header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Muduraalee qaqqaalii

Dachii tana keessa wantoota qaqqaalii heddutu jira. Gariin makiinaa, kaanis sa’aatii harkaa gatii haalaan qaalii taheen wayta bitatu argineerra. Garuu sooratni haalaan qaalii tahe hoo akka jiru quba qabduu? Biyya teenya keessatti biddeenaa fi daabboon wantoota nama hunda biratti walqixa baramaniidha. Sooratni baay’inaan sooratamus kanuma. Taajirri mallaqa guddaa qabuufi, hiyyeessis kanuma soorata. Kan kanarraa hafe Muduraalee sooratuun dureessaaf qofa hayyamame jedhamee amanama. Arraan tana Burtukaanaa fi Muuza gatii qaaliin bitanii sooratuun namoota hedduuf ulfaataadha. Sababni isaatis biyya keenya keessatti gatiin Muduraalee haalaan qaalawee jira. Biyyoota gurguddatan keessatti fayyaa ilma namaatiif Muduraan haalaan barbaachisaa waan taheef namuu guyya guyyaan bitatee soorata. Gatiin Muduraalee biyyoota garii keessa jiru ammoo nama rifachiisa. Barruu tanaan Muduraalee haalaan qaalii tahanirraa muraasa isinii dhiheessina.

 Gatiin barruu kana keessatti ibsame hundi gatii avereejii bara 2022 yoo tahu, gatiin doolaara tokkoo birrii 70tti shallagamee dhihaate.

Square Watermelon (ISKUWEER WATAR MIILOON) (Hab Hab Rog afree) dolaara 800

 Mudurri kun Jaappaan keessatti oomishama. Hab Habni roga Isquweerii qabu tokko jaappaan keessatti hanga dolaara 100 kan gurguramu yoo tahu, biyyoota biroo keessatti ammoo hanga dolaara 800  olitti gurguramaa jira. Hab habni kun sanduuqa roga Isquweerii qabu kan isa qofa keessatti biqilchuuf qophaaye keessatti oomishama. Roga isaatiin alatti, halluufi dhandhamaan hab habuma kaawwaniin wal fakkaata. Sababaan gatiin isaa akkanatti qaalaweef maal akka tahe hin beekamu, garuu namoonni mallaqa guddaa qaban mudura kana ni bitu. Keessattuu yeroo sagantaa gurguddaa qopheessan, Muduraa bakka birootti hin argamne sagantaa isaanii irratti garsiifachuuf, Hab haba rog afree kana doolaara 800 fi sanii oliin bitu. 

Ruby Roman Grapes. (RUUBII ROOMAAN GIREEPS) Dameen tokko dolaara 4000

 Mudurri kun sanyii inabaa ykn wayniiti. Inaba dachii tanarra jiru keessaallee isa irra qaaliidha. Akkuma Square watermelon Muduraan kunis Jappaan keessatti argama. Haalaan mi’aawaa fi bifti isaatis kan gara diimaatti dhihaatuudha. Akkasumas sanyiilee Inabaa hedduminaan beekkaman keessaa irra guddaadha. Guutuu isaa bitachuu yoo barbaaddan dolaara 4000 ykn ammoo birrii kuma 280 ol kafaluu qabdan. Natti qaalawe jettanii yoo ka sodaattanii ammoo firii takka takkaan bitachuu ni dandeessu. Firii takkaaf dolaara 225 ykn birrii biyya teenyaa 15,750 ol kafaltan.

Dansuke watermelon (DANSUUK WATAR MEELOON) Dolaara 6000

 Habhabni Dansuke jedhamu kunis Jaappaan keessatti argama. Hab Hab qaalii tahan keessaallee isa tokko. Mudurri kun bifti isaatis kan addaati. Akka Hab Haba biroo sarara kan qabuu miti. Guutumaan guututti bifti isaa kan duubaa gurraacha. Hab habni kun waggaatti 10,000 qofatu oomishama. Inni tokkos dolaara Ameerikaa 6000 ykn birrii kuma 420 olitti gurgurama.

 Yubari King Melon (Yubaarii Kiing Meeloon) dollaara 10,000-30,000

 Mudurri kunis jaappaan keessatti argama. Yubari King Melon Magaalaa Jaappaan tan Yubaarii jedhamtu keessatti oomishama. Mudurri kun Sanyii Muduraa kan kantaloop jedhamu lama walitti diqaalomsuun kan oomishameedha. Yubari King Melon waggaa sadihiin dura doolaara Ameerikaa kuma 23tti gurguramee ture. Yeroo ammaa kanatti gatiin isaa dachaan hir’atee jira. Tahullee ammas Muduraalee qaalii tahan keessaa isa tokko. Yeroo ammaa kanattis habbaan tokko dolaara Ameerikaa kuma 10 ykn birrii kuma 700tti dhihaatuun gurguramutti argama.

 Lost Garden of Heligan Pineapple (LOOST GAARDAN OOF HELIGAAN PAAYINAAPPIL) dolaara 15,000

 Muduraawwan qaalii barruu tana keessatti isiniif dhiheessine keessaa isa kana qofatu Jaappaaniin alatti oomishama. Mudurri sanyii Anaanaasii kun Biyya ingliiz keessatti oomishama. Bara kanattis Muduraalee gurguramaa jiran keessaa isa irra qaaliidha. Habbaa takka qofa bitachuu yoo barbaaddan doolaara kuma 15 ykn ammoo birrii miiliyoona tokkoo ol kafaluu qabdan. Haala qilleensa Ingiliiz keessatti Anaanaasiin hin biqilu. Haa tahu malee inni kun bifa addaatiin kutaan addaa qophaayeefii oomishama. Isa oomishuufis ifaajee guddaatu barbaachisa. Kanaaf fakkaata Anaanaasii tokko gatii Makiinaatiin kan gurguraniif.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button