header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSaayinsiif Teknoolojii

Teknoolojii Yeroo Balaa Namaaf Dirmatu

Apple Crash Detection

Gama yaada ijootti osoo hin cehin dura waan tokko wal hubachiisuun gaariidha. Yeroo heddu Nuuralhudaa irratti barruulee adda addaa yoo katabnu, jecha konkolaataa jedhu daran jecha Makiinaa jedhu fayyadamna. namoonni heddu maaliif makiinaa jettanii Amaariffaan katabdan jedhanii nuun lolan. Jalqabarratti Makiinaa jechuun jecha afaan Amaaraa osoo hin taane jecha Afaan Xaaliyaaniiti. Afaan Xaaliyaaniitiin Macchina jedhama. sababaan nuti jecha Makiinaa jedhu fayyadamnuuf guddaan ammoo, Hawaasni Oromoo irra caalaan isaa wayta haasawu jecha Makiinaa jedhu fayyadama malee jecha Konkolaataa jedhu hin fayyadamu. Yeroo heddu jechi Konkolaataa jedhu kun, Oduu Miidiyaalee adda addaa qofarratti hojii irra oola. Jechi konkolaataa jedhu kun maqaa Makiinaaf moggaafame osoo hin taane, hiika jecha Afaan Amaaraa kan (Tashkarkaarii) jedhuuti. Tashkarkaariin gama afaan Oromoo yoo hiikamu Konkolaataa taha. hundaafuu nuti barruu heddu keessatti jecha Makiinaa jedhu waan fayyadamnuuf, waan kana akka nuuf hubattan kabajaan isin yaadachiisna.

Yeroo ammaa kana makiinaan wantoota jiruu ilma namaatiif akkaan barbaachisan keessaa ijoo tahee jira. keessumattuu biyyoota guddatan keessatti namni makiinaa malee jiraachuuf hedduu rakkata. akkuma nama hundaaf kopheen miilaa barbaachisutti, makiinaanis barbaachisaa tahuuf deema. Makiinaan akkuma faaydaa guddaa qabu balaa hamaafis nama saaxila. lubbuu nama hedduutu guyyaa guyyaan balaa makiinaatiin gaaga’ama.

Kaampaaniin Apple dhihoo tana teknoolojii ajaa’ibaatiin dhufe. Apple iPhone 14 Pro fi Apple Watch Ultra Teknoolojii Crush Detection jedhamu wajji oomishee magaalaaf dhiheesse. namni tokko osoo makiinaa oofaa jiru yoo tasa wahitti bu’e ykn makiinaan isaa garagalte, iPhone ykn Saa’atiin Apple kan inni harkatti godhate waan kana salphamatti adda baafata. Harkisa lafaa (Earth Gravity) fi saffisa sochii herreeguudhaan, namni kun balaa keessa seenuu isaa adda baafata. yeroo kana Telefoonni isaa itti haasayuu jalqaba. “Balaa Mudattee jirta fakkaata. Poolisa sii yaamuu? humna ittisa balaa siif yaamuu” jedhee gaafata. namtichi yoo nagaya jiraate Sakandii 10 keessatti deebisaa kennuu qaba. telefoona isaa fuudhee dhiisi hin bilbilin (Cancel) jechuunii qaba. yoo namtichi deebisaa kennuu dadhabe ammoo kallattiin Poolisa bira bilbila. Poolisoonnis Eenyummaa namtichaatiifi iddoo balaan itti mudate Teknoolojii kanarraa hubatanii saffisaan dhaqqaban jechuudha.

Teknoolojiin kun Baatii September bara 2022 hojii irra oole. Chaanaalli Youtube kan TechRax jedhamu waan kana yaalii godhee hojiin mirkaneessee jira. Makiinaa dulloome qopheessanii iPhone keessa kaayanii gad dhiisan. Makiinichis deemee makiinaa caccabaa birootti bu’e. hoggasuma iPhone Makiinaa keessa jiru sun dubbachuu eegale. “Poolisatti siif bilbiluu” jedhee gaafate. namtichis hulaa makiinaa banee Cancel jedheen. waan kana yeroo 2 irra deebi’anii yaalan. yeroo lameenuu Telefoonni makiinaa keessa jiru poolisatti bilbiluuf qophaayee ture.

Teknoolojiin kun jiruu ilma namaatiif faaydaa guddaa qaba jedhamee abdatama. namni heddu yeroo balaa makiinaa mudatu, nama isaaf dirmatu dhabee achitti du’a. yoo teknoolojiin akkanaa hedduminaan hojii irra oole ammoo lubbuu namoota hedduu baraaruu danda’a jedhamee abdatama. Teknoolojiin kun yeroof telefoona iPhone fi Sa’atii harkaa Apple Watch qofarra jira. Warshaaleen biroo kan akka Samsung hanga ammaa teknoolojii kana hin oomishne.

Rabbiin balaa tasaa nurraa haa qabu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button