header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni murtii Keeniyaa, lammiilee Itoophiyaa 137 tahan kanneen karaa seeraan alaatiin Keeniyaa seenan irratti yakka mure.

Lammiileen Itoophiyaa kunniin daangaa Moyalee irraan karaa seeraan alaatiin Keeniyaa seenuun gara Afrikaa kibbaa imaluuf qophii irra kan turan. Haa ta’u malee magaalaa  Naayiroobii iddoo Mihaangoo jedhamuutti mana jireenyaa tokko keessatti walitti qabamanii osoo jiran, Jimaata darbe to’annaa poolisa Keeniyaa jala kan Oolan tahuu gabaasni gaazeexaa biyyaatti Standard News irraa argame ni mul’isa.
Poolisni Keeniyaa namoonni lammummaa  Keeniyaa  qaban lama, Dajanee Chafuu Galee fi Cakoo Jiloo Hirboo jedhaman kan biyya irraa biyyaatti karaa seeraa alaatiin nama dabarsuu irratti bobba’an, kan namoota kana duuba jiran tahuu mirkaneefadhee jira  jedhe.
Lammiileen Karaa seeraa alaatiin Keeniyaa seenanii to’annaa poolisaa jala turan kunniin,  wixata kaleessaa mana murtii keeniyaatti  dhiyaatun, adabbiin hidhaa ji’a 6 ykn ammoo adabbiin doolara Ameerikaa 300 kan isaan irratti murteeffame tahuu gabaasni VOA irraa argame ni addeessa.
Ji’a darbe keessaas iddoma walfakkaataa tahetti lammiileen Itiyoophiyaa 67 tahan kanneen Karaa seeraan alaatiin biyyattii seenan to’annaa jala ooluu gabaasni Standard kun ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button