header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaa Magaalaa Miniyaapolis keessatti Wiirtuun Islaamaa Tawfiiq Eebbifame.

Wiirtuun Hawaasa Oromoo Muslima Ameerikaa Kaabaa Kutaa Mineesotaa keessa jiraataniin ijaarame guyyaa kaleessaa kan eebbifame yoo tahu, Sagantaa eebbaa kana irratti keessummoonni kutaa Ameerikaa adda addaa irraa dhufan hirmaataniiru.

Tofiq Islamic Center wirtuu guddaa waa heddu of keeysatti hammatuudha. Masjiida bal’aa namoota heddu salaachisuu dandahu, iddoo ispoortii (Gymnasium), Madrasaa, Kutaa Janaazaa itti kafanan, galma walgahii fii haruuzaafii tajaajiloota hawaasummaa hedduuf akka mijjaawutti ijaarame.

Sagantaa eebbaa kanarratti kantiibaa magaalaa Miniyaapoolis Jeekeeb Freey fi, hawaasni Muslimaa hedduminaan hirmaatee jira. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button