header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Muslimoonni jecha ‘ilma waaqayyoo’ jedhu maaliif fayyadamuu didan?

Gaafattuu: Maqaan kiyya Meeriidha. An Kiristaana. Baankii keessa hojjadha. Gaafiin kiyya haasawa kee irratti hundaawa. Macaafa keessatti bakka takkattillee Iyyesuus Kiristoos ilma Rabbiiti jedhamee hin ibsamne jettee dubbatte. Beekumsaa fi Hubannoo kiyya kan macaafa irratti  qabu irratti hundaa’ee, qabxiiwwan lama argadhee jira. Isaanirratti Islaamummaan maal akka jedhu akka naaf ibsitu barbaada. Inni duraa wangeela maatiwoos boqonnaa sadaffaa lakkoofsa 17 irrati argama

‘Kunoo Sagaleen immoo, “Inni kun ilma kiyya isa jaallatamaa. Gammachuun koos isatti ni raawwatama”jedhee waaqa irraa ni dubbate.

Inni lammataa ammoo Wangeela Yohaannis, Boqonnaa 3ffaa lakkoofsa 16 irratti

“Waaqayyo akkasitti ilma isaa dhalate tokkicha hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate. Kun immoo isatti kan amanu”¦.

Dr Zaakir:”¦. Isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduufii miti

Gaafattuu: Sirriidha.

Dr Zaakir: Obbolii waan ati jette sii sirreessuudhaaf, gaafii wayta gaafattu, Ati macaafa keessatti Iyyesuus kiristoos ilma Rabbiiti jedhamee hin barreeffamne jechuu kiyya ibsite. An Macaafa keessatti Iyyesuus Kiristoos ilma Rabbiiti jedhamee hin barreeffamne hin jenne. Wanti ani jedhe, ‘macaafa guutuu keessatti, Himni shakkisiisaa hin taane tokko, macaafaa guutuu keessatti, Himni mamsiisaa hin taane tokko, bakki Iyyesuus Kiristoos (nageenyi isarra haa jiraatu) arraba isaatiin, An Rabbii keessan ykn ana Gabbaraa jedhe hin jiru’ jedhe.

An Macaafni Iyyesuus ilma Rabbiiti hin jedhu hin jenne. Wanti an jedhe, ‘himni shakkisiisaa hin taane tokko, himni falmisiisaa hin taane tokko, macaafa guutuu keessatti, bakki Iyyesuus kiristoos (nageenyi isarra haa jiraatuu) arraba isaatiin An Rabbii keessan ykn ana gabbaraa jedhe hin jiru’. Yoo himoota lamaan kanniin natti garsiisuu dandeesse, an Kiristaanummaa fudhachuudhaaf qophiidha.

Garuu gaafiin kee Ilma waaqayyoo jedhamee ibsamuun isaa gooftaa isa taasisa kan jedhu yoo ta’e, gaafii keetii deebisaa kennuudhaaf qophiidha. Kiristaanonni hedduun jecha ilma waaqayyoo jedhu irratti hundaa’anii Iyyesuus inninuu matama isaatiin waaqa jedhu. Obbolii macaafa keessatti Aadam ilma Rabbii jedhameera, Eefreem ilma Rabbii jedhameera, Izraa’el ilma Rabbii jedhameera, akka macaafaatti Rabbi ilmaan heddu qaba. Kana jechuun ati macaafa kee hin dubbisne jechuudha. Kana jechuun kee, Hundi isaaniituu gooftaa ta’u qabu jechuudhaa?  Aadam Gooftaadhaa? Eefreem Gooftaadhaa? Izraa’el gooftaadhaa?…. Lakki.

Jechi Ilma waaqayyoo jedhamee macaafa keessatti ibsame, yoo Kitaaba Roomaa boqonnaa 8 lakkoofsa 14 dubbistu ‘Warri hafuura waaqayyootiin geggeefaman hundinuu ilmaan waaqayyooti’ jedha. Kana jechuun ati yoo ajaja Rabbii hordofte, anis yoo ajaja isaa hordofe, An ilma waaqayyooti. Haala kanaan shakkii takkaan malee Iyyesuus kiristoos ilma waaqayyooti. Jechuunis inni ajaja waaqayyoo hordofaa jira jechuudha. Kanarratti an rakkoo takkallee hin qabu.

Ilma waaqayyoo jechuun, akka Kitaaba Roomaa irratti ibsametti, nama ajaja Rabbii hordofe jechuu yoo taate, warri hafuura waaqayyootiin qajeelfaman hundinuu ilmaan waaqayyooti. Yoo an ajaja waaqayyoo hordofe, yoo ati ajaja waaqayyoo hordofte, ilmaan waaqayyoo jedhamna. Hima qulqulluudha, rakkoon takkallee hin jiru. Kanaafuu dubbii kee wangeela maatiwoos boqonnaa 3 lakkoofsa 17 irra jiruun wal qabatee ifa siif godhee jira.

Gara hima kee kan lammataa kan wangeela Yohaannis boqonnaa 3 lakkoofsa 16 irraa dubbattetti haa dhufnu. Ergamtoonni Kiristaanaa (Missionary)n ‘lakki lakki doctor Zaakir, Iyyesuus ilma akka keenyaa kanaa miti, Inni Ilma waaqayyoof dhalate jedhan. Kana booda dubbii wangeela Yohaannis boqonnaa 3 lakkoofsa 16 irra jiru, ‘waaqayyo biyya lafaa kana waan akkaan jaalatuuf, ilma isaaf qofa dhalate arjoome, Namni isatti amane hin du’u, jireenya bara baraa jiraata’ kan jedhu akka ragaatti dhiheeffatu.

Obbolii gaafii salphaa si gaafadha. hiikkaan jecha ‘begotten’ jedhuu maali?

Gaafattuu: Inni ni kenne

Dr Zaakir: begotten jechuun maal jechuudha?

Gaafattuu: Inni ilma isaa ummataaf kenne.

Dr Zaakir: Lakki lakki obbolii, begotten jechuun ilma isaa ummataaf kenne jechuu miti. Atilleen Ingiliffa ni beeyta, anis Ingiliffa ni beeka. Maashaa Allaah Ingiliffi kee baay’ee gaariidha. Begotten jechuun ilma isaa kenne jechuu miti. Yoo an ati ilma argatte (begotten) jedhe”¦

Gaafattuu: Addaan si kutuu kiyyaaf dhiifama, An hayyuu miti

Dr Zaakir: Hiika fakkaataa (metaphorical Meaning) hin kennin. Ee hayyuu miti, garuu Ingiliffi kee baay’ee gaariidha.

Gaafattuu: An namuma aadiiti

Dr Zaakir: garuu Ingiliffi kee baay’ee gaariidha. Yoo an ‘ati ilma argatte’ jedhe maal jechuudha. San jechuun abbaa warraa kee waliin wal qunnamtii wal hormaataa gootee, ilma argatte (begot) jechuudha. Ilma argachuun walqunnamtii saalaa hordofee waan dhufuudha. Sifa kana akkamitti Rabbii ol aaneef kennitu. Waaqayyo eenyuun waliin wal qunnamtii saalaa raawwate? Eenyu?

Sababa kanaaf Hayyoonni Kirsitaanaa, macaafa irra deebiin haarawoomfame yoo duubistu, Inni Revised standard Version jedhamu, kan hayyoota kiristaanaa 32n haarawoomfamee bataskaanota gurguddoo shantamaan deeggarsi godhameef, jechi begotten ykn ilma argate jedhu, kan wangeela Yohaannis Boqonnaa 3 lakkoofsa 16 irratti argamu, waan macaafa keessatti makame, waan haarawa itti dabalame jedhanii macaafa keessaa baasanii gatan.

Kanaafuu wayta macaafa Revised standard version dubbistu; inni kun macaafa sadarkaa guddaan addunyaa irratti gurgurameedha. Revised standard version Muslimootaanii miti kan haarawoomfame. Warra Hinduutiinii miti kan haarawoomfame. Hayyoota kirsitaanaa gurguddoo 32tu, bataskaanota gurguddoo shantamaan deeggaramanii, jechi begotten (ilma argate) jedhu kun, barreeffama Orijinaalaa Wangeela Yohaannis boqonnaa 3ffaa lakkoofsa 16 irra jiru irratti hin argamu jedhan. Wanti isaan jedhan, wanti kun waan itti dabalame, waan haarawa itti makame, waan balleessuuf itti godhame jedhan. Kanaafuu Iyyesuus, akkuma Aadam Ilma waaqayyoo ta’etti, Eefreemis ilma waaqayyoo ta’etti, israa’el ilma waaqayyoo akka ta’etti innis Ilma waqayyootti. Inni Ergamaa Rabbiiti. Kanaafuu an Iyyesuus Kiristoos Nabiyyii fi Ergamaa Rabbii ta’uu isaa fudhatuu hin didu. Garuu inni Rabbii miti. Deebisaa siif kenne jedhee abdadha obboli.

Dr zaakir: kanaafuu amma obbolii”¦.

Gaafattuu: Heddu si galatoomfadha

Dr zaakir: obbolii amma gahee walirraa fuunuu

Gaafattuu: Eeyyan

Dr Zaakir: Iyyesuus gooftaa ta’uu isaa yoo naa mirkaneessite kiristaanummaa fudhatuuf qophiidha jedheeyyu. Islaamummaa amma fudhattaa? Iyyesuus Kirsitoos ergamaa Rabbii ta’uu isaa fudhattaa?

Gaafattuu: Ammas qabxiilee muraasa kan akka ifa naaf ta’an barbaadutu jira.

Dr Zaakir: Hayyee obbolii halaan si simanna.

Gaafattuu: Muslimoonni jecha ilma waaqayyoo jedhu maaliif fayyadamuu didan.

Dr Zaakir: Yoo deebisaa siif kenne, islaamummaa fudhachuudhaaf qophiidhaa? Kun si dirqamsiisuudhaa miti.

Gaafattuu: Addunyaa tanarratti ummata muslimaa heddu qabna. Warra Rabbitti amanu jechuudha. Nuti Muslimoota maqaan qofa muslima jedhaman hin barbaannu.

Dr Zaakir: eeyyan warra dalagaan muslima ta’an barbaadna. Kanaafuu ati maqaan osoo hin taane, dalagaan muslima ta’uu barbaaddaa?

Obbolii wayta gara gaafii keetii dhufu. Muslimoonni maaliif jecha ilma waaqayyoo jedhu fayyadamuu didu jettee gaafatte. Gaafii baay’ee gaariidha.

Qur’aana wayta dubbistu, qur’aana keessa sifa 99 kan Rabbiif kenname ni argatta. Arrahmaan, Arrahiim, Al hakim; Rahmata godhaa, garaa lafaa, ogeessa kan jedhu. Rabbi (SW) kitaaba isaa xumuraa fi goolabbii irratti buuse keessatti hin ibsine. Wanti kakuu moofaa fi haarawa jedhamu ni jira taanaan, Qur’aanni ammoo kakuu xumuraati.  Kitaaba isaa kan xumuraa kana keessatti, jecha ABB jedhu hin fayyadamne. Akka afaan Arabaatti ABB jechuun abbaa jechuudha. Maaliif fayyadamuu dhabe? Jecha san caala ulfaatu kan Rabb jedhu fayyadamee jira. Jechi RABB jedhu isa ABB jedhu caala waamuuf ulfaataadha. RABB jechuun; gooftaa, arjoomaa, jiraachisaa jechudha. Maqaa RABB jedhu fayyadamee isa ABB jedhu garuu ni dhiise. Maaliif?

Sababni isaa, kitaabban duraan buufaman keessatti, Kitaabban duraan buufamanii jijjiiraman; Macaafni kitaaba Injiil irraa jijjiirame. Ummanni kitaabban sanniin keessatti, hiikkaa jecha ilma waaqayyoo jedhu haala sirrii hin taaneen hubatanii jiran. Ilma argate jedhaa yaaduu jalqaban.

Laali osoo an amma ‘ilma kiyya ati gaafii gaarii gaafatte’ jedhee”¦. Mucaan waggaa 10 wahii gaafii osoo gaafatee, ilma kiyya gaafii gaarii gaafatte osoo jedhee rakkoo hin qabu. Garuu osoo ilma kiyya ka naaf dhalatte, gaafii gaarii gaafatte osoo jedhee, na dhahuu danda’a. sababni isaa an haadha isaa arrabsutti jira. Yoo ilma naaf dhalate jedhe ni dallana. Haadha tee waliin wal qunnamtii saalaa raawwadhee jira waan jedhu mul’isutti jira. Jechi Ilma jedhu jecha nagayaati. Garuu inni ilma naaf dhalate jedhu bakka kanatti nagayaa miti.

Haaluma wal fakkaatuun, Jechi Ilma jedhu jecha nagayaati, garuu namoonni haala hin taaneen hubatuu jalqaban. Sababa kanaaf Qur’aanni jecha Abbaa jedhu akka Sifa Rabbiitti fayyadamuu dhiise. Saniin ala jechichi jecha gaariidha. Haaluma wal fakkaatuun hima ilma waaqaa jedhus fudhatuu dhiifne. Sababni isaa namni ilmi sunis waaqa waan jedhu yaaduu danda’a. Namni kiristaanaa natti dhufee Aadam Ilma waaqayyooti, Efreem ilma waaqayyooti naan jedhe hin jiru. Maaliif? Macaafni Israa’el ilma waaqayyooti jedhee jira, eegasuu maaliif dhufanii kana natti himuu dhaban? Sababni isaa sammuu isaanii keessa waan biraattu guutamee jira. Namni Kirsitaanaa natti dhufee, Efreem ilma Rabbiitti ka naan jedhe hin jiru. Maaliif? Sababni isaa, Iyyesuus Kiristoos ilma Rabbiiti kan jedhu akka amananii fudhatan guutamanii jiran. Iyyesuus Kirsitoos an waaqa keessan jedhee takkaa hin dubbanne. Deebisaa duraan siif kenne keessatti sitti himee jira. Iyyesuus takkaa aangoo gooftummaa hin fudhanne. Kana jechuun ati Waaqa ol aane arrabsutti jirta jechuudha. Kana jechuun ati Iyyesuus Kirsitoos arrabsutti jirta.

Sababa kanaaf, Kirsitaana jechuun, nama barsiisa Iyyesuus kiristoos (nageenyi isarra haa jiraatuu) hordofu jechuu yoo taate, Nuti muslimoonni warra Kirsitaana ofiin jedhan caala kirsitaana ofiin jenna. Maaf akka ta’e beeytaa? Wangeela Yohaannis keessatti ibsamee jira. Iyyesuus Kirsitoos guyyaa 8ffaa irratti kittaaname. Nuti Muslimoonni ni kittaananna. Warri Kiristaanaa garuu hin kittaannatan. Iyyesuus Kirsitoota seerota macaafa keessa jiran hunda seeraan hordofuu qabdan jedhee dubbatee jira. Ajajoota jiran hunda jechuudha. Wangeela Matewoos boqonnaa 5 lakkoofsa 17 hanga 20tti, Seera tokko yookaan qubee takka seera irraa yoo diigde, mootummaa waaqaa argachuu hin dandeettu jedhe.

Wayta gara kakuu moofaa deemtu, Kitaaba seera leewwotaa ykn Leviticus boqonnaa 11 lakkoofsa 7 hanga 8titti, Kitaaba Seera keessa deebii ykn Deuteronomy boqonnaa 14 lakkoofsa 8 irratti, Macaafaa Isaayaas Raajichaa boqonnaa 65  lakkoofsa 2 -5 irratti, Foon booyyee nyaatuu hin qabdan jedhamee barreeffamee jira. Nuti Muslimoonni foon booyyee hin nyaannu, garuu warri kiristaanaa ni nyaatu.

Kanaafuu Kiristaana jechuun, waan Iyyesuus kiristoos barsiise nama hordofu jechuu yoo taate, Nuti muslimoonni warra Kiristaana ofiin jedhan caala kiristaana. Macaafa Efesoon boqonnaa 5 lakkoofsa 18 irratti, waynii nama mecheessu dhuguu hin qabdan jedhamee jira. Macaafa Fakkeenyaa ykn Proverb boqonnaa 20 lakkoofsa 1 irratti, daadhiin wayinii gaa’iftuu nama godha. kanaafuu dhuguu hin qabdu. Jedha. Muslimoonni Alkoolii hin dhugan. Garuu Warri Kiristaanaa ni dhugu.

Dabalataan yoo ka xiinxallituu, ibsa heddu siif kennuu nin danda’a. kanaafuu Kiristaana jechuun nama waan Iyyesuus Kiristoos barsiise hordofu jechaa yoo ta’e, an warra Kiristaana ofiin jedhu caala Kiristaana jedhee of waama. Yoo Muslima taate, warra Kiristaana jedhamanii maqamaan qofa jiran caala, Kiristaana jabaa ta’uu dandeessa. Hayyee Obbolii

Gaafattuu: gaafii biraa gaafatuu danda’aa?

Dr Zaakir: Eeyyan gaafatuu dandeessa.

Gaafattuu: gaafii qaxxaamuraa si gaafatuu ykn ammoo waan ati jette qeequu hin barbaadu.

Dr Zaakir: Obbolii yoo barbaadde, gaaffii qaxxaamuraa gaafatuu yoo barbaadde ammoo na qeequu ni dandeessa. An waan kana akkaan jaaladha. Yoo namni tokko waan san kallattii hedduun qoratuu baate”¦. Laali an waan takka siif mirkaneessuu barbaada. Wanti Kun waan gaariidha yoo jedhe. Wanti sun gaarii ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa adda baafachuu qaba.

Gaafattuu: Sun sirriidha

Dr Zaakir: Kanaafuu obbolii, kallattii hundaan na qormaati, na qeeqi, Waan fetes naan jedhi. Yoo waan an siin jedheen quufte booda, gara islaamummaa seenta. Hayyee obbolii itti fufi.

Gaafattuu: Waan kana nin godha jedhee hin yaadneeyyu. Waan heddu gaafachuun waan heddu beekuudhaafi. An wanti hordofaa jiru sirrii akka ta’e nin beeka. Kanuma wanti jechuu barbaadu. Heddu si galatoomfadha.

Dr Zaakir: Yoo gaafii gaafachuu barbaadde rakkoon hin jiru. Si simanna. Yaadni kee gaariidha. Yaadni kee gaarii miti yoo jettellee rakkoon hin jiru. Obbolii yaadni kee baay’ee gaariidha. Gaafii barbaadde gaafatuu ni dandeessa. Islaamummaa fudhatuun sirratti dirqamaa miti. Namni si dirqamsiisu hin jiru. Qur’aanni ‘laa Ikraaha fiddiin’ jedha. Amantii keessatti nama dirqamsiisuun hin jiru. Dhugaan sobarra iftee mul’atti. Gaafii yoo siif deebise, waan an jedhe hunda fudhatuu qabda jechuutti hin fudhatin. Guyyama qiyaamaa san deebisaa siif kennuu kiyya ragaa bahi. Hayyee obbolii yoo gaafii qabaatte

Gaafattuu: Baay’ee si galtoomfadha. ‘Nuti Muslimoonni warra kiristaana ofiin jedhan caala kiristaana’ jette. Kanaafuu”¦

Dr Zaakir: Himni guutuun an jedhe, ‘Yoo Kiristaana jechuun nama barsiisa Iyyesuus Kirsitoos (nageenyi isarra haa jiraatuu) hordofu jechuu yoo taate, Nuti Muslimoonni warra Kiristaana jedhaman caala kiristaana. Hayyee obbolii gaafii kee itti fufi.

Gaafattuu: Kun dubbii namni hundi jedhuu miti. Beekumsi kiyya kan islaamummaarratti qabu jabaa miti. Akkasumas kan Kiristaanummaallee jechuudha.

Dr Zaakir: kanaafuu Doktora Divinity gaafadhu. Wanti an jedhe kun sirrii fi sirrii ta’uu dhabuu isaa. Hayyee obbolii itti fufi.

Gaafattuu: Dr Zaayik heddu si galtoomfadha.

Dr Zaakir: gaafiin kee maali?

Gaafattuu: Gaafiin kiyya isa sani. Maaliif Nuti Muslimoonni warra Kirsitaana ofiin jedhan caala kirsitaana jette. wanti kun yaada kiyyaa ol ta’e. namni Muslimaa maaliif Kiristaana ofiin jedha?

Dr Zaakir: Ahhaa sirriidha. Maaliif? Sababni isaa waan Iyyesuus Kiristoosiin jaalannuufi. Nuti haga isin isa jaalattan caala isa jaalanna. Ni jaalannaa, ni kabajnaan, waan inni jedhe jala deemna. Garuu isa hin gabbarru. Wanti dubbii san dubbadheef, an Iyyesuus Kiristoos waan jaaladhuufi. Waan isa kabajuufi. Waan inni barsiise jala deema. Garuu isa hin gabbarru. Inni yeroo takkallee akka isa gabbaru nan ajajne. Sababa kanaaf, Kirisitaana jechuun nama waan Iyyesuus Kiristoos (Nageenyi isarra haa jiraatu) barsiisu hordofe jechuu yoo taate, an warra kiristaana ofiin jedhan caala kiristaana jedhe. Sababni isaa Iyyesuus Kirsitoosiin (nageenyi isarra haa jiraatuu) nin jaaladha. Nin kabaja, Nin hordofaan garuu isa hin gabbaru. Obbolii deebisaa siif kenne jedhee abdadha.

Gaafattuu: Baay’ee galatoomi

 

 

Back to top button