header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Kamtu Qeerransa?

Tafakkur: Moggaasa Maqaa Bineensotaa

Waggoota dabran 6f waa’ee bineensota garagaraa isiniif dhiheessaa turree jirra. Yeroo kanatti uumamaalee beeknuu fi hin beekne hedduun wal barree jirra. Tahullee wanti nuti isiniif dhiheessine, baay’ina uumamaalee Rabbii waliin yoo wal bira qabamu, copha galaanarraa fuudhame hin gahu. Uumamaaleen qalamni keenya bira gahe lakkofsa qubaati jechuun ni danda’ama. Akkasuma qorattoonnilleen bineensota muraasa bira qofa beekuu danda’an. Guyya guyyaanis uumamaaleen haarofni hedduun argamaa jiru. Yeroo bineensonni haarofni argaman dalagaan ulfaataan tokko maqaa uumama sanii moggaasuudha. Bineensota garii bifa qofa laalalnii maqaa eega moggaasaniin booda, yoo qoratan sanyii biraa tahee argama. Barruu tana keessatti waa’ee moggaasa maqaa bineensotaa irratti dogongora yeroo heddu mul’atu tokko waliin laalla.

Moggaasa maqaa irratti ummanni hundi akka naannoo isaatti moggaafata. Amala bineensa sanii laalee maqaa ni tahaaf jedhee yaadeen waama. Ummanni bal’aan akka Oromootis naannoo jiraaturratti hundaa’ee bineensota garii maqaa garagaraatiin waama. Amma dura fuula facebook Nuuralhudaa irratti waa’ee uumama afaan Ingiliffaatiin Spider jedhamuu gaafannee deebisaa garagaraa arganne. Naannoo garitti Daara Baaftuu jedhama. Naannoo tokko tokkotti aammoo Aaroo jedhamee waamama. Kan Sarariitii jedhee waamus hedduudha. Saaphuphuu jedhee ummanni yaamus ni jira. Haala Kanaan nutiis haga dandeenyeen maqaa naannoo heddutti beekkamuu fi dikshinariiwwan afaan Oromoo irraa fayyadamnee maqaa bineensotaa waamuu filanna.

Dhiheenya kanas waa’ee uumama tokko kan naannoo tokko tokkotti Goljaa jedhamuun beekamuu, fuula facebook irratti maxxnasinee turre. Kutaa yaada itti kennan keessatti ammoo hordoftoonni gariin wanti kun karkarroodha jechuudhaan yaada isaanii ibsatan. Dhugaadha naannoo isaaniitti uumamni sun Karkarroo jedhamuun waamama. Haa tahu malee naannoo biraatti ammoo karkarroon uumama biraati. Haala Kanaan loqodaa fi bal’ina lafa Oromiyaa irraa ka’ee, maqaan bineensotaa naannoo garagaraatti garaagarummaa qabaatuu danda’e.

Biyya keenya keessatti uumamaaleen hedduun maqaa gamtaatiin waamaman. San dura qabxii xiqqoo waa’ee gosoota bineensotaa irraa isinii haa qoodnu. Akka walii galaatti bineensota gosa torbaatu jira.

Mammals

Inni duraa isa afaan ingiliffaatiin Mammals jedhamuudha. Afaan Oromoo keessatti bineensota kanniiniif maqaa lamatu moggaafame, Inni hedduminaan beekamu hoosiftoota kan jedhuudha. Kitaabota barnoota irrattis kanatu argama. Haa tahu malee kitaabonni dhiheenya kana dhufaa jiran ammoo MUCHOO jedhanii waamuu jalqabaniiru. Kunis warroota mucha qaban jechuu irraa kan maddeedha. Mammals warri jedhaman bineensota dhiiga oowwaa qaban, kan rifeensa qabanii fi ilmoolee dhalan ykn hoosisaniidha. Haa tahu malee bineensonni mucha hin qabne kan hoosiftoota keessatti ramadaman ni jiru. Amma dura waa’ee bineensota Platypus fi Echidna isinii dhiheessineerra. Warri kun warra fakkaattii dhaluu miti. Hanqaaquu buusan. Haa tahu malee hoosiftoota keessatti ramadaman. Uumamaaleen kunniin mucha osoo hin taane xannacha addaa kan aanan maddisiisu qaban. Ilmooleenis aanan madde san arraabaa guddatan. bineensota kanniin hoosiftoota jedhanii yaamuun rakkoo hin qabu. garuu bineensa mucha hin qabneen Muchoo jedhanii yaamuun xiqqoo nama dhiba.

Reptiles

Gosti itti aanu warra Reptaayil jedhamaniidha. Gosti kun ammoo uumamaalee akka bofaa fi naachaa kan gogaa jabaataa akka qeensaa jiru qabaniidha. Wanti addaan ittiin beekaman ammoo dhiiga qabbanaawaa qabaachuu fi lafarra munyuuquu isaaniiti. Gosa bineensotaa kanniiniif addatti afaan oromoo keessatti moggaasni kenname hin jiru. Garuu Dikshinariin afaan Oromoo tokko tokko lootuu jedhee hiika. Lootuun miseensa Reptaayilaati malee hunda walitti qabatuu kan danda’uu miti. Ammas Miil-malee jedhameetis hiikameera. kunis hiikaa dogongoraati. fakkeenyaaf naachi Reptaayiloota keessatti ramadama. garuu miila ni qaba. bineensa miila qabu Miil malee jedhanii yaamuun guutumatti dogongora. Kanaafuu akka walii galaatti Reptile jedhanii fayyadamuutu irra wayya.

Fish

Gosti itti aanu warra Fish jedhamaniidha. Gabaabumatti qurxummii jennee hiikuu dandeenya. Haa tahu malee jechi Fish jedhu maqaa walii galaati malee maqaa uumama tokkootii miti. Amalli uumamaaleen kunniin ittiin beekaman giilii qabaachuu fi bishaan keessa qofa jiraachuudha. Shaarkii fi dolfiin miseensota qurxummiiti. Shaarkii fi dolfiniin biyya keenya keessatti waan hin argamneef maqaan itti hin moggaafamne. Moggaasuunis dirqamaa miti. Maqaa ummanni naannoo sanii itti moggaaseen fayyadamuun rakkoo hin qabu. Haa tahu malee biyyuma keenya keessatti gosoota qurxummii hedduutu jira. Hunda adda baafachuudhaaf maqaa garagaraatu barbaachisa. Nuti garuu hunda walitti qabnee qurxummii jennee yaamna.

Birds

Gosti itti aanu ammoo allaattiiwwani. Kunis maqaa dimshaashaati. Gosa kana keessatti uumamaaleen koola qaban kan barrisuu danda’anii fi hin dandeenyes keessatti ramadamu. Uumamaalee biyya keenya keessatti hedduminaan argaman kan moggaasa maqaa argatan kanneen akka handarii, harraagessa, culullee, risaa fi kanneen birootis ni jiru. Tahullee biyya keenya keessatti ammas allaattiiwwan hedduu simbirroo ykn allaattii jennee waamna malee maqaa addaa hin qaban. Tahus maqaan allaatti ykn shimbirroo jedhu maqaa walii galaati malee maqaa uumama tokkoo qofaa miti.

Amphibians

Gosti itti aanu ammoo Amfiibiyaan jedhama. Amfiibiyaanonni uumamaalee bishaan fi lafarra jiraatuu danda’aniidha. Haa tahu malee hedduminaan bishaan isaan barbaachisa. Gosa kana keessaa dhibbeentaa 90 kan tahu raacha. Naannoo tokko tokkotti uumamni kun fattee jedhamee waamama. Raacha ykn Fattee maqaan jedhu maqaa walii galaati. Ammaaf Waa’ee gosa bineensotaa hagana yoo ilaalle gahaadha. Waa’ee gosa bineensotaa wanti ibsineef maqoota dimshaashaa as keessa jiran akka hubannu qofaafi. Biyya keenyatti hedduminaan maqaa dimshaashaatu dalagaa irra oolaa jira. Kun qoratamee, bineensota hundaaf maqaan addaa kennamuu fi irratti waaltessuun barbaachisaadha

Bineensonni Footoo kanarra jiran hundi sanyii Adurreeti. Afaan Ingiliffaatiin Cat Family jedhaman. Qeerransaafi leencis sanyii Adurree keessatti ramadama. kana hundaan Qeerransa jechuun hin danda’amu.

Moggaasa Maqaatiin wal qabatee rakkoon jiru hedduudha. Fakkeenyaaf uumama Tiger jedhamu fudhannee haa ilaallu. Dikshinariiwwan afaan Oromoo, uumama kana qeerransa jedhanii hiikan. Ammas uumama leopard jedhamutu jira. Isa kanas qeerransa jedhanii hiikan. Tiger fi Leopard uumama garagaraati. Isa kamtu qeerransa? Wanti as biratti hubatamuu qabu, uumamni Tiger jedhamu biyya teenya keessatti hin argamu. Inumaa Afriikaa guutuu keessa hin jiru. Qeerransi biyya teenyatti beekamuu fi uumamni Tiger jedhamu uumama garagaraati. Tiger sanyiiwwan adurree keessaa bifti isaa irra guddaan magaala yoo tahu, magaala san irra adii fi gurraachaan sararatu jira. Leopard ammoo gurraachaa fi adiin bifa geengootiin jira malee bifa sararaatiin irratti hin argamu. Cheetah uumamni jedhamus ni jira. Babarrinni uumama kanaa ammoo tuqa tuqaadha. Sanyiiwwan qeerransaa keessaa Jaguar fi Leopard adda baasanii beekuun ni ulfaata. Fageenya laalanii isa kanatu jaguar kanatu leopard jedhanii himuun hin danda’amu. Haa tahu malee uumama garagaraati. Dikshinariiwwan afaan Oromoo keessatti garuu Leopard, Jaguar fi Cheetah maqaawwan wal fakkaataa akka Amaa keeta, hamaqeexa fi Warbaa jedhamuun waamaman.

Biyya teenya keessatti gogaa Qeerransaa uffachuun mallattoo gootummaati. Kanaaf namni gootummaa mul’ifachuu fedhe qeerransa ajjeesee gogaa isaa uffata. Garuu gogaan uffatan kun gogaa bineensa kamiiti waan jedhu yoo qoranne deebisaa gaafii kanaa ni arganna.

Gogaan footoo kanarratti mul’atu kan namtichi foollee kun uffate gogaa qeerransaati. Bineensi kun Afaan ingiliffaatiin Leopard jedhama. Malee Tiger miti. Tiger bineensa birootti. Kanaafuu gabaabinaan jechi kun dikshinariiwwan Afaan Oromoo irratti dogongoraan hiikame jechuudha. Tiger Oromiyaa keessa hin jiru. Kan Oromiyaa keessa jiru Leopard ykn Cheetah tahuu danda’a. kun haala naannootiin garaagarummaa qaba. Naannoo garii Leopard’tu jira. Naannoo Garii Cheetah’tu jira. Cheetah fi Leopard uumama adda addaati. Kana hubachuun barbaachisaadha.

Akkaataan moggaasaa kun naannoo naannootti akka wal dhabbiin uumamu taasisee jira. Fakkeenyaaf uumama Boar jedhamu haa fudhannu. Uumamni kun dikshinarii afaan oromoo irratti Karkarroo, Kormaa Booyyee fi Goljaa jedhamee hiikame. Naannoo tokko tokkotti karkarroo jedhama. Naannoo tokko tokkotti ammoo Goljaa jedhama. Haala Kanaan Uumamaaleen sadi kan amalaa fi bifa garagaraa qaban Afaan Oromoo keessatti maqaa wal fakkaataan waamamaa jiran jechuudha.

Kamtu Karkarroodha?

Pig, Boar fi Hog uumamaaleen jedhaman uumama garagaraati. Haa tahu malee dikshinariiwwan afaan Oromoo irratti Booyyee, Karkarroo, Goljaa jedhamanii hiikaman. Sadaniifuu maqaa sadih sadihtu kenname. Kun ammoo maqaa bineensotaa beekuu fi barsiisuu irratti rakkoo guddaa uumeera. Nutis haga dandeenyeen waan naannoo heddutti beekamuu fi maqaa naannoo heddutti namni fayyadamu filanna. Dabalataanis maqoota kitaabota barnootaa irra jiraniin waamna. If duraaf qorattoonni fi hayyoonni Afaan Oromoo dhimma kana irratti qorannoo gad fageenyaa taasisuun, Maqaa bineensotaa fooyyessuu irratti hojjachuun barbaachisaadha. Maqoota bineensota naannoo keenya hin jirree maqaa naannoo inni itti argamuutiin waamuu filanna. Haa tahu malee uumamaalee biyya keenya keessatti argamanii fi maqaa garagaraatiin beekaman gara tokkottti fiduun barbaachisaadha.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button