Og-BarruuTafakkur

Bineensa dhaltuu 9 kophatti dhuunfatee waliin jiraatu

Tafakkur: Guanaco

Maqaan bineensa kanaa Guwaanaakoo (Guanaco) jedhama. Biyyoota akka Arjantiinaa, Chiilii, Peeruu, Paaraagwaay fi biyyoota Ameerikaa Kibbaa kanneen biroo heddu keessatti argama. Guwaanaakoon lafa akkaan ol ka’aa ta’e kan ol ka’iinsi isaa meetira kuma afuritti dhihaatu irra jiraata. Uumamni kun lafa gammoojjii, lafa margaan uwwifame, lafa dhagaa, akkasumas lafa bosonaa keessa jiraachuu danda’a. Walumaa galatti haala qilleensaa hunda keessatti argama jechuudha.

Guwaanaakoon uumama guddina jiddu galeessaa qabu keessatti ramadama. Dheerinni isaatis meetira tokkoo hanga meetira 1.2 ta’uu danda’a. Ulfaatinni isaa ammoo hanga kilograama 130 ta’a. Rifeensi gogaa isaarratti argamu haalaan tuuchaadha. Bifti isaatis magaala ykn ammoo diimaa magaala yoo ta’u, haala naannoo keessa jiraatu waliin walitti dhihaata. Guwaanaakoon mataa guddaa qaba. Gurri isaatis akka gurra re’ee gara samii ol dhaabbata. Mormaa fi miila dhedheeraa kan qabu yoo ta’u, eegeen isaa garuu gabaabduudha. Eegee isaa tana, miseensota garee isaa keessa jiraniin walii galuuf itti fayyadama. Eegee bitaafi mirgatti hargufuun akkasumas ol dhaabuu fi gad buusuun dhaamsa mataa isaa qaba. Gariin diina dhufaa jiru himuuf tajaajila. Gariin ammoo dallansuu fi wantoota birootis ibsuu danda’a. Walumaa galatti uumamni kun sagalee fi eegee isaatiin walii gala jechuudha.

Guwaanaakoon naannoo cirrachaa fi bubbee hamaa qabu keessa jiraata. Rabbiin uumama hunda walqixxeessee waan isaaf malu akka isaaf malutti kennu, guwaanaakoofis waan haala qilleensa akkanaa keessa isa jiraachisuu danda’u badhaasee jira. Ija isaa irra nyaara haalaan tuuchaa tahetu jira. Kunis cirrachii fii dhukkeen bubbeedhaan lafaa ka’u, akka gara ija isaa hin seenne isa gargaara. Faanti isaatis haala qilleensa garagaraa keessa akka deemuu danda’utti uumame. Kunis lafa cirraacharra wayta deemu akka miilli isaa cirracha kessa hin seenaa isa hin rakkisne isa gargaara. Guwaanaakoon lafa haalaan ol ka’aa irra akka jiraatu dubbannee jirra. Lafti haalaan ol ka’u ammoo oksijiinii gahaa hin qabu. Qaamni uumama hundaa oksijiinitti haajama. Kanaafis Rabbiin Guwaanaakoof badhaasa addaa kennee jira. Bineensi kun seelii dhiiga diimaa heddu qaba. Seeliin dhiiga diimaan qaama guwaanaakoo keessatti argamu, baay’ina seelii dhiiga diimaa ilma namaa keessatti argamu dacha 4n caala. Haala kanaan Seeliiwwan kunniin oksijiinii muraasa gara qaamaa seenu dachaa hedduun baay’isaa, qaamni isaa hundi akka oksijiinii gahaa akka argatu godha. Walumaa galatti Rabbiin waan hunda akka isaaf maluutti isaaf uume.

Guwaanaakoon marga qofa dheeda. Kanaafuu olii gad deemaa marga barbaaddatuun isarratti dirqama. Lafa gammoojjii keessattis mukkeenii fi biqiltoota garagaraa irraa baala guurataa soorata. Diinni hamaan uumama kanaa leenca, puumaa fi qeerransa yoo ta’an, ilmi namaatis warra uumama kana miidhaa jiran keessaa isa tokko. Bineensonni kuuwwan uumama kana adamsaa sooratu. Ilmi namaa ammoo qubsuma isaa jalaa mancaasaa margaa fi soorata garagaraa akka hin arganne dhiibbaa ittti godhutti jira.

Guwaanaakoon uumama saffisa jabaa qaban keessaa isa tokko. Saa’aa tokko keessattis, kilomeetira 56 kaachuu danda’a. dabalataan uumamni kun warra bosona keessa jiraataa bishaanis daakuu danda’an keessaa isa tokko. Wayta diinni itti dhufe hunduu eegee isaatiin mallattoo walii kennanii, ykn ammoo sagalee dhageessisaa dheefa jalqaban. Kan saffisa qabu saffisa isaatiin gara bishaanii qajeela. Kana booda bishaanitti utaalanii daakuu jalqaban. Leenci ykn qeerransi ammoo bishaan seenuu waan hin dandeenyeef malli kun haalaan isa fayyada.

Guwaanaakoon uumama gamtaan jiraatuudha. Gareen uumama kanaa haala lamarratti hundaahee bakka lamatti qoodama. Inni tokko garee ijoolleeti. Gareen kun warra kormaa qofa kan of keessaa qabu yoo ta’u, baay’inni isaaniitis haga 50 ta’uu danda’a. Warri kormaa kan wal qunnamtii wal hormaataatiif hin gahin, garee kana keessa jiraatu. Gareen itti aanu ammoo garee dhaltuuti. Garen dhaltuu miseensota 10 hin caalle qaba. Kun ammoo kormaa tokko kan wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu danda’u of keessaa qaba. Gabaabinaan garee kana keessatti kormaan tokko dhaltuu 9 akka jaartiitti dhuunfatee waliin jiraata jechuudha. Ilmooleenis haga gaafa guddatanitti haadhuma waliin garee kana keessa turu. Qubsuma isaanii adda baafatuudhaaf ammoo faltii buusanitti fayyadamu. Qubsuma garee biraa cabsanii seenuun rakkoodha. Kanaafuu hunduu faltii san yoo arge biraa deebi’a. inni daangaa cabsee seene ammoo waraanatu itti banama.

Kormaan gaafa waggaa 5 guute garee isaa hundeeffatuu jalqaba. Yeroo kanatti wal waraansi jidduu isaaniitti godhamuu jalqaba. Sababni isaa; Kormaan tokko qubsuma eega tolfatee booda, garee garagaraa keessa deemuudhaan dhaltuu 9 filatee fiduun dirqama. Yeroo kanatti kormaawwan biroo waliin walitti bu’uun waan hin oolamne. Wal’aansoon isaanii kunis harka wal ciniinuudhaan geggeeffama. Abbaan moohate Miseensota isaa fudhatee qubsuma isaa keessa jiraatuu jalqaba. Eega wal qunnamtiin wal hormaataa raawwatameen booda rimayni dhaltuu ji’oota 11f tura. Kana booda ilmoo takka qofa dhalti. Guwaanaakoon hayyama Rabbiitiin waggaa 15 hanga 20 jiraatuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Related Articles

Back to top button