header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Allaattiin Paaroot Nama Arrabsitee Hidhamte

Tana Quba Qabduu?

Ilmi namaa yoo yakka dalage ni adabama. Nama badii hojjate mootummaan hidhee murtii isaan malu itti mura. Bineensonnis yakka ni dalagu. Bineensonni manaa kan akka adurree fi saree mana keessa seenanii waa balleessuu dandayu. Loonis ooyruu namaa seenee midhaan dheeduu dandaya. Yakka loon saniitiif abbaa looniitu adabama malee loon hin adabamu. Biyyoota tokko tokko keessatti dubbii baasaatu jira. Bineensonni yakka dalagan seeraan adabamu. barruu tana keessatti bineensota biyyoota garagaraa keessatti yakka dalaganii hidhamanii  adabaman muraasa isinii dhiheessina.

Indiyaatti, Allaattiin Paaroot manguddittii takka waan arrabsiteef hidhamte

Bara 2015tti dubartiin amata 85ii takka allaattiin paaroot jedhamtu na arrabsite jechuun himattee hiisiste. Akka gabaasa yakka kanaatti abbaan allaattii tanaa wagga lamaaf arraba barsiisee jira. Namni kun haadha biddeenaa isaa wayta argitu hunda akka arrabsitu godhee leenjise. Dubartiin tunis yeroo heddu irra deddeebi’uun na arrabsite jechuudhaan himatte. Poolisiinis abbaa allaattii tanaa, allaattii fi dubartii arrabsame jettee himatte wal bira kaayuudhaan haga allaattiin arrabsitutti eeganii turan. Haa ta’u malee yeroo isaan jiran sanitti allaattiin sun hafuura takkallee hin baafanne. Waan abbaan usi jedheen fakkaata. Booda irratti poolisiin haga murteen kennamu jechuun, allaattii tana abbaa irraa fuudhee qaama bineensota kunuunsutti kennee amaanaadhaan kaaye. Link

 

Bineensi Squirrel jedhamu dubartii takkatti ija waan babaaseef hidhame

Jarmanitti dubartiin takka bineensi squirrel jedhamu usee na laalutti jira. lubbuu tiyyaaf sodaadhe na dhaqqabaa jettee iyyatte. Poolisoonnis osoo yeroo hin gubin saffisaan dhaqqaban. Akkuma jedhame wayta dhaqan bineensi usee gara dubartii ilaalaa ture. Poolisoonni dhufan dubbiin dubartiin himattu dhugaa tahuu hubannaan, bineensa kana too’annaa jala oolchan. wayta qoratan garuu bineensi sun beelawee nyaata naa kenni jechuuf dubartii san laalaa akka ture hubatan. San booda nyaachisanii bakka itti kunuunfamu geessan. Link

 

Lukkuun Kormaan waan hanqaaquu buuseef jecha ibiddaan gubamee ajjeefame

Yeroon mudannoon ajaa’ibaa kun mudate akka lakkoofsa miilaadiyaatti bara 1474tti ture. biyya Switzerland magaalaa Basel keessatti dubbiin ajaa’ibaa kun mudate. yeroon sun yeroo Awrooppaan dukkana wallaalaa keessatti rakkachaa turte. Yeroo sanitti Lukkuun kormaan tokko hanqaquu buuse. Wanti kun ammoo namoota heddu rifachiise. Kun waan uumamaan mudatuu miti jechuun allaattiin kun akka hidhamu gaafatan. Hanqaaquun yeroo sanitti lukkuun kormaan kun buuse adii bishaan qofa qabu kan boora hin qabne ture. Yeroo sanitti ammoo Awrooppaa keessatti ummanni hedduun falfalatti amana. Lukkuu kanatti yookaan ammoo hanqaaquu inni buusutti fayyadamuun falfala hojjatanii nu fixuu danda’u jedhanii himatan. Manni murtiitis yakka uumamaan hin jirre dalagde jechuun badii itti muree, akka ibiddaan gubamee ajjeefamu godhe. Akkasitti lukkuu ibiddaan gubanii ajjeesan. nama seenaa guutuu dubbisuu fedhuuf Link Kunooti

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Back to top button