header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Biyyoota Buna Dhuguun keessatti yakka ture

Yeroo ammaa kanatti buna dhuguun baramaadha. Dhugaatii haalaan jaalatamus taheera. Namni hundi buna dhuguu baatus mana hunda keessatti bunni ni danfifama jechuu dandeenya. Bunni Jaarraa 11ffaa keessa biyya keenya keessatti akka argame himama. Garuu bara durii biyyoota muraasa keessatti buna dhuguun yakka guddaa akka ture quba qabduu?

Makkaah

Bara 1511 yeroo mootummaa Abbaasiyyaatti, bulchaa Makkaa kan ture namni Mi’maar jedhamu, namoonni buna akka hin dhugne ajaja dabarse. Sababni isaa ammoo namoonni buna dhuguuf jecha walitti dhufuudhaan waliin haasawaa yeroo gubuu isaaniitu itti toluu dide. Akkasumas yaada wal jijjiiruun shira natti xaxuu malu jedhee sodaate. Namoonni yeroo sanitti hamilee (si’aa’ina) ittiin argachuuf jecha dhugaa turan. Gariin isaanii ibaadaa irratti jabaachuu fi halkan ibaadaan dabarsuuf jecha buna dhugaa turan. Gama biraatiinis namoonni hedduun masjiida dhiisanii guyyaa guutuu bakka buna dhuganitti walitti qabamanii ooluun isaanii itti hin tolle. Sababaa kanniinii fi kan biraatis bu’uura godhachuun Makkaa keessatti bunni akka hin dhugamne dhoorke. Haa tahu malee Yeroo sanitti Wiirtuu mootummaa Abbaasiyyaa kan taate, Kaayroo irraa dhaamsa dabreen seerri buna dhoorkuu sun akka haqamu taasifame.

Istaanbul

Bara 1623tti Turkiyee Istaanbul keessatti buna dhuguun seeraan dhoorkamee ture. Yeroo kanatti kan dhoorkame buna dhuguu osoo hin taane, mana bunaa bananii namootaaf gurguruutu dhoorakame. Adabbiilee bunaaf jecha bahan keessaallee kan Istaanbul kun irraa ulfaataadha. Buna waliin manneen farshoo fi tamboon itti xuuxamus cufamaniiru. Namni mana isaa keessatti buna danfifatee dhuguu mirga qaba. Haa tahu malee akka ammaa kanatti kaaffee dhaqanii hiriyyaa waliin taa’anii dhuguun dhoorkaadha. Namni kaaffee bunaa banus ni adabama. Namni yakka kana raawwate adabbiin isaa kan duraa garafamuudha. Lammaffaa irratti yoo qabame garuu ni ajjeefama.

Roomaa

Wiirtuu amantii kiristaanaa kan turte Roomaanis yeroo muraasaaf buna dhuguu dhoorkitee turte. Jaarraa 16ffaa keessa wayta bunni gara Awurooppaa dhufe, karaan ittiin dhufe biyyoota Arabaa irraan ture. Ummanni Arabaa ammoo yeroo sanitti buna haalaan dhuga. Dabalataan ibaadaaf jecha fayyadamaa ture. Kun ammoo warri Kiristaanaa, bunni dhugaatii Muslimaati jedhanii akka yaadan isaan taasise. Dhugaatii sheeyxanaa jedhanii maqaa itti baasan. kana booda buna dhuguun seeraan akka dhoorkamu godhan. Haa tahu malee akka tasaa Phaaphaasiin isaanii guyyaa tokko carraa buna dhuguu argate. Eega dhugee booda dhamaa fi foolii bunaatiin hawatame. Haalaan jaalate. Waan ofii jaalatu ugguruun waan hin taaneef, uggurri buna dhuguu irra ture akka kaafamu taasise. Phaaphasichi kun uggura kana kaasuuf tooftaa tokko fayyadame. Lammiileen Roomaa bunni dhugaatii Muslimaati jedhanii waan amananiif, waan sammuu isaanii ittiin jijjiiru godhuun dirqama itti tahe. Yeroo hundaa yoo buna dhuguu barbaadan, Jalqaba Paaphaasiin kiristinnaa isaaniif qulqulleessuu qaba (itti qaddasuu qaba) maqaa gooftaa isaanii yaamee isaaniif qulqulleessa. Meeshaa bunni itti danfifamus phaaphaasotatu dursee du’aa’ii itti godha.  Lammiileen biyyattiitis haala kanaan yoo dhugan sheeyxaanni irraa bu’a jedhanii waan amananiif, buna isaanii danfifatanii dhuguu itti fufan.

Iswiidiin

Bara 1746tti Iswiidiin keessatti bunni dhugaatii miidhaa geessu jedhamee murteeffame. Mootiin yeroo san tures Bunaa fi shaayiin gara Iswiidiin akka hin seenne dhoorke. Poolisiinis magaalota biyyattii keessa deddeemee, meeshaa bunni ittiin danfifamu akka saamu ajajame. Namoota alaa galchan irratti ammoo adabbii maallaqaa guddaa muran. Mootoleen wal duraa duubaan dhufan adabbii garagaraa muraa turan. Mootiin sadaffaarratti dhufe kan Gustaav 3ffaa jedhamu, bunni miidhaa akka qabu agarsiisuudhaaf namoota yakka raawwatanii hidhaman irratti yaalii godhaa ture. Garuu hin milkoofne. Keessattuu namoonni adabbiin du’aa itti murteeffame, buna akka dhugan taasifame. Haa tahu malee bunni namoota sanniin ajjeesuu hin dandeenye. Hirriba dhoorkuun ala bu’aa biraa hin fidne. Walumaa galatti bara 1746 – 1817 Iswiidin keessatti buna dhuguun yakka guddaa ture. Achi booda miidhaa bunaa ragaan mirkaneessu dhabamnaan hayyamame.

Pruushiyaa (Jarman ammaa)

Bara 1777tti namni Pruushiyaa bulchaa ture Freediriki The Great jedhama. Namni kun dhugaatii farshootiif keessattuu Alkooliif jaalala guddaa qaba. Haa tahu malee lammiileen isaa Alkoolii dhiisanii gara bunaa deebi’uun heddu isa dallansiise. Sagantaa mootummaarrattis dhaadannoo, “Biiraan Buna caala”jedhu fayyadamuun namoonni buna dhiisanii biiraa akka dhugan taasisuuf yaaleera. Buna biyya alaatii dhufu bituuf jecha mallaqa baasuu irra, biiraa biyya keenya keessatti oomishamu dhugaa jechuun namoota dhoorkuuf yaalus hin milkoofne. Boodarratti bara 1781tti namni buna mana isaa keessatti akka hin akoofnee fi qajeela mootummaarraa akka bitu dirqamsiise. Loltoota amma dura sababa waraanaatiin qaamni miidhame kan 400 tahan magaalaa garagaraa keessa facaasuun, foolii buna akaayamaa jiru fuunfatuun adda baasanii akka poolisitti himan ajaje. Kana booda namnis mana isaa keessatti akaayatuu ni dhiise. Bara 1784 irratti ammoo mootiin biyyattii,  ummata jarman, dureessaa (higher Class ) fi hiyyeessa (Lower class) jechuun bakka lamatti adda qoode. Yeroo kanatti buna dhuguun qooda durreessaa qofa godhamee murame. Hiyyeessi dhugaatii dureessaa kana harkaan tuqe adabbiif saaxilamaa ture. Hiyyeessi osoo buna danfisuu fi dhugu qabame ni adabama. Haalli kunis haga jalqaba bara 1900tti itti fufee ture. Boodarratti fincila diddaa ummataatiin adabbiin kun kaafameera.  

Qophii Abu Ibtisam 

Back to top button