header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Namni eega du’ee booda irra deebi’ee dhalataa? Dr. Zaakir Naayik

Gaafattuu: Assalaamu Aleeykum Hundi keessan. Maqaan kiyya Sireeyvatii jedhama. Zaakir an haalaan si dinqisiifadha.  Haasawa kee mata duree Islaamummaa fi Amantiilee biroo wal bira qabuu jedhuun heddu hawatameera. Sanirraa kaasee Qur’aanas dubbisuu jalqabeera. Akkasumas Hiriyyoota Muslimaa heddu kan lammii Singapoor, indiyaa keessatti dhalatanii guddatan qaba. Gaafii muraasa kan akka ifa naaf taasifamu barbaadutu jira. Gaafiin kiyyas akkana; Azaaba keessatti gogaan ilma namaa adada dhumatuun ka biraatu jijjiirama kan jedhu Qur’aana keessatti Suuraa 4ffaa aayaa 56 irratti ibsameera. Yaadni kun yaada amantii hinduu keessa jiru kan namni jireenya isaa keessatti dura hamtuu dalage lammata ammoo rakkataa tahee dhalata kan jedhuun walitti dhufeenya qabaa? Galatoomi

Dr: Obboleettiin gaafii baay’ee gaarii gaafatte. Haasawa kiyya dhaggeeffattee, haasawa kiyyaan hawatamuu isii nuu himte. Alhamdulillaah! Saniif wayta dubbattus Qur’aana keessaa suuraa ibsuu dandeesse. Alhamdulillaah! Qur’aanni suuraa Nisaa’ suuraa 4ffaa aayaa 56 irratti, “Azaaba keessatti gogaan gubatee dhumate, jijjiiramee akka dhukkubbiin sitti dhagahamu godhama”kan jedhu ibsameera. Dhimmi kun yaada amantii hinduu kan dachii tanarratti irra deebi’anii dhalachuu jedhuun wal fakkaataa? Jettee gaafatte.

Obbolii, dhimmoonni lamaan garaagarummaa qaban. Qur’aanni suuraa Nisaa’ Suuraa 4ffaa aayaa 56 irratti; “Warra keeyyattoota keenyatti kafaran, Nuti ibidda isaan seensifna. Dhawaata gogaan isaanii gubatuun akka isaan adaba dhandhamaniif jecha gogaa biraa isaaniif jijjiirra”Jedha

Dur akka saayinsiin nutti himutti, qaamni laalaa dhukkubbii dhagayu sammuu qofa ture. Arra garuu gogaa jalattis miirri laalaan dhukkubbii itti dhagahamu akka jiru beekuu dandeenye. Waan kana saayinsii keessatti dur hin beeknu ture. Qur’aanni akka nutti himetti, Akka adabbii dhandhamaniif jecha gogaa biraa isaaniif kennina jedha. Kanaafuu yaadni saayinsii kan sammuu qofatti dhukkubbiin dhagahama jedhu kuffifameera.

Rabbiin ol aane mooti haqaati. Qur’aanni suuraa Nisaa’ suuraa 4ffaa aayaa 40ffaa irratti “Dhugumatti Rabbiin hanga madaala atomii tokkoo hin miidhu“jedhamee  ibsameera. Kana jechuun inni haqa dalaga. Fakkeenyaaf, akka seenaan nutti himutti, Hitlar yahuudota Miiliyana 6 tahan gara jabeenyaan fixe. Arraan tana osoo poolisiin qabee Hitlariin hidhee, adabbii akkamii isa adabuu dandaya? Adabbiin guddaan isa adaban ajjeesuudha. Kun garuu lubbuu nama tokkoo qofa bakka bu’a. haa tahu malee, Lubbuun namoota 5,999,999 kan inni ajjeese hoo? Aakhiratti, jireenya itti aanutti, Rabbiin akkana jedhe; warra keeyyattoota keenyatti kafaran, Nuti ibidda isaan seensifna. Dhawaata gogaan isaanii gubatuun akka isaan adabbii dhamdhamaniif jecha gogaa biraa isaaniif jijjiirra. Jedhe. Rabbiin ol aane yoo Hitalriin yeroo miiliyana 6 ajjeesuu barbaade, godhuu ni dandaya. yeroo miiliyana 12’s yoo barbaade ni dandaya. Yaadni Qur’aanaa kun adabbiin jireenya itti aanuu maal akka fakkaatu nutti himutti jira. Kun yaada marsaa irra deebi’anii dhalachuu hin ibsu.

Dhimma marsaa irra deebi’anii dhalachuu kana Veedaa keessatti yoo dubbiste ni argatta. Veedaan kitaabban amantii Hinduu keessaa isa irra amanamaadha. Veedaan waa’ee Punarjanam dubbata. Rigveedaa Mujallada kurnaffaa irratti ibsameera. Punar jechuun irra deebi’uu jechuudha. Janam ammoo Dhalachuudha. Irra deebi’anii dhalachuu jechuudha. Nuti Muslimoonni irra deebi’anii dhalachutti ni amanna. Qur’aannis waa’ee jireenya itti aanu ni dubbata. Takka duunee eega dhabamneen booda, guyyaa qiyaamaa du’aa kaafamna. Veedaanis waanuma wal fakkaataa jedha. Punar janam jechuun jireenya itti aanu jechuudha. Haa tahu malee hayyoonni Hindu’izimii filisofii Samiskaaraa jedhamu qabatanii dhufan. Akka Filosofii Hindu’izmiitti Samiskaaraa jechuun marsaa dhalachuu du’uu, ammas dhalachuu du’uu jechuuti. Kun Veedaa keessatti bakka takkattillee hin ibsamne. Veedaan waa’ee jireenya itti aanuu qofa dubbate. Qur’aannis waa’ee sanii ni dubbata.

Haa tahu malee hayyoonni Hindu’izimii yaada namoonni gariin akkamitti naafa tahanii dhalatan, namoonni gariin maatii hiyyeessaa keessatti maaf dhalatan, namoonni gariin dhibee onnee hamaa waliin maaf dhalatan yaada jedhu ibsuu dadhaban. Kanaafuu Rabbi akkanaan nama wal hin caalchisu jedhanii filosoofii kana barsiisuu eegalan. Dalagaa Rabbii kanaaf deebisaa kennuu yaadanii filosofii haarawa kan Samiskaaraa jedhamu kana qabatanii dhufan. Kuniis Marsaa dhalatanii du’uu, dhalatanii du’uuti. Tarii namoonni rakkoo waliin dhalatan kunniin jireenya duraanii keessatti badii wahii dalaganiiran taha. Saniif naafa tahanii dhalatan. Kun filisofii Hayyoota Hinduuti malee kan Kitaabban amantii Hinduutii miti. Veedaan ifaan ifatti waa’ee Punarjanam ykn jireenya itti aanuu dubbata.

Qur’aannis waa’ee kana ni dubbata. Suuraa Mulk suuraa 67ffaa aayaa 2 irratti Allazii kalaqal mawta wal hayaata, (Rabbiin) Isa eenyuu keessantu irra toltuu akka hojjatu isin qoruuf jecha du’aa fi jireenya uumeedha. Jedha. Kanaafuu dachii tanarra yeroo takka qofa jiraanna. Takka duunaan Rabbiin ol aane guyyaa qiyaama nu kaasa. Veedaanis kanuma jedha. Haa tahu malee Hayyoonni Hinduu daa’imman gariin maaf duudaa tahanii dhalatan, gariin maaf qaroo malee dhalatan, gariin maaf dhukkuba onnee waliin dhalatan, gariin maaf maatii hiyyeessaa kessatti dhalatan yaada jedhu ibsuu dadhaban. Waan yaada kana ibsuu dadhabaniif filosofii veedaa keessatti hin ibsamne kana qabatanii dhufan. Bagwaadgiitaa yoo dubbistanis kanuma. Lubbuun takka akkamitti gara biraatti akka jijjiiramtu dubbata. Akkuma raammoon (buuqqataan) sadarkaa itti aanurra gahee gara uumama biraatti jijjiiramutti, nabseen ilma namaatis gara qaama biraatti jijjiiramti. Wanti kun yeroo tokko raawwatama yaada jedhu hin morminu. Garuu yeroo heddu irra deddeebi’ama kan jedhu dogongora guddaadha. Islaamummaan dhimma namoota rakkoo waliin dhalatanii kana maal akka barsiisu isinii ibsa.

Eega hayyoonni Hinduu dogoggora dalaganii ibsi islaamummaa hoo maali jettee na gaafatuu malta. Islaamummaa keessatti, Akkuma dura ibse Qur’aannii Suuraa Mulk suuraa 67ffaa aayaa 2 irratti “Allazii kalaqal mawta wal hayaata. (Rabbiin) Isa eenyuu keessantu irra toltuu akka hojjatu isin qoruuf jecha du’aa fi jireenya uumeedha“Jedha.  Kanaafuu obbolii jireenyi dachii tanaa jireenya itti aanuuf qormaata. Bara hunda wayta baruumsa xumurtu qormaanni kennamu garaagarummaa qaba. Dhugaa moo soba? Qormaata wal fakkaataa hin fudhattu. Haaluma wal fakkaatuun Rabbiin namoota garagaraa karaa garagaraatiin qormaata. Qur’aanni, ‘ilmaan teessan qormaata” jedhee barsiisa. Qur’aanni, ‘Qabeenyi keessan qormaata jedhee barsiisa.

Rabbiin ol aane namoota garii hiyyeessa godhee uume. Garii dureessa godhee uume. dureeyyiin zakaa kennuu qaban. Islaamummaa keessatti, dureessi qabeenya warqii graama 85 ol tahu kuufatee lafaa qabu, wagga waggaan qabeenya kuufate sanirraa zakaa parsantii 2.5 kennuu qaba. Hiyyeessi garuu zakaa hin kennu. Hiyyeessi qormaata gama zakaatiin jiru kana dhibba keessaa dhibba argata. Dureessi garuu yoo zakaa hin kennine zeeroo argata. Yoo zakaa walakkaa kenne walakkaa argachuu dandaya. Dachii tanarratti ‘kun hiyyeessa namaati’ jechaa dubbanna. Garuu Hiyyeessi guyyaa qiyaamaa dhimma zakaa kanarraa nagaya taha. qormaata gama zakaa ni dabra. Kanaafuu Hiyyummaan qormaata, qabeenyis qormaata. Qormaata dabruufi dabruu dhabuun dalaga kee irratti hundaaya. Rabbiif ajajamuufi ajajamuu dhabuurratti hundaaya. Qur’aanni Ilmaan teessanis qormaata jedhee barsiisa. Namoonni lama wal fuudhanii ilmoo argachuu danda’u. ilmoon dhalate sun ammoo rakkoo onnee qabaachuu mala. Daa’imni sun badii dalage takkallee hin qabu. Qur’aanni daa’imman hundi badii irraa qulqulluu tahanii akka dhalatan nuu hima. Daa’imni hundi cubbuu malee dhalata. Rakkoo waliin dhalatuun isaa qormaata Abbaa fi haadhaati. Maatiin sunniin amantiin Rabbi irratti qaban ni jabaata moo ni laafa? Kan jedhutu ittiin laallama. Abbaa fi haati yoo iimaana laafaa qabaatan, ‘Kun gooftaa akkamiiti, yeroo hunda isaaf salaanna. Daa’ima rakkoo qabu maaliif nuuf kenna?’ jedhanii komatan. Muslimni dhugaa ‘Alhamdulillaah’ jedha. Rabbiif galanni haa gahu jedhee fudhata. Hin komatu. Tarii Rabbiin maatii saniif sadarkaa ol aanaa kennuu barbaadee daa’ima san isaanii kenne taha.

Qormaata Baachlarii yoo xumurtan qormaata salphaa waan taheef Digrii ni argattan. Haa tahu malee yoo qormaata MBBS dabartan qofa Doktor jedhamtanii yaamamtan. Qormaata MBBS dabruun haalaan ulfaataadha. Tarii Rabbiin maatii sanii jannata keessatti sadarkaa guddaa kennuuf jecha qormaata san isaaniif kenne. Guyyatti yeroo shan salaatanis daa’ima rakkoo qabu isaanii kennuu dandaya. Tarii sun maatiin sunniin amantii san qabatanii itti fufan moo ni kafaran kan jedhu qormaatuuf kenname taha. yoo qormaata san dabran jannata keessatti sadarkaa guddaa argatu. Kanaafuu Qabeenyi, hiyyummaan, fayyaan, dhukkubni qormaata. Jireenya kee kan duraanii waliin waan wal qabatuu miti. Sun ilaalacha hayyoota amantii Hinduuti. Kan veedaatii miti.  Kanaafuu veedaan waanuma wal fakkaataa Qur’aanni dubbaturraa dubbata. Gara dachii tanaa yeroo tokko dhufta. Itti aansuun jireenya itti aanu qabda. Punarjanam. Garuu dhalattee duuta, dhalattee duuta kan jedhamuu miti. Kun qaama veedaatii miti. Deebisaa sii kenne jedhee abdadha obbolii.

Gaafattuu: heddu galatoomi

Dr Zaakir: Obbolii Gooftaan tokko qofti akka jiru amantaa?

Gaafattuu: Rabbiin tokko qofa akka jiruu fi Nabiyyiin ergamaa xumuraa tahuu isaanii nin amana. Galatoomi!

Dr Zaakir: Maashaa Allaah, Sanama gabbaruun dogongora tahuu isaa amantaa?

Gaafattuu: Waggoota dabran sagalii fi kudhaniif sanama gabbaraa hin turre.

Dr Zaakir: Maashaa Allaah

Gaafattuu: Singapooriitti ijoollee tiyya waliin tahee shahaadaa ni qabadha. Heddu galatoomi

Back to top button