Biyyoota Xixiqqoo (micro nations)

Qophii: Abu Ibtisaam

Waggaa 500 dura baay’ini ummata addunyaa Biliyoona 1 hin guutu ture. Har’a kunoo Biliyoona 8 guutuuf waa xiqqotu nuu hafa. Biyyoota dachii tanarra jiran keessaa guddinaan sadarkaa 1ffaa irra kan jirtu Raashiyaadha. Raashiyaan lafa iskuweer kiiloomeetira miiliyoon 17.1 tahu qabdi. Biyyi biyyoota hundarra xiqqoo taate hoo tami laata? Biyyoota haalaan xixiqqoo tahan jidduu 9 kanneen armaan gadiiti.

9ffaa. Palaa’uu

Bal’inni biyya tanaa Iskuweer Kilomeetira 459 yookaan hektaara 45,900 taha. Ummata 21,347 qabdi. Biyyi tun eddoola bishaaniin marfamte yoo taatu, eddoola gara garaa 300 ol qabdi. Biyyi ajaa’ibaa tun lafti isii hedduminaan bishaaniin waan marfameef, bineensota bishaan keessaa heddu qabdi. Sanyiiwwan shaarkii dhibbaan laakkawan, Jelly Fishii fi kanneen birootis kan qabdu yoo taatu, naannawa Awustraaliyaatti argamti.

8ffaa. Nieu

created by dji camera

 

Biyyi tunis eddoola naannawa Awustraaliyaatti argamtuudha. Bal’inni lafa isii Iskuweer Kilomeetira 261.46 yookaan Hektaara 26,146 taha. Baay’inni ummata isii ammoo 1,624. Biyyi xiqqoon tun lafa bareedaa qabdi. Haa tahu malee biyyoota biroo waliin daldalaan hidhata hin qabdu. Sababa kanaaf wabii jireenya isiitiif  Biyya Niiwziilaand jedhamtutti irkatti. Gargaarsi hundi biyya tanarraa dhaqaaf. Magaalaan Guddoo biyya tanaa tan Aloofii jedhamtu ummata hanga 600 qabdi. Biyyi tun buufata xayyaaraa tokkoo fi Supermaarkeetii tokko qofa qabdi. Hubadhaa! Magaalaa miti wanti isinii himutti jirru kun. Biyya guututu buufata xayyaaraa 1 fi super market 1 qofa qaba.

 

7ffaa. Saint Kitts and Nevis

Amma ammoo gara biyyoota Kaariibiyaan jedhamanii imalla. Bal’inni lafa tanaa hektaara 26,100 yoo tahu, ummata 54,821 qabdi. Biyyi tun eddoola lama qabdi. Inni tokko Saint Kitts kan lammataa ammaa Nevis jedhama. Eddoola lamaan kanniin walitti fidanii biyyallee maqama saniin moggaasan.  Biyyi tun sukkaara oomishtee gara biyya alaa ergituun jiraatti.

6ffaa. Hutt River

Biyyi tunis Awustraaliyaa keessatti argamti. Bal’inni lafa isii Hektaara 7500 qofa yoo tahu, lammiilee 30 qofa qabdi. Biyyi tun sadarkaa addunyaatti beekamtii guutuu hin qabdu. Garuu mallaqa mataa isii fi Paaspoortis kan dhuunfaa qabdi. Magaalaan Guddoo isii Nain jedhamti. Biyyi tun duraan Awustraaliyaa jalatti bulti. Awsutraaliyaan ammoo lafti lammiilee kanniinii mootummaan akka fudhatamu seera baaste. Kana booda jiraataa lafa kanaa kan tahee fi seera haarawa baheen ni miidhama jedhee kan sodaate namichi Liyoonaard Kaaslii jedhamu mana murtiitti himate. Himannaan isaa bu’aa dhabee jennaan, qe’ee isaa maatii shan qofa qabu fottoqsee akka biyyaatti bulchuu jalqabe. Mootummaan Awustraaliyaa biyya tanaafbeekkamtii hin kennine. Haa tahu malee biyyoonni muraasni dhoysaan biyya tana waliin dalagaa akka jiran beekameera.

 

5ffaa. Tuvaaluu

Ammas achuma naannoo Awustaaliyaa jirra. Bal’inni biyya tanaa hektaara 2600. Ummata 10,959 qabdi. Tuvaaluun biyya xiqqoo qofa osoo hin taane, biyyoota hiyyeeyyii keessaallee isii takka. Biyyi tun aadaa fi duudhaa haalaan jabaa taheen waan bultuuf yakki hin jiru jechuu dandeenya. Yakki yoo uumames manuddootatu jaarsummaan fixa. Kanaan ala mootummaan biyyatti humna poolisaatiif mallaqni baasu hin jiru. Inumaa poolisa ykn milishaa hin qabdu. Poolisoota muraasa deeggarsa mootummaa Awustraaliyaatiin jiraatantu biyya san keessatti tajaajila.

4ffaa. Nauru /Na’uru

 

 

Ammallee achuma naannawa Oshiiniyaa jedhamu keessa turree biyya Nauru jedhamtu ilaalla. Biyyi tun Lafa hektaara 2100 qofa  qabdi. Lafa tanarra nama 10,084 tu jiraata. Na’uruun biyya walabaa xiqqoodha. Namuu makiinaa isaatiin olii gad socho’a. Biyyi tun haala qilleensa hamaa waan qabduuf namni garas deemee daaw’atu hin jiru. Dabalataanis biyyi tun biyya namoota gagabboo heddu qabdu keessaa isii takka. Ummata qabdu keessaa, parsantii 70 ol kan tahu furdina garaa (borcii) qabu.

3ffaa. Seborga/Sabboorgaa

Amma ammoo gara Awurooppaa ol haa ceenu. Dachii Xaaliyaan keessatti argamtu, garuu kan Itaalii irraa of fottoqsitee bulchiinsa Sabboorgaa jetteee of waamtuun wal isin barsiisna. Biyyi tun beekkamtii addunyaa hin qabdu. Garuu Xaaliyaan irraa of bilisoomsitee seera ofiitiin bulti. Lafa hektaara 491 kan qabdu yoo taatu, ummata 312  qofa qabdi. Biyyi tun humna waraanaatis ni qabdi. baay’ini loltoota isiitis nama 3 qofa. Sadeenirraa inni tokko Ministeera ittisaa yoo tahu, lamaan ammoo warra daangaa eegu. 

2ffaa. Sealand

Biyyi tun qubsuma ajaa’ibaati. Namoonni muraasni fincila kaasanii bishaan jiddutti gamoo wahii ijaaran. Bal’inni biyya tanaa hektaara walakkaa hin caalu. Biyyi tun Miseensota Maatii tokkoo kan tahan namoota 27 qofa qabdi. Namni barbaade hoogganaa biyya sanii tahuuf wanti isarraa eeggamu, mallaqa muraasa kaffalee aangoo bitachuudha. Walumaa galatti maqaa aangoo ni qabaa jedhu qabaachuuf yoo taate malee jijjiiramni inni fidu tokkolleen hin jiru. Biyyi tun ollaa Ingiliizitti argamti.

1ffaa. The Republic of Molossia

Amma ammoo gara Ameerikaa ceenee rippaablika Ameerikaa irraa of bilisoomsite takka daawwanna. Bal’inni biyya tanaa hektaara 5.5 taha. baay’inni ummata isii ammoo 34 gahee jira. Gaafa duraan hundooftu ummata 7 qofa qabdi. Biyyi tun nama Kevin Baaw jedhamuun bara 1977tti akka biyya walabaatti hundeeffamte. Garuu beekkamtii hin arganne. Biyya kutaa bulchiinsa Nevaadaa keessatti argamtu tana seenuudhaaf Viizaa isin barbaachisa. Ykn ammoo Paaspoorta achii qabaachuu qabdu. Paaspoortiin Ameerikaa wayta ganda san gahu faaydaa hin qabu. Dabalataan biyyattiin seera mataa ofii qabdi. Namni yakka guddaa dalage du’aan adabama.

 

Comments
Loading...