Islamic University Of Minnesotan Walgahii isaa jalqabaa Magaalaa Finfinneetti gaggeesse.
Walgahiin kun Magaalaa Finfinnee Hoteela Ummaatti kan gaggaffame yoo tahu, Keessummoonni gurguddoon walgahicharratti hirmaatanii jiru. Keessummoota wal gahirratti hirmaatan jidduu; Prezdaantii Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheikh Hajjii Ibraahim, Sheikh AbdulKariim Sheikh Badraddiin, Sheikh Mahmuud, Sheikh Xaahir Amaan, Dr Jeeylaan H/Khadiir, Dr Jeeylaan Galatuu, Sheikh Xaahir Muhammad, Ustaaz Qamar Huseen, Dr Abdallaa Khadiir fii Keessummoonni gurguddoon heddu saganticharratti hirmaatanii jiru.
walgahiin kun Qur’aanan kan Eegale yoo tahu, haasawa Baga nagayaan dhuftanii booda Itti gaafatamaan mana Marii dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheikh hajjii Ibraahim haasawa taasisaniin, Carraa kana dinqisiifachuun carraa akkanaa kana ummanni islaamaa akka itti fayyadamu dhaaman. dabalataanis Yuniversitii kana waan barbaachisuun cinaa jirra jedhan.
Dhiheenya kana barattoota barsiisaa ture kan Eebbise Islamic University of minisootaan ammas haala iftoomina qabuun barumsa kan itti fufu tayuu ibsuudhaan, Miseensota qaama gara garaa irraa filuudhaan Saganticha goolabee jira.
Can you be more specific about the content of your article? After reading it, I still have some doubts. Hope you can help me.