Ardiin Ameerikaa tun bal’oo waan taateef haala qilleensa hunda of keessatti qabatteerti. Oowwa uffata nama baafachiisurraa kaasee, haga qabbana kottee namaa cabsuuf dhihaatuu of keessaa qabdi. Ardii tana keessa uumama ajaa’ibaa tokkotu jira. Uumamni kun akka mallattoo biyyattiitti tajaajila. Inumaa yeroo tokko Preezidaantii biyya sanii kan ture Benjamin Franklin dhimma Aasxaa biyyattii kanarratti mormii kaasee ture. Sababni isaa ammoo uumamni kun Abbaa irree, kan wal qixxummaatti hin amanne, kan mirga uumamaalee biraa dhiibu, uumama hammeenya isaatiin beekkamu ta’uu isaati. Haa ta’u malee, gootummaa fi diina irratti gara jabeenya qabaachuun isaa nu gaha jechuun hanga arraatis mallattoo biyyattii ta’ee tajaajilutti jira. Uumamni kun afaan Ingiliffaan Bald eagle jedhama.
Maqaa: Bald Eagle
Umrii jiraatu: Waggaa 28
Saffisa barrisuu : saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 56
Ulfaatina: Kilograama 3 hanga 6.5
Dheerinna: Seentimeetira 89 hanga meetira 1.9
Dheerina Koolaa: Meetira 2
Qaama Bald Eagle
Bald Eagle jechuun qajeela gara Afaan Oromoo wayta deebisnu, Risaa Moluu jechuudha. Sababaan Moluu jedhameef ammoo rifeensaan molaayee osoo hin taane, halluun mataa isaa halluu qaama guutuutiin waan adda taheef maqaa kana argachuu danda’e. Risaan kun bifa 3 qaama isaarraa qaba. Garaa fi Koolli isaa baallii bifa magaalaatiin uwwifamaadha. Mataa fi eegeen isaa ammoo adiidha. Qoffeefii kotteen isaa bifa boora qaba. Allaattii kana wayta fageenyarraa laalan, waan mataan irraa dhumee molaaye fakkaata. Qaama guutuu keessaa mataan isaa qofti akka moluun halaalaa mul’atutti ifee mul’ata. Sababaa kanaaf Allaattiin kun Bald Eagle ykn Risaa Moluu jedhamee moggafame.
Bald eagle Allaattiiwaan qarqara bishaaniitti dhihaatanii jiraatan keessaa isa tokko. Dheerinni isaa Seentimeetira 89 hanga meetira 1.9 ta’a. dheerinnaa fi guddinaan dhalaan kormaa ni caalti. Kooluun Bald eagle haalaan dheeraadha. Inumaa qaama isaa guutuu dachaan caala. Walumaa galatti Kooluun Bald eagle wayta diriirfamu haga meetira 2 dheerata. Kooluun isaa wayta diriirfamu hojjaa namaa ni caala jechuudha. Ulfaatinni uumama kanaa kilograama 3 hanga 6.5 ta’a.
Saffisa Bald Eagle
Allaattiin kun warra saffisa jabaa qaban keessaa isa tokko. Saa’aa tokko keessatti kilomeetira 56 qilleensa gubbaa barrisuu danda’a. Wayta soorata argatee soorata san qabatuuf socho’u saffisini isaa Dachaa sadihii oliin dabaluun, saa’aa tokko keessatti haga Kilomeetira 160 ta’a. Sooranni uumama kanaa hedduumminaan qurxummiidha. Dabalataan sanyiiwwan allaattii xixiqqoo, Amfiibiyaanotaa fi Repitaayilootas ni soorata.
Haalaa fi Amala Bald Eagle
Bald eagle uumama kopha kophaa jiraatuudha. Yeroo tokko tokko ammoo walitti dhufuun hin oolamu. Yeroon isaan walitti dhufan keessaa tokko yeroo goojjoo ijaarachuuti. Qabbana Ardii Ameerikaa nama keessa jiraatee arge qofatu hubatuu danda’a. Qabbana kana dandamachuuf ammoo tooftaa addaa baasuun dirqama taha. Risaan moluun kunis kan yeroo biroo kopha kophaa jiraatu, yeroo qabbanti bu’u gamaa gamanaa walitti dhufanii; lafa addaan hiratanii goojjoo ijaarratu. Goojjoon Bald eagle haalaan guddaadha. Avreejiidhaan goojjoon tokko meetira 1.5 kan bal’atu yoo ta’u, dheerinni isaa ammoo haga meetira 1.2 ta’a.
Goojjoon kun waggaa waggaan bal’innaa fi dheerinni isaa dabalaa deema. Kunis ilmoolee haarawa dhalataniif bakka gahaa qopheessuuf jecha yaadamee kan bal’ifamu ta’uu qorattoonni dubbatu. Haga ammaatti goojjoon guddicha jedhamee seenaa keessatti galmeeffame, isa Ameerikaa Kutaa Florida keessatti argamu yoo ta’u, meetira 6 dheerata. Akkasumas dagaletti ammoo meetira 3 bal’ata. Akka qorannoon agarsiisutti, dhalaa fi kormaan tokko haga gaafa du’aniitti akka jaarsaa fi jaartiitti waan waliin turaniif goojjoo isaanii walitti dhiheessuudhaan ijaaru. Goojjoo ijaarratan kana ammoo wayta wal hormaataa walitti maxxansuudhaan waliin jiraatu. Yeroon biraa kan allaattiin kun walitti dhufu yeroo godaansaati. Bakka sooranni dhabamee qilleensi hammaatetti, sanyiileen gama Kaabaa jiran gara eddo soorata gahaa fi qilleensa mijaahaa qabuutti baqatu. Warri gara Kibbaa jiru garuu godaansa irratti hin hirmaatu.
Wal hormaata Bald Eagle
Yeroo wal hormaataa, akka jaarsaa fi jaartiitti waan waliin turaniif rakkoon heddus hin dhalatu. Garuu dargaggeeyyiin lafaa ol dhuftu, dhalaa argachuudhaaf wal aansoo qabuun isaanii hin oolamu. Abbaan wal aansoo moohate dhalaa fudhatee gara goojjoo isaa deema. Achi booda isii wajji wal gargaaranii goojjoo biroo ollaa isaatti ijaaru. Haga lameen keessaa tokko du’utti adda bahuun hin jiru. Jireenya gammachuufi Jaalalaa eega jalqabanii booda haadhoon hangaaguu 2 qofa buusti. Achi booda jaarsaafi jaartiin wal gargaaranii guyyaa 34 – 36 hammatu. Eega ilmoolee keessaa yaasanii boodas wal gargaaranii kunuunsu. Yoo haati soorata barbaaduu baate, Abbaan ammoo ilmoolee bira taa’ee eega. Wayta isiin soorata fiddee dhuftu ammoo isatu adamoof baha. Daqiiqaa takkaafis ilmoolee kophaa dhiisanii hin deeman. Haga baatii jahaatti haala kanaan wal gargaaranii ilmoolee ofii kunuunsu.
Ilmooleen bald Eagle gaafa dhalatanirraa kaasee haga waggaa 4 guutanitti, qaamni isaanii guutuun magaala yoo tahu, achi booda mataafi eegeen isaanii gara adiitti jijjiiramuu eegala. Gaafa wagga shan guutan mataafi eegeen isaanii guutumatti aadii ta’a. yeroon kun yeroo wal hormaataaf qophii itti ta’aniidha.
Amala Addaa Bald Eagle
Allaattiin kun waa fuunfachuu hin danda’u. Waan hunda eega dhandhameen booda adda baafata. Waan hunda eega afaan keessa kaayateen booda yoo isaa hin taane tufa. Dhageettiin isaa ammoo kan ilma namaatiin wal qixa. Agartuun isaa garuu kan ajaa’ibaati. Haga ijji ilma namaa arguu dandeettu caala, dachaa afuriin waa arguu danda’a. Fedha Rabbiitiin Bald Eagle haga waggaa 28 jiraatuu danda’a.
Qophii: Abuu Ibtisaam