OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hooggantoonni Ol’aanoon Mana Maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Magaalaa Bahar Daar seenan.

Prezdantii Majliisa Federaalaa Sheikh Hajjii Ibraahim fi itti aanaan isaanii Sheikh Abdulkariim Sheikh Badraddiin, haaromsa Majlisa haarawaatiif haala mijeessuuf Naannoo Amaaraatti Magaalaa Bahar Daar seenan. Yeroo Magaalatti gahanittis Qondaaltoota Ol’aanoo Naannichaa akkasuma Sheikh Sa’iidii fi itti gaafatamaa Aadaa fi Turiizimii naannichaa kan ta’an Obboo Xaahir Muhammadiin simatamanii jiru.

 

Hooggantoonni Ol’aanoon Erga magaalaa seenanii boodas hawaasa naannoo sanii wajjiin gadi fageenyaan ni mari’atu jedhamee Eeggama. Kaayyoon imala kanaatis; waggoota 3n dabraniif majlisni ummata hunda ija takkaan ilaalu nuuf haa hundeeffamuun gaafii ummata Muslimaa waan tureef jecha, gaafii hawaasa Muslimaa kana galmaan gahuuf akka tahes gabaafamee jira. Hoggantoonni Majliisa federaalaa haaluma wal fakkaataan naannolee birootis ni dubbisu jedhamee eeggama.

 

Nuuralhudaa

Soora Qalbii Muslimaa

Comment

Related Articles

Back to top button