OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Haaji Sa’idoo Muhammad gara Ganda Aakiraa godaanan
Nuuralhudaa: October 2, 2022
INNAA NILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN
Haaji Sa’idoo Muhammad dhalataa godina Wallooti. Markaza Hifzii Qur’aanaa fi Masjida iddoowwan gara garaatti ijaarsisuudhaan beekaman. Dabalataan keessummoota diin Islaamaa kaddamuudhaaf gara Naannoo walloo Magaalaa Kamisee imalan simatanii keessummeessuudhaan beekamu. Hojii kheyrii heddu keessaa harka kan qaban haaji Sa’idoo Muhammad Kamisee, dhukkuba harkaa isaan qabu dandamachuu dadhabanii gama ganda aakhiraa godaananii jiru.
Haaji Sa’idoo Muhammad Rabbiin Jannataan haa qananiisu jenna. Maatii isaaniitiifi hawaasa isaan dhabeef jajjabina hawwina.