header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Sadarkaan dubartiin Islaamummaa keessatti qabdu maal fakkaata?

Ergamaan Rabbii ( (SAW)) Akkas jedhan

  • من عال جاريتَيْن حتَّى تبلØا ،جاء يومَ القيامةِ أنا وهو .
    وضمَّ أصابِعَه (رواه مسلم)

“anaafii namni ilmoo dubraa lama guddise jannata keessatti akka quba lamaan kanaati”(Muslimtu gabaase)

Abbaan intala dubraa karaa Rabbii irratti qaceellotti kunuunsee sababa guddiseef jannata seena. sikunuunsa
Abbaan worraatis caalaa namaa tahuu yoo barbaade ammas haadha warraa isaatiif nama gaarii tahuun dirqama.

خيرُكم خيرُكم لأهلِه وأنا خيرُكم لأهلي (رواه بن حبان )

Rasuulli ( (SAW)) Akkas jedhan
“Irra caalaan keessan kan worra ufiitiif caalaa ta’e; ani worra kiyyaaf irra caalaa keessan”

(Ibnu hibbaantu Gabaase)

Ilmi namaa hundi Rabbitti Aansee haadha isaa galatoomfatutti ajajame:

وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا إِيَّاهُ وَبِالْوَالِدَيْنِ إِحْسَانًا الإسراء : 23

“Rabbiin dirqama godhe jira; isa malee gabbaruu dhabuu; Haadhaa fi Abbatti tola ooluu”

Rabbiin haqa isaatitti aansee haqa Haadhaa fi Abbaa yoo dubbatellee hayxi Haadhaa kan Abbaa irra harka sadihiin caala.

جاء رجلٌ إلى رسول الله ، (SAW)) فقال: يا رسولَ اللهِ، من أحقُّ الناسِ بحُسنِ صَحابتي؟ قال: أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أبوك ( رواه البخاري)

Gurbaaan tokko Rasuulatti ØŒ (SAW)) dhufee “eenyutti tola oola”jedheen. Isaanis “Hadhateeti”jedhaniin. yeroo sadi itti deddeebi’e gaafatee jennaan “Haadhatee ammas Haadhatee ammas Haadhatee”jedhaniin; afraffaa irratti Abbaakee jedhaniin.
(Bukhaaritu gabaase)

Kun sadarkaa dubartiin Islaamummaa keessatti qabdu.
Yaa obboleettii islaamaa! sitti jallatuun dilii shirkitti aantu; sitti qajeeluun ammoo ibaadaa Rabbii tan sadarakaa duraa irratti argamtu irraayi.

2 Comments

  1. Asallamu,aleyekum warahamatullahii wabarrakkatuhu mashallaa Allah tabarrakkaalla Allah jazan keyesan jannatuul firrdowosiin inshaallaah

  2. Assalamu’aleeykum woraahmaatullah wobarakaatu
    heddu isin jaaladha gaaruu asirraan malee isin argachuu hin dandeenye waan tokko tokko gaafadhus barbaadee ture garuu gara Application kanaan gaafii gaaffachuun hin dandaa’amu natti fakkatee
    jajjabadhaa jazaan keessan Jannatal firdoowosa inshaa’allaah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button