header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Ooyruu fooqii irratti jaaramee midhaan irraa oomishamu quba qabduu?

Rabbiin ilma namaa waa heddu badhaasee, waa hedduun qananiise. Waan Rabbiin ilma namaa badhaase keessaa wanti sammuu gahaa hin jiru yoo jenne soba hin taatu. Lubbu qabeeyyiin biroo waan ilmi namaa qabu kaawwan hunda ni qaban jechuu dandeenya. Garuu ilmi namaa Aqlii addaa tan faaydaa guddaa isaaf qabdu badhaafame.  Sammuu kanatti fayyadamee waan gaaris waan hamtuus dalaguu dandaya. Sammuu kana waan gaariif yoo itti fayyadame namoota biroo ni fayyada. Yoo hammeenyaaf fayyadame ammoo uumama biraatiifis rakkoodha. Kanaaf meeshaa waraanaa qofa laaluun gahaadha. Boombiin ilmi namaa oomishe, namas bineensas, naannos barbadeessaa jira. Sammuun namaa akkuma itti fayyadamanitti faaydaa fi miidhaa qaba. Barruu tanaan lammiileen Chaayinaa badhaasa Rabbiin isaan badhaase sammuu ajaa’ibaa kanatti fayyadamanii waan isaan dalagutti jiran isinii dhiheesina. 

Geejjiba faalama qilleensaa hir’isu

Yeroo ammaa addunyaan faalama qilleensaatiin miidhamaa jirti. Faalamni qilleensaa kun ammoo hedduminaan biyyoota guddatan keessatti mudataara. Isaanuma keessaa bahaa isaanuma dararutti jira. Kanaaf yeroo heddu biyyoota Eeshiyaa keessatti namoota afaan isaanii haguuganii deeman agarra. Oomishaalee warshaa keessaa hir’isuun ulfaataadha. Waa oomishuu dhabuun guddina biyya saniirratti dhiibbaa fida. Kanaafuu haala faalama qilleensaa kana hir’isuun itti dandayamurratti hojjachaa jiru. Kana irratti ammoo Chaayinaan biyyoota hunda dursuurratti argamti. Baraas dhihoo  kana Chaayinaa keessatti Awtobisiiwwan elektirikaan dalagan oomishuun dalagaa guddaa taheera. Akka Bluumbarg gabaasetti, torbaan shaniin Chaaynaan Awtobisiiwwan elektrikaa 9500 tahan oomishti. Addunyaa tanarra Awtobisiiwwan miliyoona 3 ol tahan akka jiran ni himama. Hedduun isaanii gaaza gosa garagaraa fayyadamu. Kanneen keessaa 400,000 kan tahu Awtobisii elektrikaan dalaguudha. Awtobisii eliktrikii hagana baay’atu keessaa Dhibbeentaa 99 kan tahu Chaayinaa keessatti argama. Ameerikaan guddina diinagdeetiin sadarkaa duraa irratti argamtu, Awutobusii Elektrikaan dalagu 500 qofa qabdi. London keessa ammoo Awtubusii 200 hin caalletu jira. Chaayinaan lakkoofsa kana bara 2025 gara 600,000 ol guddisuuf karoorfattee hojjataa jirti. Ameerikaan ammoo yeroo sanitti Awutobisa elektrikaa 5000 fayyadama jettee karoorfatteerti.

Fooqii Qonnaa

Bulchiinsa addaa Chaayinaa kan taate kutaa Hong Kong keessatti lakkoofsi namaa haalaan dabalutti jira. Kun ammoo hanqinni lafaa akka mudatu taasiseera. Ilma namaa baay’ataa dhufe kanaaf bakka qubasumaa kennuudhaaf fooqiiwwan dhedheeraa ijaaruun dirqama. Ammaan tana kutaan Hong Kong fooqiin guutamee lafti qaalawee jira. Ummata haalaan baay’ataa jiru kana sooruuf lafa guddaa barbaachisa. kun ammoo hin argamu. Kanaafuu hanguma jirtu qusachuun dirqama. Tahullee ta jirtu san irratti qofa oomishuun fedhii lammiilee guutuun waan hin danda’amneef, warri Hong Kong  akkuma mana jireenyaa fooqiin ijaaran, lafa qonnaatis fooqitti deebisaa jiran. Lafa hektaara 0.25 tahurratti kuduraalee kilograama 150,000 caalu oomishuurratti argamu. Kana jechuun lafa kanarratti osoo qamadii oomishanii, ummanni kun lafa hektaaraa ruubii irratti kuntaalaa 150,000 oomishaa jiran jechuudha. Walumaa galatti lafa xiqqaarratti fooqii dhedheeraa ijaaruun biyyee fooqii garagaraa irratti naquun qotanii midhaan oomishutti jiru. Bishaanii fi aduun akkasumas qilleensi karaa teknoljiitiin isaan dhaqqaba. 

Hoteela Roobotii

Chaayinaan bara 2019 Hoteela guutumaan guututti Robootiin tajaajila itti kennu jalqabsiistee jirti. Hoteelli Kun kutaalee ciisichaa 300 qaba. Eega hoteela san seentanii booda harka keessaniin waa tuttuquun isinirraa hin eeggamu. Waan barbaaddan dubbachuu qofa. Wanti isin barbaaddan yeroma san isiniif guuttama. TV banachuu yoo feetan, ifaa dhaamsuu yoo barbaaddan, arraba keessan qofaan dubbachuutu isinirraa barbaadama. Sistamiin addaa kutaa keessan keessa jiru waan hunda akka fedha keessaniitti isiniif guuta. Wanti roobootiin dalaguu hin dandeenye nyaata bilcheessuu qofa. Saniif namoota ramadamantu jira. Haa tahu malee nyaatas yoo barbaaddan, kutama ciistan keessaa nyaata akkanaa fedha jettanii himachuu dandeessu. Daqiiqaa muraasa keessatti roobootiin isiniif ramadame waan isin barbaaddan kutaa nyaataatii fuudhee isin biraan gaha.

Iddo makiinaa dhaaban (Automated Parking)

Akkuma baay’ina ummata isii, Chaayinaan lakkoofsa makiinaatiinis tokkoffaa taatee jirti. Makiinaan heddummaate kun ammoo eddoo dhaabbatu (parking) barbaada. Parkingiin lafa heddu fudhata. Makiinaawwan walirraa fagaatanii dhaabbachuu qabu. Haga dandayameen balbala banuuf akka mijaahutti walirraa fagaatu. Kun ammoo iddoo heddu fudhatee, hanqina jiru hammeessaa jira. Kanaaf biyyoonni hedduun Automated parking system fayyadamaa jiru. Chaayinaan ammoo teknolojii kana haalaan ammayyeessuun rakkina kana furtee jirti. Wanti hundi Roobotiidhaan dalagama. Isin makiinaa keessan fiddanii bakka tajaajila kanaaf qophaaye irra dhaabdanii biraa deemtan. Kana booda roobootiin isin irra dhaabdan makiinaa keessan fuudhee bakka barbaadee isinii dhaaba. Roobootiin kun makiinaa keessan fuudhee eega bakka dhaabbatuun gahee booda, cinaa tokkoon lafarraa ol rarraasee dagaletti irkisee dhaaba. Yoo namni biroo makiinoo biroo fidee dhufe ammoo, makiinaa isaa makiinaa keessanitti irkisee dhaaba. Makiinaan lameen akka wal hin tuqne of eeggannoo guddaatu godhama. Booda yeroo haajaa teessan fixattanii deemuu barbaaddan, bakka duraan makiinaa keessan dhaabdan dhayxanii mallattoo itti garsiistan. Daqiiqaa muraasa keessatti makiinaa keessan fidee isin dura dhaaba. Haala kanaan ammaan tana Chaayinaan lafa duraan parkingiif fayydamaa turte keessaa parsantii 70 ol kan tahe hambifachuu dandeessee jirti.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button