header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Furmaanni ajjeechaa Muslimoota irratti raawwatamuu maali?

Gaafataa: Assalaamu Aleeykum warri as jirtan hundi. Hundaa olitti, obboleessa kiyya jaalatamaa fi kabajamaa Doktor Zaakir Naayik; Eega ijaan qajeela si argee yeroon dheeraan dabree jira. Yeroo xumuraatiif Pinaay keessatti si arge. Amma gara Pinaay akka seentu siif hin hayyaman. Rakkoon wahii ni jira. An Pinaay irraa dhufe. Karaa dheeraa kana maatii kiyya guutuu qabadhee qajeela ijaan si arguuf dhufe. Jarrillee qajeela si arguu barbaadu. Maashaa Allaah! yeroo hunda TV irratti daawwatu. Amma qajeela si arguu fedhu. Alhamdulillaah!

Maashaa Allaah! Mata dureen qophii har’aa Islaamummaan furmaata namummaati jedha. Haa ta’u malee wanti addunyaa teenya tana keessatii argaa jirru waan nama gammachiisuu miti. Suuriyaa keessa maaltu mudataa jira? Muslimatu Muslima ajjeesutti jira. Yaman keessa maaltu mudataa jira? Muslimatu Muslima ajjeesaara. Myaanmaar keessa maaltu mudataa jira? Eeyyan, akkuma nuti hundi walii gallu, lammiileen Rohingiyaa gara jabeenyaan ajjeefamaa jiru. Ta’ullee furmaanni wahii jiraachuu qaba. Nuti Muslimoonni maal gochuu qabna? Yaman keessa maaltu ta’aa jira? Suuriyaa keessa maaltu ta’aa jira? manguddoonni, Dubartoonnii fi ijoolleen humna hin qabne ajjeefamaa jiru! Nuti Muslimoonni maal gochuutu nurraa eeggama? Nuti Muslimoonni addunyaa cufa keessa jirru maal gochaa jirra? Kanaafuu, Yaaboo furmaata nuu keenni. Du’aa’ii gochuun cinatti, tahajjuda dhaabachuun cinatti, Rabbiin kadhachuun cinatti, Nuti muslimoonni maal gochuu akka qabnu nuuf himi. Yaaboo, obboleessa kiyya jaalatamaa, furmaata nuuf kenni.

Dr Zaakir: obboleessi gaafii barbaachisaa gaafate. Akkasumas gaafii gaafatamuu malu gaafate. Sunis arraan tana biyyoota Muslimaa heddu keessatti, waraana muslimoonni irratti ajjeefamaa jiran argina. Yaman, Suuriyaa, Rohingiyaa, Afghaanistaan fi Iraaq, keessatti muslimoota ajjefamaa jiran argina. Biyyoonni kunniin ammoo hedduun isaanii biyyoota Muslimaati. Du’aa’ii godhuun cinatti, furmaanni jiru maal?

Tokkoffaa irratti; wanti jalqaba gochuu qabnu, sababaan ka’uumsa ajjeechaa kanaa maal akka ta’e beekuudha. Afgaanistaan ta’ee, Iraaq ta’ee, Rohingiyaa Burmaa ta’ee, Suuriyaa ta’ee, ykn Yaman ka’uumsi isaa maal? Sababaa ijootiif ammas qur’aanatu furmaata kenne. Akkuma haasawa kiyya arraa keessatti ibsetti xiyyeeffannaan dubbii kiyyaa, adawwiin Islaamaa, Islaamummaa akkamitti maqaa balleessuuf hojjachaa akka jiran mul’isuudha. Akkasumas Adawwiin Islaamaa, biyyoota Muslimaa haleeluudhaaf sababaa isaanii akkamitti akka dhugoomfatan mul’isuudha. Fakkeenya salphaa tokko isiniif kenna.

Akkuma beeknu waggoota 10 dura, Ameerikaan ‘Iraaq meeshaa waraanaa dimshaashatti addunyaa galaafatu qabdi’ jettee himatte. CIA’n, dhaabbanni akka addunyaatti basaasummaarratti jabaa jedhamuun beekkamu, ‘Iraaq meeshaa waraanaa dimshaashatti addunyaa galaafatu qabaachuu isiitiif ragaa qabna’ jedhe. Ani deeggaraa Saddaam Huseen miti. Tarii inni Muslima gaarii ta’uu dhabuu mala. Haa ta’u malee Ameerikaa irra namni dhimma Iraaq irratti haqa qabu isa.

Ameerikaan Uk dabalattee, biyyoota lixaa biroo waliin ta’uudhaan Iiraaq irratti waraana labsite. Sababni isaanii ammoo ‘Iraaq meeshaa waraanaa dimshaashatti addunyaa galaafatu qabdi’ kan jedhudha. Waggaa dabre, Akka gabaasa dhaabbata mirga namoomaatti, Oduun meeshaa waraanaa sun gabaasaa kijibaa ta’ee argame. Kana hordofuun Muummichi Ministeera Ingiliiz duraanii Toonii Bleer gara ummataa bahuudhaan, “Waraanni sun Dogoggora guddaa jireenya kiyya keessatti hojjadheedha, Dhiifama”jedhe. Namni meeqa akka ajjeefame beektuu? Muslimoonni Iraaq kan miiliyoona walakkaa ol ta’an sababaa gabaasa kijibaa Kanaan ajjeefamaniiran. Deebisaan isaan kennan maalii? “Dhiifama”kan jedhu qofa. Nuti Muslimoonni maal hojjachaa jirra?

Wayta biyyoonni Muslima hin ta’in biyyoota muslimaa weeraran, nuti muslimoonni duuba teenya. Homaa hin goonu. Guyyaa kaleessaati natti fakkaata, Preezidaantiin duraanii Ameerikaa, dhalatee umrii 94tti du’e. Namichi sun namoota waraanni fulbaana 9/11 boodaa akka jalqabu sababaa ta’an keessaa isa tokko. Akkasuma Preezidaantonni itti aananii dhufanis waraana Iraaq irratti akka labsan karaa kan saaqe isa. Kaayyoon isaanii ijoon maalii? Boba’aa Iraaq harkatti galfachuudha. Oduu kijibaa dalagan saniif Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 540 kafalan. Ameerikaan doolaara miiliyoona 540 kaffaluun Viidiyoo kijibaa, Iraaq meeshaa waraanaa dimshaashatti addunyaa galaafatu qabdi kan jedhu dhugoomsuuf hojjachiiste. Viidiyoo takka dalaguuf Miiliyana 540?

Rakkoon muslimotaa maalii? Nuti tokkummaa hin qabnu. Wayta Afghaanistaan Raashiyaa waliin waraanatti jirtu san, yeroo sanitti Raashiyaan diina Ameerikaa turte. Ameerikaanis Raashiyaa moohachuudhaaf gargaarsa biyyoota muslimaa fi Afghaanistaan argachaa turte. Sunis Raashiyaa Afghaanistaan keessaa baasuudhaaf godhame. Hilarii Kilintan Viidiyoo tokkorratti akka dubattetti, Doolaara Biiliyana 8 baasii godhan. Baasiin Kunis Raashiyaa waraanuudhaaf, Afghaanistaan gargaaruu fi Xaalibaan hundeessuudhaaf oole. Ofumaa hundeessanii ka’anii boodarratti shoorarkeessitoota isaaniin jedhan. Shoorarkeessaan guddaan eenyu? Namicha yakka raawwate sani moo, namicha nama gochaa shoorarkaa san raawwatu uume? Shoorarkeesaan guddaan eenyu?… Nuti hoo maal dalagaa jirra? Humaa!

Isaan biyya laaftuu addunyaa tanaa tan taate Afghanistaanirratti boombii klaastar jedhamu roobsaa jiran. Boombiin Klaastar kan isaan itti roobsan eega lafa gaheen booda gara boombii hedduutti qoqqoodama. Kanaanis Afghaanistaanota kumaatamaan laakkawaman ajjeesaa turan. Nuti Muslimoonni maal gochaa turre?… humaa.

Rakkoon, Nuti muslimoonni tokkummaa hin qabnu. Wayta Muslimoonni ajjeefaman eenyutu ajjeechaa san deeggaraa jira? Namoota Muslima hin ta’intu deeggara. Namoonni ajjeechaan kun akka geggeeffamuuf duubaan taa’anii qindeessan eenyu? Deebiin isin argattan, adawwiin muslimaa eddoo garagaraa jirutu gabaasa kijibaa uumaa, biyyoonni muslimaa akka haleelaman godhuu isaaniiti. Kaayyoon isaanii boba’aaf, mallaqaaf, humnaaf ykn ammoo diina haleeluudhaaf ta’uu danda’a. Haleellaa fulbaana 9/11 dura diinni Ameerikaa guddaan Komyuunizimii Raashiyaa ture. Kanaafuu Raashiyaa injifachuudhaaf biyyoota muslimaa gargaarsifatte.

Furmaanni rakkoo kanaa Qur’aana keessatti kennameera. Sunis Suuraa Aali imraan, Suuraa 3ffaa aayaa 103 irratti, Rabbi (SW) akkana jedha;

وَٱعۡتَصِمُواْ بِحَبۡلِ ٱللَّهِ جَمِيعٗا وَلَا تَفَرَّقُواْۚ

Haada Rabbii hunda ta’aa qabadhaa; adda adda hin bahinaa.

Haadni Rabbii Qur’aana kabajamaa fi hadiisa Sahihaa Nabi Muhammadiiti (SAW). Nuti Muslimoonni Haada Rabbii yoo jabeessinee qabanne, Akkasumas hadiisa Sahiihaa Nabi Muhammad (SAW) yoo jabeeffanne, hooggantoota addunyaa tanaa taana.

Seenaa yoo dubbistan, Qur’aani buufamuu isaatiin dura, Araboonni ummata tuffatamoo turan. Yeroon sunis Yawmul Jaahiliyyaa, ykn yeroo doofummaa jedhamuun waamama. Eega Qur’aanni buufameen booda ummanni Arabaa mataa addunyaa tanaa ta’an. Seenaa Nabi Muhammad (SAW) fi Khulafaa’urraashidiin yoo dubbistan, Muslimoonni hooggantoota addunyaa tanaa ta’uu isaanii hubattu. Addunyaa hoogganaa turre. Ummanni biroo, Muslimoota ofitti waamaa turan. nutti koottaatii mirga nuuf eegsisaa jechaa gaafataa turan. Warri Muslima hin taane, Khaliifota keenya waamaa affeeraa turan. Maaliif? Sababni isaa hogganni zaalimaa kan isaan cinqaa ture akka isaanirraa bu’u barbaadan.

Warri Lixaa Islaamummaan Seeyfiin babal’ate jedhan. Delisee Oleerii dhimma kanaaf deebii kenneera. Kitaaba isaa kan ‘Islam on the cross road’ jedhu fuula 8 irratti, ‘Afoolli islaamummaan Seeyfiin babal’ate jedhu, oduu amansiisaa hin taane, afoola kijibaa warri seenaa irra deddeebi’ee dubbate ta’uu isaa Seenaan ifoomseera’ jedhe. Oduun sun Afoola. Yeroo sanitti Muslimoonni Qur’aanaa fi Sunnaa bu’uura godhachuun tokkoomanii turan. Har’a Nuti Muslimoonni qoqqoodamneerra. arra biyyoonni Muslimaa osoo tokkoomanii, biyyootni shantamaa ol kan hedduminaan muslimoonni keessa jiraatan osoo tokkoomanii, silaa humna jabaa taana turre.

Qur’aana ammoo yoo dalagaarra oolchine, rakkoo namummaatiif furmaata ni arganna ture. Haala garaa nama nyaatuun, Ergamaan Keenya jaalatamaan Nabi Muhammad (SAW) wayta gara qiyaamaa dhihaannu, lakkoofsi muslimootaa akka heddummaatu nuu himan. arraan tana ummata addunyaa keessaa parsantii 25 ol kan ta’u Muslima. If duras dabalaatuma deema. “Haa ta’u malee akka hoomachaa tahan”jedhan. hoomacha! Islaamummaarraa haalaan fagaatan jechu. Kunoo waan isaan dubbatan har’a argaa jirra. Muslimoonni, islaamummaarraa haalaan fagaachaa deemaa jiru. Waan kana ammoo addunyaa cufa keessatti argina. Biyyoonni silaa Qur’aanaa fi sunnaa hordofan jennee fakkeenya godhanna jennee irraa abdannu, har’a Qur’aanaa fi sunnaa irraa fagaataa jiran. Adaduma Qur’aanaa fi sunnaa irraa fagaataa deemaniin, isaanillee tuffatamaa, biyya isaanii keessattis cunqrusaan jabaataa deema. arraan tana biyyoota Musliimaa kan qur’aanaa fi sunna hordofaa jiran jennee himannu hin argannu. Hin jiran.

Rakkoon nuti muslimoonni keessa jirru; tokkummaa hin qabnu, qoqqoodamnee jirra. Ofumaa wal lolaa jirra. Amma dura dhimma Falasxiin irratti muslimoonni yaada wal fakkaataa qabaachaa turan. Ha’ra garuu qoqqoodamneerra. Biyyoota Muslimaa kan ‘israa’el biyya san dhuunfachuun isii rakkoo hin qabu’ jedhantu jira. Maaltu ummata muslimaatti gale? Rakkoon har’aan tana jirtu, Nuti Muslimoonni Rabbi caalaa ilma namaa dachii tanarra jiru sodaachaa jirra.

Dhugaadha, namuu humna qaburratti hundaa’ee gaafatama. Garuu namuu dandeettii du’aa’ii gochuudhaa ni qaba. Kanaafuu akkuma ati jette du’aa’ii gochuu qabna. Garuu namni dubbachuu danda’u yoo rakkoo sanirraa hin dubbanne, Rabbi dandeettii isaa kan dubbachuu san irraa fuudha. Namni humna rakkoo tana dura ittiin dhaabbachuu danda’u qabu yoo rakkoo san falmatee hin deebisnee, Rabbi humna san irraa fudhata. Yeroo Nabi Muhammad (SAW) lubbuun jiran sanitti nuti muslimoonni hiyyeeyyii turre. Wanti Nabi Muhammad (SAW) dhiisanii gara ganda aakhiraa godaanan, sahaabotaa fi khulafaa’ota qofa. Har’aan tana nuti muslimoonni dureeyyii addunyaa tanaati. Nuti warqii gurraacha, boba’aa qabna. Maal dhabne? Humaa! Garuu Isaan Nutti fayyadamaa jiran.

Qur’aanaa fi sunnaa hordofuudhaaf Qabeenya qabaachuun dirqamaa miti. Nabiin keenya jaalatamaan nabi Muhammad (SAW) “haga durummaa fi qabeenya ummata kiyyaaf sodaadhu, An ummata kiyyaaf hiyyummaa hin sodaadhu”jedhan. Har’aan tana rakkoon nuti qabnu, qabeenya waan arganneef Rabbiin irraanfanne. Biyyoonni Muslimaa kan qabeenya qaban sunniin, qabeenya qaban san karaa Rabbi jaalaturratti fayyadamaa hin jiran. Karaa sirrii hin taanerratti fayyadamaa jiran. Fakkeenya kennuun narraa hin eeggamu, addunyaan cufti ni beeka. Namoota biroo ittiin gowwoomsuuf fayyadamaaran. Islaamummaa ittiin kaddamuuf fayyadamaa hin jiran.

Rabbi nurraa haajaa hin qabu. Rabbi diinii isaa injifataa taasisuuf Anaa fi si faaydaa hin qabne kanniinitti hin haajamu. Rabbi ifatti nutti himeera. Bakka garagaraa sadih irratti, Suuraa tawbaa Suuraa 9ffaa, aayaa 33 irratti, Suuraa Al Fat’h Suuraa 48 Suuraa 28 irratti, suuraa As-saff Suuraa 61 aayaa 9ffaa irratti

هُوَ ٱلَّذِيٓ أَرۡسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلۡهُدَىٰ وَدِينِ ٱلۡحَقِّ لِيُظۡهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ

Inni Isa ergamaa isaa qajeelfamaa fi amantii dhugaatiin, amantii hunda irratti ol taasisuuf jecha ergeedha.

Itti aansuun Rabbi bakka tokko “Wakafaa billaahi Shahiidaa’ = ‘Ragaaf Rabbiin qofti gahaadha”jedhe. Bakka lamaanitti ammoo “Walaw karihal Mushrikuun” = “Osoo Mushrikooni jibbanuu”jedhe. Rabbi, amantiin islaamummaa kun nuun ykn nuun maletti amantiiwwan hafan hunda irratti ol aanaa akka ta’u waadaa seeneera. Rabbi anaa fi sihii fayadaa hin qabne kanatti hin haajamu. Amantii isaatiif Rabbiin gahaadha. injifataa ni taasisa.

Rabbi carraa nuuf kennee, dalagaa Nabiiyyootaa akka dalagnee mindaa nabiyyotaa argannu karaa nu godhe. Rabbi akka aduutti akka ifnuuf carraa nuu kenne. Wallaahi! nuti Muslimoonni Rabbii fi Rasuula isaarraa fagaataa deemaa jirra. Furmaanni tokkichi jiru Rabbii fi Ergamaa isaatti deebi’uu, Qur’aanaa fi Hadiisa sahiihaatti deebi’uudha. In shaa Allaah, yeroo san nageenyi ni argama. Hadiisa Nabi Muhammad (SAW) kan qiyaamaan dhaabbachuun duratti, muslimoonni addunyaa tana wagga 7f bulchu jedhutu jira. Sun ammoo wagga haalaan irra bareedaadha. Guyyaan sun yoom akka dhufu hin beeknu, jiraannee yeroo san akka agarru du’aa’ii goona. Kanaafuu Furmaanni, Musimoonni Qur’aanaa fi hadiisa sahiihaarratti hundaa’anii tokkoomuudha. Deebisaa sii kenne jedhee abdadha.

 

 

 

Qophii: Abu Ibtisaam

 

Back to top button