header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Haag Fiish

Qaamman bishaanii keessa gad fagaannee yoo deemne, uumamaalee ajaa’ibaa heddu argina. Uumamaaleen  akkaan sodaachisaa fi haalli isaa hundi namaa hin galle heddutu jiru. Har’aafis uumama tokko isin daaw’achiisuuf deema. Waaahee uumama kanaa viidiyoo daawwachuu yoo barbaadde. gama jalaatiin siif jira.
http://www.sciencemag.org/sites/default/files/styles/article_main_large/public/images/cc_SciSource_A7224A_16x9.jpg?itok=ItkdDWXR
 
Qurxummiin kun Haag Fiish jedhama. Qurxummiin kun lafee duydaa takkallee hin qabu. Cinaa Qaama isaa irraa Qaawwa xixiqqoo qaba. Qaawwi xixiqoon kun dalagaa lama qaba. Tokko ittiin harganuuf, tokko ammoo dhangala’aa diina ofirraa ittisuun baasuuf tajaajila.  Qurxummiin kun tooftaa addaa badhaafamee jira. Dhangala’aan qaama isaa keessaa bahu wanti xiqqoon, bishaan naannoo isaa jiru gama dhangala’aa wal harkisuutti jijjiira. Qurxummiin biroo yoo Haag fiish kana adamsuuf dhufe, yeroma san tufee biraa baqata.
 
https://ichef.bbci.co.uk/news/660/media/images/66661000/jpg/_66661087_2012-12-1818.25.48.jpg
Dhangalaan Qaama isaa keessaa bahu yoo bishaanitti makame, bishaan haala Kanaan jijjiira. Wanti suuraa irratti argitan kun Plaastikii osoo hin taane, dhangala’aa qaama qurxummii kanaa keessaa bahee bishaanitti makame.
Afaan isaa ammoo akkaan nama sodaachisa. Afaan akkanaa ni qaba jedhanii yaaduunuu ulfaataadha. Boolla afaanii xiqqoo keessaa,  ilkaan ajaa’ibaa kan raqa du’e daqiiqaa takka keessatti achi buutee isaa dhabamsiisu gad baasa. Qurxummiin kun Irga hin qabu. garuu waan lafee fakkaaturra ilkaan qara qabu heddu qaba.
Qurxummiin kun Qaawwa funyaanii takka qofa qaba. Isiidhaan raqa du’ee bishaan keessa jiru fuunfatee bakka inni jiru beekuu danda’a. qurxummiin kun akka qurxummiilee biroo koola qabaatuu dhabus, garuu bishaan keessa saffisaan daakuu danda’a. qurxummii du’e argannaan akkuma bira gaheen afaan isaa dalagaa jalqaba. Hagfiishonni birootis raqa kana hafuuraan barbaadanii itti dhufu. Raqa kanarraa foon jiru hunda quuncifachuu jalqabu.
 
https://2.bp.blogspot.com/-Hsxx0ZMcc7Y/V0UBSiydhEI/AAAAAAAACGI/njYGkguskIsmZACAKbjpWWa6Pgt81geMwCLcB/s1600/4187622052_78597833ca_b.jpg
Hag fiishota  heddutu qurxummii du’e kanarratti rarra’ee jira. Bineensi biroo dhufee akka isaan hin saamneef, dhangala’aa isaanii bishaan keessatti dhangalaasu. Kana booda Daqiiqaa muraasa keessatti, raqa san lafetti deebisan. Soorata akkanaa itti deebi’anii argachuuf ammoo, ji’oota heddu eeguun dirqama itti ta’a.
 
Image result for hagfish
Qurxummiin kun Onnee 4 qaba. Inni tokko dalagaa ijoo dalaga, kan hafan sadan ammoo onnee san gargaaran. Qurxummiin kun karaa lamaan hargana. funyaanii fi Qaawwa gogaa irratti argamuunis ni hargana. Waa arguu irratti laafaadha, fuunfachuurratti garuu jabaadha
Akkaataan itti adamsu akkaan nama sodaachisa. Garuu raqa du’e qofa sooratuun isaa qulqullina bishaaniitif faaydaa guddaa qaba
VIIDIYOON DAAWWADHU

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button