantoonni hawaa kana keeysa jiran hundi yeroo isaaniif murtaayeef deemsa irra akka jiran nuuf ibsee jira.

Û– ÙƒÙÙ„ٌّ يَجْرِي لِأَجَلٍ مُّسَمًّى

Jechuun, ‘hunduu yeroo murtaayeef deema’ jechuudha. Hunduu jechuun maal jechuudha?

Jecha ‘hunduu’ jedhu kana hubachuudhaaf aayaaticha jalqabarraa haa ilaallu. Jalqaba irratti Rabbiin dachiifi samii dubbate. Eegasii halkaniifi guyyaa dubbate. Dhumarratti Aduufii addeessa dubbate.

wanti asii olitti ibsaman hundi hanga guyyaa isaaniif murtaayeetti ni deeman jechuudha. Haala kanaan   Qur’aanni wantoonni hawaa kana keessa jiran hundi socho’utti jiru jedhee nutti himee jira. Hundi falaka ykn Oorbiitii isaanii irra naannahu. Nutis waan kana amannee fudhanna.

Gama birootiin qabxiin biroo kan as biratti dubbatamuu qabus ni jira. Dhimma dachiin naannawuu kanarratti, ulamaa’onni dubbii tana fudhachuu didanis ni jiru. Ulamaa’onni gariin dachiin hin sochootu, bakkuma takka dhaabbatti; Aduufi addeessi isii irra naannawu jedhanii amanu. Dachiin tun diriirtuudha moo korboodha dhimma jedhu irrattis, wal dhabbii ulamaa’iittu jira. Gariin ulamaa dachiin diriirtuudha jedhan. Gariin ammoo dachiin geengoodha jedhan. Kanaafuu hundi keenyaa waan kana hubachuu qabna. Yaanni kiyya qofti sirriidha jennee murteessuu hin qabnu. Ulamaa’ota islaamaa hundaa ni kabajna. Hundi isaaniituu Qur’aanaafi hadiisa irratti hundaayanii waan isaaniif mul’ate qofa dubbatu.

Walumaa galatti nuti Muslimoonni, Qur’aana keenya Saayinsiidhaan hin madaallu, Saayinsii Qur’aana keenyaan madaallee, yoo dhugaa dubbatan dhugoomsinee, yoo soban ammoo soba isaanii ummatatti himuu qabna. Bakka kanatti gaafii tokko kaasuun keeysan ni mala. Eega qur’aanni saayinsiin hin madaalamnee, maaliif dubbii qur’aanaatiifi saayinsii wal bira qabdan jechuun keessan ni mala. Akkuma dura irratti dubbanne, nuti Qur’aana saayinsiin hin madaallu. Saayinsii qur’aanaan madaalla malee.

Qur’aanni waan nuti ofii keenyaa hin beekne, namoota beekumsa waan sanii qaban akka gaafannu nu ajaja. Yeroo tokko namni wahii gara muslima tokkoo dhufee, “Qur’aanni keenya waan hunda dubbata jettanii of dhaaddanii mii?”jedhee gaafate. Namichi Muslimaatis, “Eeyyan waan hunda dubbatee jira”jedheen. Namichi kuunis irra deebi’ee, “Waa hunda dubbatee jiraa?”jedhee lammata gaafate. Namichi muslimaatis, “eeyyan”jedhee deebise. Kana booda, “eegasuu akkaataa daabboo itti dalagan, qur’aanarra natti mul’isi”jedhee gaafate.

Namichi Muslimaa sun harka namicha kaanii qabee, gara nama daabboo dalaguu geessee, “akkaataa daabboon itti dalagamu namicha kanatti mul’isi”jedheen. Yeroo kana namichi Muslima hin ta’in sun, “an bar ka siin jedhe, Qur’aana keessaa, akkaataa daabboon itti dalagamu natti mul’isiidha malee, nama daabboo akkaataa itti hojjatan natti mul’isu bira na geessi yoom siin jedhe?”jedheen. Namichi Muslimaatis, tanallee qur’aanuma keessaa argadhe. Qur’aanni Waan hin beekne namoota waa’ee waan sanii beekan gaafadhaa nuun jedhee jira”jedhee deebiseef.

Eeyyen waan hunda qur’aana keessaa fidaa jechuun hin taatu. Qur’aanni waan hunda akkaataa kamiin akka argachuu dandeenyu nu barsiisee jira. Nutis karaa sanirra deemna. Fakkeenyaaf Qaama ilma namaa keessa bishaan parsantii hagam akka ta’e beekuudhaaf, dirqama Qur’aana keessaa barbaaduu hin qabnu. Ogeessa fayyaa waa’ee kanaa qoratu bira dhaquudhaan qaama ilma namaa keessa bishaan hagam akka jiru gaafatuu qabna. Akkaataa lafti itti naannoftus qur’aanni hin himne. Akkaataa wantoonni kunniin hundi itti naannawan beekuudhaaf ammas, gara qur’aanaa osoo hin taane, gara warra waan kana qoratanii deemnee gaafachuun adda baafachuu qabna. Kanaaf yeroo heddu hayyooni Muslimaa, Qur’aanni Kitaaba Saayinsii osoo hin taane, kitaaba Mallattootti, ykn aayatootaati jedhan. Mallattoo sanniin fudhannee irratti tafakkuruudhaan amantii keenya jabeeffanna.

Qur’aana keessa wantootni Ibaadaadhaan wal qabatan gad fageenyaan ibsamanii jiran. Akkamitti akka salaatuu qabnu, haraamni maal akka ta’e, halaalli maal akka ta’e, Sadaqaan eenyuuf akka kennamu, sadaqaa eenyu akka haqa godhatu, yatiima akkamitti kunuunsuu akka qabnu, soomana akkamitti akka soomuu qabnu, haqa ilma namaa jiddutti akkamitti akka dalaguu qabnu, nama badii dalage akkamitti akka adabuu qabnu”¦walumaa galatti wantootni Ibaadaadhaan wal qabatan gad fageenyaan Qur’aanaa fi hadiisa keessatti ibsamanii waan jiraniif, isaan qofarratti xiyyeeffanna. Waan takkallee yaada nama dhuunfaa hin gaafannu.

Haa ta’u malee, waa’ee Lafaa, Aduu, Ji’aa, bineensotaa, bishanii, qilleensaa fi uumamaalee akkanaa kanniin gad fageenyaan Qur’aana keessaa argachuu hin dandeenyu. Akkuma Rabbi Qur’aana keessatti, “Samii hin laaltanii akka itti isii dhaabne, dachii hin gartanii akka nuti isii itti diriirsine”nuun jedhe san, Nuti ammoo Akkaataa Samiin itti dhaabbattee fi Dachiin itti diriirte qorannoodhaan bira geenyee irraa hubanna.

Haaluma Kanaan Qorannoon gama Saayinsiitiin godhame akka mul’isutti, wantootni hawaa kana keessa jiran; Aduun, Plaaneetonni, dachiin, Addeessi, Urjiileen hunduu oorbiitii isaanii irra naannawaa jiru. Qur’aanni wantoonni hunduu sarara isaanii irra deemaa jiru jedhee nutti himee jira. Saayinsiin dabalataan, Plaaneetoonni Hawaa kana keessa jiran hundi aduu irra naannawaa akka jiran mirkaneessanii jiran. Dachiin nuti irra jirrus, warra Aduu irra naannayan keessaa isii takka. Addeessi ammoo dachii tana irra naannawa. Walumaa galatti wantoota kanniin hubachuudhaaf dirqama qorannoo gama saayinsiidhaa gochuun akkaan barbaachisaa dha.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button