Og-Barruu

Magaalaan Aksuum Muslimootaaf Maali?

©Abbaas Ibnul Islam

Hordooftoonni Amantaa Ortoodoksii magaalaan Aksuum magaalaa Kabajamtuu jechuun amanu. kun immoo mirga. Islaamummaan amantaa kaamiyuu irratti dhiibbaa hin godhu, abbaan barbaade wan barbaadeetti amanuu mirga kan qabu tahuu amantaan keenya Islaamummaan ni barsiisa.
Haata’uu malee Aksuum akkuma hordoftoota amantaa kiristaanaaf magaalaa Kabajamtuu muslimoota Itoophiyaafis magaalaa Seenaa guddaa qabduudha. Magaalaan Aksuum magaalaa Islamummaa qeebaluu keessatti kan jalqabati. Kun immoo magaalaan tun muslimoota biratti seenaa akka qabaattu godha. Haata’u malee hardha muslimoonni Aksuum kabajaa seenaan kenneef kana argachuu hin dandeenye.

Magaalaa tana keessatti muslimoonni Masjiida akka hin ijaaranne dhorkamanii jiru, yoo namni muslimaa magaalaa kana keessatti lubbuun isaa dabarte iddoo awwalchaa argachuu hin danda’u. Hordoftoota amantaa kiristaanaa kun maaliif jedhamanii yoo gaafataman deebisaan isaanii, magaalaan Aksuum magaalaa kabajamtuudha, hanga Makkaatti Batsakaanni hin ijaramin Aksuumittis masjiidni hin ijaramu, magaalaa Aksumiitti masjiida ijaaruun amantaa kiristaanaaf salphina( Xinneenya) guddaa kan jedhu.
Sababni hordooftonni amantaa kiristaanaa akka masjiidni hin ijaaramne dhorkisiisaaniif kun quubsaa ta’uu dhabuu isiiniif ibsuu yaala

1ffaa Nuti lammummaan keenya Itoophiyaa, Itoophiyaan immoo biyya amantaa adda addaa fi sabaa fi sablammootaa, akkasuma heeraa fi seera biyya ofii qabdu. Itoophiyaa keessatti namni kamuu wan barbaade waqeeffatu akka danda’u (Seccular) tahuu isii seera biyyattii irratti labsame jira. Sa’uudiin immoo kan bultu Shari’aan mootummaan isaaniitis ajaja Shaari’aan kaahe irratti hunda’uun ummata isaa bulcha. Kanaafu sabaabni Makkaatti bataskaanni nuUf haa ijaaramu jedhu fudhatama hin qabu jedha.

2ffaa, Dhaalatoonni Sa’uudii hundi amantaan isaanii muslima biyya kiristaanni keessa hin jirretti bataskana ijaaruun maal bu’a qaba? Itoophiyatti immoo magaalaan Kiristaanni ykn musliimni qofti keessatti dhaalate hin jiru. Hardha naannolee muslimoonni qofti hedduminaan keessa jiran kan akka Soomalee(Jijjigaa) fi Afaar yoo deemne bataskaanni inuma jira. Hordooftoonni amantaa kiristaanaa namni tokko maaliif hin jiraatiin bataskaana ijaaratuu namni isaan dhoorku hin jiru, qabxiin kunis sabaaba hordoftoonni amantaa kiriistaanaa dhiheessa jiran quubsaa akka hin tahin ni mul’isa.

3ffaa Sababa magaalaa kabajamtuu jedhuuf immoo, magaalaan tun muslimootaafis akkuma duratti ibse seenaa qabeettii, magaalaa muslimoota simatuun kan jalqabati. Hardha muslimoonni addunyaa maqaa Bilaal dhahanii, galata ardiin Habashaa muslimootaaf baate osoo hin ibsin bira hin darban. Sabaabnis Aksuum magaalaa Islamummaa qeebaluutti tan duraa wan tateef. Nuti muslimoonni Itoophiyaatis simannaa amantaa Islaamaatiif godhuu keenyaati gammachuu guddaa nuti dhagahama, kanafuu magaalaan Aksuum musliimootaaf tahe kiristaanaafis walqixa.

Magaalaan Aksuumii fi muslimoonni seenaa walitti isaan hidhu guddaa kana qabaatanis hardha masjiida tahee iddoo awwalchaatis dhorkamanii jiru. Waggoota muraasa dura muslimoonni Aksuum magaalatti irraa kilomeetira 12 fagaatanii masjiida tokko ijaaratanii turaan, haata’uu malee bulchiinsi naannoo Tigraay muslimoonni akka mana isaaniitii bahanii mormii hin geggeesine dhorkuun masjiida isaan magaalattiin alatti ijaaratan irraa diige. Dhiibbaan kun immoo kan godhamaa jiru, hordooftoota amantaa kiristaanaa qofa irraa osoo hin taane mootummaa biyya bulchaa jiru iraayis tahuu hubatuun nama hin rakkisu.

Kanaaf nutis akka lammiitti, akka namummaatti mirgi muslimoota Aksuum haa kabajamuu jennee gaafatuf dirqamna! Biyyi kun kan nama irra jiraataa jiru hundaati. Dhimmi muslimoota Aksuum immoo dhiima muslimoota Itoophiyaa qofa osoo hin taane akka dhimma muslimoota addunyaatti ilaalaamu qaba!

https://t.me/nuuralhudaa

Comment

Related Articles

Back to top button