header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qamalee Mataa Jibrii (Cotton Top Tamarin)

Wanta Rabbi uumee dachii tana ittiin guute yoo xiinxallinee ilaallu ajaa’iba heddu agarra. Nama qalbii isaa haalaan banee wantoota kanniin tafakkureef, uumama Rabbii kana keessa baruumsa guddaatu jira. Baay’inni Dizaayinii fi akkaataan taa’umsa qaamman garagaraa waan ajaa’ibaati. Gaala gammoojjii bishaan hin jirre keessa jiraatuuf, duyda irraa dalluu guddaa kan bishaan keessatti kuufatu kenne. Uumama akka Biir kan lafa qabbanaawaa fi cabbii irra jiraatu ammoo, gogaa jabaataa akkasumas rifeensa tuucha’aa badhaase. Osoo bineensota kanniiniif Rabbi qaama akkanaa kennuu baatee, jiraachuun isaaniif rakkisaa ture. Walumaa galatti Dizaayinni Rabbiin keenya uumama hundaaf kenne kan ajaa’ibaati. Baay’inaa fi garaagaarummaan uumama hunda bira jiru ammoo daran nama ajaa’ibsiisa. garaagarummaan jiru kun daran dandeettii Rabbii keenyaa akka beeknu nu taasisa. Kanaafuu adaduma uumama Rabbii tokko arginuun guddinaa fi ogummaa Rabbii keenyaatiis achumaan haa xiinxallinu jechaa gara uumama har’aaf isiniif filadhee isin ceesisa.

Gara bosona Ameerikaa kibbaa yeroo imallu uumama Cotton Top Tamarin jedhamu tokko argina. Uumamni kun sanyii qamalee yoo ta’u, qamaleewwan biroo irraa wanti adda isa taasisu, rifeensa isaa kan mataa isaa gubbaa  jiruudha. Maqaa isaa kan Cotton Top jedhamus isumarraa argate. Uumama mataa gubbaa Jibrii qabu jechuudha. Uumamni kun rifeensa adii dheeraa mataa isaa gubbaa ka’ee hanga ceekuu isaa akka gishiree dheeratee mul’atu qaba. Uumamni kun dabalataan garaa isaa jalaa akkasumas harkaa fi miila isaa irraa rifeensa adii kan qabu yoo ta’u, rifeensi qaama isaa kan hafe irra jiru ammoo gurraacha fi sanyii garii irrattis Magaala.

Cotton Top Tamarin sanyiiwwan qamalee keessaa isa xiqqaa yoo ta’u, dheerinni isaatis Seenti Meetira 20 ta’a. Eegeen isaa ammoo dheerinnaa qaama isaa ni caala. Kunis Seenti Meetira 25 ol ta’a. ulfaatinni isaatis giraama 400 hin caalu. Harki isaa kan fuulduraa miila isaa irra gabaabaadha. Qubbeen isaa irraa qeensa qaraa kan qabu yoo ta’u, quba abguddaa iraa garuu qeensaa qaraa hin qabu. Akkasumas qubni isaa inni guddaan kun akka sanyiiwwan qamalee biroo faallaa qubbeen kaawwanii osoo hin taanee, qubbeenuma kaawwan waliin kallattii tokkotti diriiree argama. Eegeen isaa dheeraa ta’us, akka sanyiiwwan qamalee kaawwanii, eegee isaa kanaan muka ittiin qabachuu hin danda’u. Sanyiiwwan qamalee hedduun eegee isaanii mukarratti maruudhaan, muka tokkorraa tokkotti cehuu danda’u. uumamni kun garuu dandeettii akkanaa hin qabu.

Uumamni kun diurnal animals jedhamuun beekkama. Uumama guyya guyyaa socho’aa halkan ammoo rafaa bulu jechuudha.  Sanyiin qamalee kun garee uumee gamtaadhaan qubsuma keessa jiraata. Qubsumni tokko miseensota haga 14 qabaachuu danda’a. hoogganaan garee kanaatis dhaltuudha. Sooratas hooggansa isiitiin olii gad socho’anii barbaaddatu. Bineensi kun soorata gosa lachuu ni soorata.  Qamalee biratti sadarkaa duraa irratti kan jaalatamu Muduraalee yoo ta’u, dabalataan ammoo ilbiisota xixiqqoo, reppitaayiloota, tuqaa fi hanqaaqus ni sooratu.

Gamtaadhaan waan jiraataniif yeroo wal qunnamtii wal hormaataa qubsuma isaanii irraa fagaatanii hin deeman. Hooggansis kan dhalaa waan ta’eef walitti bu’iinsi hedduun hin jiru. Eega wal qunnamtiin wal hormaataa raawwatameen booda rimayni dhaltuu ji’a shaniif tura. Haadhoon takkas hedduminaan lakkuu kan dhaltu yoo taatu, yeroo tokko tokko ilmoo tokkos dhaluu ni dandeessi. Ilmoo dhalattes abbaa fi haati dalagaa adda qooddatanii kunuunsan. Ilmoo baadhatee olii gad deemuun dalagaa abbaa yoo ta’u, qulqullina ilmoo eeguu fi gama nyaataatiin kunuunsuun dalagaa haadhaati. Obboleewwan ilmoo kanniiniitis kunuunsa ilmoolee haarawaa irratti ni hirmaatu.

 

 

Ilmoon qamalee tanaa yoo dhalattu rifeensa mataa gubbaa kana waliin hin dhalattu. gaafa torbaan shan guutte rifeensi kun irratti biqiluu jalqaba. Ilmoon dhalatte tun haga ji’a tokko guuttutti muchuma haadhaa hodhaa turti. Ji’a tokko booda muchaan cinatti soorata biraatis sooratuu jalqabdi. Ji’a sadi keessatti ammoo mucha haadhaa gutee soorata biraa sooratuu itti fufti.

Cotton Top Tamarin diina heddu heddu bosona keessaa fi bosonaan alaa qaba. Diinni isaa hamaan sadarkaa duraa irratti argamu ilma namaati. Ilmi namaa qubsuma uumama kanaa dhibbeentaa 75 ta’u barbadeessee jira. Sababa kanaafis ammaan tana guutuu addunyaa irra lakkoosi uumama kanaa 6000 gad akka ta’e himama. Yeroo ammaa uumama akkaan rakkina hamaa keessa jiru jedhamee galmaayee jira. Gama biraatiin; goofadanni, Sareen, Bofaa fi simbirroonni gurguddoonis uumama kana admsanii sooratu. Fedha Rabbiitiin uumamni kun haga waggaa 13 jiraachuu danda’a.

 

Back to top button