Ajaa’iba Hirriibaa
Ilmi namaa uumama hir’ina qabuudha. Qaama dadhabu kenname. Jireenya isaa tolfachuuf hojjachuun dirqama isaati. Namni hojjatu ammoo ni dadhaba. Namni dadhabe boqonnatti haajama. Boqonnaa Rabbi nu badhaase keessaa inni guddaan hirriba. Kanaaf Rabbiin Qur’aana keessatti halkan yeroo boqonnaa isinii goone jedhe. Wayta lafti dukkanaawu firaasha irra baanee gad ciisna. Waan achi booda mudatu hin beeknu. Rafnee addunyaa biroo keessa seenna. Rabbiin keenyallee haala san keessatti nu eegee, wayta lafti bariitu hirriibaa nu kaasa. ALHAMDULILLAH. Hirribni wantoota ilma namaatiif haalaan barbaachisaa ta’an keessaa isa tokko. Namni hirriba gahaa hin rafne rakkoo garagaraatiif saaxilama. Kanaaf ogeeyyiin fayyaatis hirribatti nama ajajan. Barruu tanaan qabxiilee ajaa’ibaa hirribaan wal qabatan isinii dhiheessina.
Ilmi namaa umrii qaburraa tokko sadaffaa kan ta’u hirribaan dabarsa. Hammi murtaa’aan hirribaan dabarsuu qabnu kana jedhamee wanti dubbatame hin jiru. Ilmi namaatis akka ofii fedhetti haga fedhe rafa. Qorannoo godhameen garuu, ilmi namaa sa’aa 5 hanga 11 hirribaan dabarsa. Avreejiidhaanis namni tokko guyyatti sa’aa 7f rafa. Kana jechuun saa’aa 24 kan guyyaa tokko keessa jiru wayta bakka sadihitti qoodnu sa’aa 8 ta’a. namni ammoo avreejiin sa’aati 7 rafa. Kanaafuu tokko sadaffaa sa’aatitti ni dhihaata. Namni waggaa 24 jiraate, waggaa 7 hirribaan dabarse jechuudha.
Yeroo heddu namni hirriba heddu dhabuun rakkatu dubartoota. Keessattuu haawwonni sababa garagaraatiif yeroo silaa rafuu qaban hirriiba dhabuuf dirqaman. Fakkeenyaaf dubartiin daa’ima haarawa qabdu, waggaa lama keessatti hirriba ji’a 6 dhabdi. Akka qorannoon mul’isuttu avreejiidhaan namni tokko hirriba saa’aa 5 osoo addaan hin kutin rafuu barbaada. Haa ta’u malee dubartoonni dahan sa’aa 3 caalaa walitti dhaabanii rafuu hin dandayan. Daa’imman sa’aa 3 osoo hin guutin nyaatatti waan haajamaniif booyaa isaan dammaysu. Haala kanaan haawwan silaa sa’aatii rafuu qaban heddu dhabu.
Namni osoo hin rafin yeroo dheeraaf ture, Randy gardner jedhama. Namni kun bara 1964tti guyyaa 11 fi daqiiqaa 25f osoo hin rafin turuun nama yeroo dheeraaf osoo hin rafin ture ta’uun galmaayeera. Namni kun yeroo sanitti dargaggeessa barnoota sadarkaa lammaffaa (High school) baratu yoo ta’u, yeroon inni hirribaa malee dabarse ammoo doktoroota garagaraatiin hordofamaa ture. Fayyaa isaa irrattis dhiibbaan uumame akka hin jirre beekameera. Inumaa guyyaa 10ffaarratti hiriyyaa waliin tapha Pinball jedhamu taphachuun moohatuu danda’eera.
ilma namaa qofa osoo hin taane, bineensonnis hirribatti ni haajaman. Inumaa bineensonni hedduun yeroo dheeraaf rafuu danda’u. Fakkeenyaaf jawween sa’aa 18 hirribaan dabarsuu danda’a. Qeerransi sa’aa 15, adurreen sa’aa 12 rafuu dandeessi. Bineensi guddaan, Arbi sa’aa 3 hirribaan kan dabarsu yoo ta’u, bineensi dheeraan, Sattawwaan ammoo sa’aa 2 qofa rafa.
Jaappaan keessatti bakka hojiitti rafuun hayyamamaadha. Akka Jaappaanonni amananitti, namni haalaan dadhabu malee dalagaa irratti hin rafu. Kanaafuu namni tokko yoo osoo waa hojjatu rafe, akkuma nama dalagarra jiruutti herreegamaaf. Namni maaliif rafta jedhee itti dubbatu tokkolleen hin jiru.
Biyyoota guddatan keessatti namni yeroo isaa hedduminaan dalagaan akka dabarsu ni beekkama. Hedduun namaa yeroo gabaabaa qofaaf rafa. Haa ta’u malee biyyoota guddatan jedhaman keessaa Faransaay keessatti namoonni yeroo dheeraaf hirribaan dabarsuun beekkamu. Avreejiidhaanis sa’aa 8.83 hirribaan dabarsu.
Akka qorannoon mul’isutti yeroo guyyaatti daqiiqaa 26 qofaaf hirriba gabaabduu (qayluulaa) rafuun dalagaaf nama kakaasa. Namni hirriba gabaabduu guyyaa tana dhabe jeequmsa sammuutiif saaxilamuu mala. Namni yeroo guyyaattii sa’aa dheeraaf walitti dhaabee rafe ammoo, dadhabinaaf akka saaxilamus qorannoon kun akeekeera. Kanumarraa ka’uun dhaabbanni Qorannoo Hawaa ameerikaa kan NASA jedhamu hojjattoonni isaa daqiiqaa 26 qofaaf akka rafan dirqama godha.
Qophii Abu Ibtisam