header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Seenaa Gabaabaa Perezdaantii Majlisa Oromiyaa

Sheikh Jamaal Muusaa Jiloo jedhaman. Sheikh Jamaal bara 1955 A.L.I Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti dhalatan.

 

  • Barnoota shari’aa – Hadiisa Arba’iina irraa hanga sunanu sittaa, Fiqihii Shaafi’iyyaa Mukhtasaraa – Minhaajitti qara’anii jiran. Musxalahaa hadiisaa, Usulul fiqhii, Nahwii, Sarfii fi manxiqaa dabalatee fanniiwwan ilmii islaamaa hedduu baratanii jiru.

 

Ulamoota isaan irratti qara’an ilaalchisee:   

  • Matnii Qur’aanaa fi fiqhii shaafi’iyyaa Sheikh Mahammad Rashiid ittibsuu irratti, akkasumas Mutuuna hadiisaatii fi musxalahaa hadiisaa: Sheikh Abdallaah Sa’idii fi Sheikh Muussaa Ibroo irratti qara’an.
  • Sunana Sittaa: Sheikh Jibriil Abraahim Eebbaa irratti qara’an.
  • Nahwii fi Sarfii Manxiqaa: Sheikh Mahammad Sammaan Culul irratti qara’an.
  • Barnoota Akaadaamii : 10+4 Maanaajimeentii yookaan barnoota Bulchiinsa waliigalaa barataniiru.

 

Dandeettii afaanii ilaalchisee:

Afaan Oromoo, Afaan Arabaa fi Afaan Amaaraa sadarkaa olaanaatti ni dubbatu, ni barreessu.

 

Muuxannoo Hojii:

  • Bara1993 ““ 1997L.I. Barsiisaa madrasaa turan.
  • Bara 1997 irraa hanga bara 2013L.I. imaama Masjida Tawbaa kan magaalaa Ciroo turan.
  • Bara 2000 A.L.I. irraa Eegalee mushrifa ( too’ataa) markaza Hifzii Qur’aanaa masjida Tawbaa, akkasumas bara 1997 ““ 2013 A.L.I barreessaa Majlisa ulamaa’ii G/H/Lixaa ta’anii tajaajilan.
  • Bara 1999 ““ 2013 A.L.I. Qaadii mana murtii shari’aa Aanaa Ciroo tahuun tajaajilaa turan.
  • Bara 2013 hanga ammaatti Qaadii Mana murtii Shari’aa Harargee Bahaa ta’uun tajaajilaa kan turanii fi miseensa majlisa ulamaa’ii  Harargee Bahaa ta’uudhaan hojjatanii jiru.

 

Haala maatii:

Sheikh Jamaal Muusaa, haadha manaa tokkoofi fi ijoollee 11 qaban.

Back to top button