Adaba I’tikaafaa

Torbaan lama dura Ramadaanaa simachuuf of qopheessaa turre. Har’a ammoo geggeessuudhaaf guyyaa lakkaawwataa jirra. Rabbi warra Ramadaana kanaan milkaayu nu haa godhu. Ramadaanni kheeyrii adda addaa heddu qabatee nutti dhufe. Sunnaan ji’a kana keessa dalagamu akka waajibaatti lakkaawama. Waajibni ammoo dachaa hedduun baay’ifama. Ajriin soomana soomanne qofaaf argannu ammoo Rabbi malee namni beeku hin jiru. Kanaaf nutis ganama baha aduutii hanga seensa aduutti, waan Rabbiin soomana keessa irraa nu dhoowwerraa dhoowwamnee ajrii sassaabachutti jirra. Halkan ammoo taraawihaa fi tahajjuda dhaabbannee, sunnaa akka waajibaatti nuuf laakkawamu dalagachutti jirra. Sadaqaan kennannus daran jabaatee jira. Osoma kana godhutti jirruu amma ammoo kurnan boodaa seenuudhaaf deemna.  Rabbi ittiin nu haa gahu!

Guyyoota Ramadaanaa kan Kurnan boodaa kana keessa ammoo daran ibaadaalee jajjabaa hedduu fi ajrii heddutu nu eeggata. Leeylatul qadriin musliimni hundi argachuudhaaf hawwus kurnan boodaa tana keessatti argamti. Namni ibaadaa halkan sanii dalagee leeylatul qadriin wal qunname, akka nama ji’a 1000 ol Rabbiin gabbarretti ilaalama. Kanaaf namni hundi guyyaa tana argatuudhaaf hawwiin eega. Rasuulli ﷺ, Leeylatulqadriin, guyyoota 21, 23, 25, 27, 29  keessa barbaadaa” jedhanii waan nutti himaniif, muslimoonni hedduun guyyoota kanniin niyyachuun gara masjiidaa seenu. Gariin qur’aana qara’a, gariin du’aa’ii godha, hunduu akkuma isaaf laafeen ibaadaa godha. Nutis barruu tanaan, ajrii guyyoota Ramadaanaa tan kurnan boodaa kana haala gaariin argachuudhaaf adeemsa hordofuu qabnu irraa waliif dhaamnaa in shaa ALLAH.

I’tikaafni sunnaa akkaan jabduudha. Nabiin keenya ﷺ guyyoota kurnan boodaa Masjiidatti galuun ibaadaa akka godhaa turan, Aa’ishaan (RA) nuuf gabaaftee jirti. Namni guyyoota kanatti ibaadaa irratti akka jabaatus dhaamanii jiran. Kanaafuu haga danda’ameen, I’tikaafa niyyannee gara masjiidaa galuun barbaachisaadha. Kan danda’e, guyyaa kurnanuu, kan dadhabes haga humna isaatiin sa’aatii gabaabduufillee taatu gara masjiidaa deemee ajrii heddu sassaabbachuudhaaf of qopheessuu qaba. Hadiisa Beyhaqiin gabaase keessatti, Ali ibn Huseen (RA) Ergamaan Rabbii ﷺ, “Namni guyyoota kurnan boodaa I’tikaafa godhe, akka nama hajjii fi umraa godheetti laakkawama” jedhan, je’ee abbaa isaa irraa nuuf gabaase. Kanaafuu I’tikaafni ibaadaa akkaan jabduu waan taateef jabaachuu qabna.

I’tikaafa keenya irraa ajrii gaarii argannee milkiin galuudhaaf qabxiileen hordofuu qabnu heddutu jira. Inni duraa Niyyaa keenyaa qulqulleessuudha. Islaamummaa keessatti dalagaan hundi niyyaan malee fudhatama hin qabu. Kanaafuu Niyyaa gaarii fi qulqulluun gara masjiidaa galuu qabna. Namni gariin I’tikaafa yeroo namni gara masjiidaa seenu argee seena. Keessattuu dargaggoonni gariin masjiiduma keessatti hiriyyoota isaanii waliin turuu qofaafis kan seenan ni jiru. Nuti garuu yeroo gara masjiidaa seennu, niyyaan keenya Rabbii keenya gabbaruuf akka ta’e jala murree murteessuu qabna. Abdallaah Ibn al Mubaarak waa’ee Niyyaa irraa yoo haasawu, “tarii dalagaan xiqqoon sababa niyyaatiin guddaa ta’uu dandeetti, dalagaan guddaanis sababuma niyyaa isaatiin xiqqaachuu dandeeysi” je’e. Kanaafuu niyyaan akkaan barbaachisaa waan ta’eef xiyyeeffannaa itti haa kenninu.

Yeroo keenya akkaan karoorfannee itti fayyadamuu qabna. Qur’aana saa’aa kamitti akka qaraanu, du’aa’ii yeroo hagamiif haala kamiin akka goonu, boqonnas yoo barbaanne sa’aa itti fudhachuu qabnu murteessinee lafa kaayuu qabna. Namni karoora baafatee ibaadatti seene, in shaa Allaah bu’aa gaarii argachuu danda’a. Yeroo keenya irra caalaa ibaadaadhaaf kennuu qabna. Masjiida hirribaaf jecha deemuu hin qabnu. Yeroon yeroo ibaadaa heddummeessanii itti dalagan waan ta’eef, dadhabbii ofirraa balleessuun dalagaa irratti jabaachuun barbaachisaadha. Keessattuu ibaadaa yeroo halkanii goonurratti xiyyeeffannaa guddaa godhuu qabna. Yoo barbaachisaa ta’e guyyaa saa’aa muraasaaf boqonnaa fudhannee halkan ammoo ibaadaa irratti yeroo keenya dabarsuun gaariidha.

Qur’aanni ji’a kana keessa, halkan leeylatal qadrii buufame. Kanaafuu ji’a ramadaanaa keessa qur’aanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabna. Akkasumas guyyoota kurnan boodaa irrattis haalaan yeroo keenya qur’aana irratti dabarsuun gaariidha. Harfii takka yoo arraba keenyaan qur’aanarraa qaraane,  hasanaa haga 700 argachuu dandeenya. Kanaafuu of dagachuun barbaachisaa miti. Qur’aana qara’uun cinatti hiikkaa fi tafsiira qur’aanaatis barachuun barbaachisaadha. Yoo hiikkaa fi tafsiira isaa beekne, dhaamsa isaatis beekuu waan dandeenyuuf, kalaama Rabbii kana qalbii qulqulluun xiyyeeffannaa itti kenninee akka qaraanu nu gargaara.

Salaata sunnaatiifis xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. Ji’a kana keessa Sunnaan akka waajibaatti waan ilaallamuuf, sunnaa irrattis jabaachuu qabna. Sunnaawwan jajjabeeffamoo ta’aniin cinatti, kan biraatis itti daballee heddummeessinee salaatuun gaariidha. Salaata duhaa fi tahiyyaa masjiidaatis irraanfatuu hin qabnu. Taraawihaa fi tahajjuda irrattis xiyyeeffachuu qabna. Keessattuu guyyoota kurnan boodaa keessatti, tahaajjuda irraa laafuu hin qabnu. Dabalataan Tasbiiha, tahliila, tahmiida, heddummeessuunis barbaachisaadha. Akkasumas istighfaaras baay’isuun bu’aa heddu nuuf qaba.

Du’aa’ii godhuun barbaachisaadha. Jiini kun ji’a Araaramaa, rahmataa fi barakaati. Kanaafuu Rabbiin keenya ji’a kana keessatti akka nu milkeessuuf jabaannee du’aa’ii godhuu qabna. Ofirraa jalqabnee, maatii keenyaaf, akkasumas obboleewwan muslimaa bakka hundatti rakkatanii dararamaa jiraniifis du’aa’ii godhuu qabna. Rakkinni obboleewwan keenyaa nutti dhagahamuu qaba. Kanaafuu adeemsa hunda keessatti du’aa’ii keenyaan isaan yaadatuun barbaachisaadha. Ilmi namaa hundi badii dalaga. Irra caalaan namaa ammoo nama badii ofii beekee kara Rabbii deebi’e waan ta’eef, yeroo I’tikaafaaf masjiida seenne kanatti tawbaa heddummeessuu qabna. Osoo badiin nuti dalagnee akkaan guddaa ta’ellee, rahmata Rabbii irraa abdii kutachuun hin barbaachisu. Yeroo du’aa’ii goonuu fi araarama Rabbii kadhannu kana qaamaa qalbiin bakka tokko jiraachuu qabna. Waan arrabni keenya jedhu san qalbiin keenyas isuma yaaduu qabdi. Haala kanaan In shaa Allaah milkii duniyaa aakhiraa ni goonfanna.

Qabxiilee armaan olii irratti xiyyeeffannee yoo hojjanne,in shaa ALLAH  harka duwwaa gara manaa hin deebinu. Garuu wantoota ofirraa eeguu qabnuti jira. Masjiida keessatti haraamaa fi wantoota jibbamaa ta’an dalaguu irraa fagaachuu qabna. Akkasumas haasawa hin barbaachisne irraa fagaachuu qabna. Yeroon yeroo Rabbii keenya waliin haasofnu malee, yeroo hiriyyoota keenya waliin itti taphannuu miti. Kanaafuu waan ibaadaa keenya irratti gufuu nutti ta’aa, akkasumas wantoota yeroo keenya nu jalaa guban irraa fagaatuu qabna. Keessattuu miidiyaalee hawaasaa irratti, chatii fi wantoota faaydaa hin qabneen yeroo gubuun hin barbaachisu.

Soorata humnaa ol nyaachuun akkasumas saa’aa dheeraaf rafuun qaama namaa dadhabsiisa. Kanaafuu wantoota kanniin irraallee fagaatuu qabna. Xiqqeessinee nyaachuudhaan, akkasumas boqonnaallee xiqqeessinee boqachuudhaan ibaadaa irratti si’aa’inaan hirmaachuu qabna. Gama biraatiin, dhimma akkaan barbaachisaa yoo taate malee, taphaaf jecha masjiida bahuun hin barbaachisu. I’tikaafa niyyannee seennaan haga niyyaa keenya geessinu sanitti masjiiduma keesatti of daangessuu qabna. Garuu wantootni dirqama ta’an jiraatuu danda’u. fakkeenyaaf qulqullaa’uu fi wudu’a gochuudhaaf bahuu ni dandeenya. Kanaan ala dhimmuma dhuunfaatiif masjiidaa bahuun kaayyoo I’tikaafaa nu jalaa balleessa.

Xumura irratti, namni I’tikaafa leeylatul qadriif jecha seena. Kanaafuu nutis leeylatul qadriin argachuuf of jajjabeessuu qabna. Leeylatul qadriin ammoo rafnee osoo hin taane, Qur’aana qara’uun akkasumas dhaabbannee tahajjuda salaatuun barbaaduu qabna. In shaa Allaah haala kanaan halkan kurnan boodaa yoo dabarsine, ajrii ibaadaa waggaa 83 ni arganna. Nutis yeroon kun yeroo leeylatul qadriin argannee duniyaa aakiratti milkaahu nu haa godhu jenna.

Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...