header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Keeniyaan Daangaa Itoophiyaa waliin qabdu cufachuu ibsite.

Gaazeexaan Bloomberg gabaasa isaa kan March 16/2018 irratti, Hidhattonni Adda Bilisuummaa Oromoo (ABO), konkolaataa waraana mootummaa Itoophiyaa fe’ate deemaa ture lama irratti haleellaa raawwatuun namoota 72 ajjeessuu eega ibse booda, mootummaan Keeniyaa dangaa Itoophiyaa waliin qabu kan cufe tahuu ibse.

Dubbii himaan mootummaa Keeniyaa kaabaa bulchiinsa kutaa Marsaabeet Mr Halkaanoo Halakee ” seensa dangaa hunda irratti poolisoonni Keeniyaa 20 ramadamuu, akkasumas iddoo sanitti dabalataan taankiin loltoota waraana Keeniyaa 4 ramadamanii jiru”jechuun Bloombergiif hime.

Akka gabaasa Gaazexaa kanaatti, hidhattonni Adda Bilisuummaa Oromoo (ABO) ajjeechaa waraanni Itoophiyaa torbee darbe keessa godina Booranaa magaalaa Mooyyalee keessatti ummata nagayaa irratti raawwate haluu bahuuf loltoota waraana mootummaa Itoophiyaa irratti haleellaa raawwatuun 72 kan ajjeesan tahuu ibse.

garuu dubbi-himaan bulchiinsa kutaa Marsaabeet Mr Halkanoo Halakee lakkofsa loltoota mootummaa Itoophiyaa kan ajjeefamanii kana hin mirkaneessine.

Madda:  Bloomberg.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button