Adaba Iidaa

Ramadaana tokko jennee jalqabne amma gara xumuraatti dhihaannee jirra. Torbaan sadih dura yeroo seenu fagoo nutti fakkaate, amma ammoo isa geggeessuudhaaf qophaayaa jirra. Torbaan dabre kun torbaan kurnan irraa boodati. Yeroo musliimni hundi ibaadaa irratti akkaan jabaatuudhaaf tattaafataa ture. Ergamaan Rabbiini ﷺ kurnan irraa boodaa keeysatti maatii isaaniitis kaasanii ibaadaa irratti akkaan tattaaffatu. Nutis faana isaanii hordofnee, ibaadaa kurnan boodaa irratti jajjabaachutti jirra. Rabbiin nurraa haa qeebalu. Ibaadaadhaan cinatti wantoota torbaan kana keeysa hedduminaan mul’atan keeysaa tokko qophii Iidaati. Muslimni addunyaa irra jiru hundi, Ji’a ulfaataa eega ibaadaadhaan dabarsee booda, xumura irratti ammoo guyyaa iidaa soomana gammachuun gaggeeysa. Nama san dhaqqabee gammadu nu haa taasisu. In shaa Allaah nutis barruu tana keeysatti, adaba guyyaa Iidaatiifii wantoota muraasa guyyaa san dura hordofuu qabnu waliif dhaamna.


Jalqabarratti guyyaan Iidaa kennaa guddaa akka ta’e hubatuun barbaachisaadha. Guyyaa kana namni hedduun osoo dhaqqabuuf hawwuu, kan gama aakhiraa nu biraa godaanu akka jiru beekuu qabna. Kanaafuu akka Rabbiin guyyaa saniin nu gahu jabeessinee du’aa’ii godhuu qabna. Itti aansuudhaan qalbii teenya keeysatti niyyaa gaariin iida eeguu qabna. Guyyaa san wantoota haraama ta’an raawwachuudhaaf niyyachuu hin qabnu. Hedduun keenya ji’a ramadaanaa keeysa, wantoota dhoorkamaa ta’an irraa fagaachuuf carraaqqii guddaa goonee jirra. Sheeyxaannis waan nurraa hidhameef, wantoota haraama ta’an irraa fagaannee jirra. Haa ta’u malee, guyyaa Iidaa san Sheeyxaanni ni hiikkama. Inni ammoo badii duraanii sanitti nu deebisuudhaaf carraaqa. Nuti waan inni barbaadu isaa guunne haraama keeysa seenuu hin qabnu. Kanaafuu guyyaa iidaa san badii dalaguuf arra niyyachuun barbaachisaa miti.


Wantoota Iidaan dura godhaman keeysaa, uffataa fi wantoota garagaraa qopheeffachuudha. Iidni guyyaa kaawwan irraa guyyaa addaa waan ta’eef, wantoota iida, iida fakkeeysan qopheeffachuun barbaachisaadha. Uffata gaarii uffachuun, soorata gaarii qopheessuun jaalatamaadha. Guyyaan guyyaa gammachuu waan ta’eef, karaa halaalaatiin gammachuudhaan dabarsuudhaaf of qopheessuu qabna. Garuu guyyaa gammachuuti jennee, israafaa fi kasaaraa hamaa keeysa seenuun barbaachisaa miti. Namuu haga humna isaatiin waan danda’u qopheeffatuu qaba. Namoonni garagaraa guyyaa kanaaf jecha liqaa guddaa keeysa seenan. Booda ammoo liqaa san ofirraa kafaluudhaaf cinqamu. Kanaafuu rakkoon akkanaa akka nu hin mudanne, waan hunda wal madaalchisaa deemuu qabna.



Ijoollee teenyaa uffata haarawa bituun isaan gammachiisuu ni dandeenya. Ofii keenyaafis waan gaarii qopheeffachuu ni dandeenya. Akkasumas mana keeysatti soorata gaarii qopheeffachuu ni dandeenya. Haa ta’u malee, Yeroo kanatti ollaa keenya irraanfachuun hin barbaachisu. Ollaa keenya hiyyeessaa fi yatiimni jiraachuu danda’a. Akkuma ijoollee teenyaa, qaamni isaaniitis uffata gaarii barbaada. Akkuma garaa keenyaa, garaan isaaniitis soorata gaarii barbaada. Kanaafuu yeroo waan haarawa bitannu kana, ollaa keenyas yaadachuun barbaachisaadha. Nuti uffata qaqqaalii bitachaa, soorata ajaa’ibaa qopheeffachaa; ollaan keenya ammoo rakkoo keeysa yoo jiraate, iimaanni keenya rakkoo qaba jechuudha. Yeroo tokko Rasuulli Rabbii ﷺ “Yaa AbaaZar yeroo shoorbaa qopheessitu bishaan itti heddummeessi. Ollaan foolii saniin dararamuu danda’aa” jedhan. Kanaafuu ofii keenya soorata gaarii qopheeffannee ollaa keenya irraanfatuu akka hin qabne hadiisa kanarraa hubatuu dandeenya.


Ergamaan Rabbii ﷺ Anaa fi namni Yatiima kunuunsu jannata keeysatti akkana jirra je’anii, quba isaanii lamaan ol qabanii sahaabota isaaniitti mul’isan. Kanaafuu jannata guddaa fi ajaa’ibaa san argachuudhaaf Yatiima kunuunsuun faaydaa guddaa qaba jechuudha. Guyyaa iidaa jaalatamaa fi guyyaa gammachuu kanatti ammoo ijoollee yatiimaa barbaadanii gammachiisuun, sadarkaa guddaa kana nuuf argamsiisuu danda’a. Yeroo ofii keenyaa uffata bitannu, yeroo ijoollee teenyaa uffata bitnu, ijoollee yatiimaatis haa yaadannu. Maallaqa guddaan wantoota qaqqaalii ta’an ofii keenyaa qofa bitachuu osoo hin taane, mallaqa xiqqoonillee taatu ollaa keenya, keeysattu ijoollee yatiimaa yaadachuun barbaachisaadha. Uffata qofa osoo hin taane, sooratas isaaniif geessuu qabna.


Salaata Iidaatiif manaa bahuu keenyaan duraa zakaatal fixrii ofirraa baasuu keenya mirkaneeffachuu qabna. Zakaatul fixrii kafallu mallee Soomanni ji’a guutuu soomanne fudhatama hin argatu. Zakaatal fixriin badii xixiqqoo nuti ramadaana keeysa hojjanne nurraa qulqulleessiti. Kanaafuu xiyyeeffannaa guddaa kennuudhaan, dirqama Rabbiin nurra kaaye ofirraa akkasumas maatii keenya irraa baasuu qabna. Waan kenninu ammoo guyyaa iidaa dursinee osoo kenninee jaalatamaadha. Sababni isaa, wanti kun warra harka qalleeyyii ta’anitti waan kennamuuf, isaan gammachiisuu barbaachisa. Akkuma nuti mana keenya keeysatti, soorata qopheeffannee iidaaf tottolfannu, isaanillee dursanii yoo argatan, waan barbaachisu qopheessuudhaaf isaan gargaara.
Haala kanaan Iidaaf eega qophoofneen booda, guyyaa iidaa san ganama, qaama dhiqachuun barbaachisaadha. Imaamu Nawawiin (rahiimahullaah), ‘Ulamaa’iin guyyaa Iidaa qaama dhiqachuun Mustahabbi ( dalagaa jajjabeeffamaa) akka ta’e walii galanii jiran. Sababni inni mustahabbi ta’eef ammoo isuma Jum’aatiin wal fakkaataadha” jedhe. Kanaafuu qaama keenya dhiqachuudhaan uffata gaarii uffannee of bareechisnee, of qulqulleessinee gama dirree iidaa deemuun barbaachisaadha. Qaama keenya osoo hin dhiqatin ykn ammoo osoo hin qulqulleeffatin yoo deemne, tarii fooliin qaama keenya irraa bahu nama jeequu danda’a. Fooliin ilma namaa dararu ammoo Malaa’ekas numa darara. Kanaafuu haala kanaan muslima dararaa badii keeysa bu’uu irra ganama yeroon kaanee, qaama keenya dhiqannee, gara Masjiidaa deemuu qabna.

Related Posts


Ganama Salaataaf gara iddoo iidaa deemuu keenyaan dura waa nyaachuun barbaachisaadha. Hadiisa Anas ibn Maalik (RA) gabaase keeysatti, ‘Ergamaan Rabbiini ﷺ guyyaa iidaa timira xiqqoos taatu nyaatan malee salaataaf manaa hin bahan” jedhe. Dalagaan kunis jajjabeeffamaadha. Kunis jiini ramadaanaa xumuramu isaatii fi Soomannis goolabamu isaa kan akeeku ta’a. Waa nyaachuun kun salaata Iidal fixrii qofa irratti hundaa’a. Yeroo Iidal Adahaa ammoo salaata iidaa booda nyaachutu jaalatama. Kanaafuu namni sun yeroo Salaataa deebi’e Uduhiyyaa qale irraa nyaata. Kanaafuu ganama salaata Iidal Fixriif bahuu keenyaan duratti timiras taatu nyaachuu qabna. Yeroo timira nyaannu kanas lakoofsa irruu gochuu qabna. Lakkofsa irruu jechuun, 1,3,5,7… Bakka teemirri hin jirretti ammoo waan biraatis soorachuu mirga qabna.



Sunnaa guyyaa kana jabeessuu qabnu keeysaa tokko yeroo gara iddoo salaata deemnu takbiiraa jechuudha. Abdallaah ibn Umar (Rabbiin isarraa haa jaalatuu) guyyaa iidaa mana isaatii bahee haga bakka iida gahutti takbiiraa jedha. Eega bakka Iidaa gaheen boodas haga imaamni dhufutti takbiiraa ittuma fufa. Kana booda yeroo imaamni Takbiiraa jedhu isa waliin jedha. Salafoonni hedduunis takbiiraa jechaa turan. Kanaafuu nutis guyyaa kana takbiiraa jechuudhaan tokkichummaa fi guddina Rabbii ibsuu qabna. Ji’a ulfaata kana fedha isaatiin dhaqqabne, guyyaa jaalatamaa kanas fedha isaatiin dhaqqabna. Kanaafuu, waan hunda irratti humna fi aangoo kan qabu isa waan ta’eef isa faarsuun barbaachisaadha.


Obboleewwan keenya guyyaa kana dhaqqaban baga itiin isin gahe jennee wal gammachuunis sunnaa Sahaabonni dalagaa turan keeysaa isa tokko. Jubeeyr ibn Nufayr (RA), “Sahaabonni ergamaa Rabbii ﷺ guyyaa iidaa karaa irratti yoo walitti dhufan, ‘taqabbala Allaahu Minnaa wa Minkum’ Rabbiin nurraallee isinirraallee haa qeebalu’ waliin jedhu” je’ee gabaase. Kanaafuu karaa heeyyamamaa ta’een gammachuu keenya walii ibsachuu ni dandeenya. Bara kana ammoo karaan gammachuu walii ibsannuun heddutu jira. Meeshaa teeknolojii ammayyaatis fayyadamnee nama fageenya irratti argamuu gammachuu keenya ibsachuun obboleeyyummaa keenya cimsachuun hayyamamaadha.


Sunnaan biroo ammoo, karaa keeysa deemnu jijjiiruudha. Karaan wayta gara dirree iidaa deemu keeysa deemnuufi, kan yeroo gallu keeysa deebinu adda adda tahuun jaalatamaadha. Jaabir ibn Abadallaah (RA), “Ergamaan Rabbii ﷺ guyyaa Iidaa karaa garagaraa fayyadaman’ je’ee nuuf gabaase. Ulamaa’iin karaa garagaraa fayyadamuun faaydaa heddu qaba je’an. Inni duraa guyyaa Qiyaamaa karaan sun ragaa nuuf baha je’an. Kanaafuu toltuu keenya karaan heddu akka nuuf dubbatu karaa garagara haa fayyadamnu je’an. Inni lammata ammoo Islaamummaa namoota birootitti mul’isuudha je’an. Karaa duraan deemnu irraa namoonni nu argan, karaa biraatiin yoo deebinus namoonni biroo nu argan. Haala kanaan islaamummaan jiraachuu isii munaafiqaa fi adawwitti himuuf nu gargaara je’an. Inni sadaffaa ammoo rakkataa karaa garagaraa irra taa’ee kadhatuutti sadaqachuudhaaf nu gargaara. Akkasumas fira karaa gargaraa keeysa jiru akka ziyaarru nu gargaara je’an. Karaa deeman saniin deebi’uun haraama jechuudhaa miti. Haa ta’u malee, waan Nabiin keenya dalagan waan ta’eef itti dalaguun barbaachisaadha.


Guyyaa guutuu waan Rabbiin jaalatu qofa irratti dabarsuu qabna. Ramadaanni dhume jennee haraama keeysa seenuun hin barbaachisu. Ajanabiyyaan walitti makamnee badii dalaguu irraa fagaatuu qabna. Akkasumas salaata dhiisuu irraa of eeguu qabna. Hedduun namaa guyyaa iidaa salaata Zuhrii irraa kaase ni dhaaba, gariin ammoo masjiida dhiisee manatti salaata. Akka akkana hin taane of eeguu qabna. Kanaafuu haaluma Ramadaana keeysatti ibaadaa irratti jabannetti, ramadaanaan boodas ibaadaa keenya haaluma saniin itti fufuu qabna. Nama Iida baranaa dhaqqabee, akkaataa Rabbiin jaalatuun karaa kheeyrii irratti gammadee dabarsu nu haa godhu.


Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...