header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Bineensa Qusannaa Soorataa Beeku

Tafakkur: Kinkajou

Uumamni kun maqaa Kinkajou (Kink-ah-joo) jedhamuun waamama. Maqaa biraa kan honey bear jedhamuunis ni beekama. Sababni isaa qaamni isaa bineensa bear jedhamu fakkaatuu isaati. Garuu qaamni isaa xiqqaadha. Akkasumas yeroo tokko tokko gaagura kanniisaa cabsuun dayma waan sooratuuf, honey bear jedhaniin. Bineensi kun uumama xiqqaa yoo ta’u, yoo fageenyarraa laalan qamalee fakkaata. Inni garuu sanyii qamaleetii miti.

 

Maqaa: Kinkajou

Dheerinna: Seentimeetira 40 hanga 60

Dheerina Eegee: Seentimeetira 38 hanga 55

Ulfaatina: Kilograama 1.4 hanga 4.6

Umri : Waggaa 25

 

Qaama Kinkajou

Kinkiyahjoon sanyii raccoon jedhamuun walitti dhihaata. Sanyiin haalaan dheeraa jedhamu seentimeetira 60 dheerata. Inni xiqqaan ammoo seentimeetira 40 hin caalu. Ulfaatinni isaatis kilograama 1.4 hanga 4.6 ta’a. Eegeen isaa guddina qaama isaa waliin yoo ilaalamu haalaan dheeraadha. Inni gabaabaan eegee seentimeera 38 dheeratu qaba, dheeraan ammoo eegee seentimeetra 55 dheeratu qaba. Kanaafuu dheerinni qaamaa fi eegee isaa walitti dhihaata jechuudha. Eegeen kun akka harka dabalataatti isa tajaajila. Fakkeenyaaf muka tokkorraa hiixatee gara muka biraa deemuudhaaf eegee isaa kanas itti fayyadama. Eegee isaa damee muka tokkotti maree harkaan ammoo damee biroo qabataa gara eddoo barbaaduu deema.

 

Kinkajoun rifeensa haalaan tuuchaa qaba. Bifti isaatis bifa warqii ykn ammoo daalacha. Ijji isaa haalaan gugurdoodha. Gurri ammoo xixiqqaadha. Kottee gaggabaabaa kan qabu yoo ta’u, faanti isaa ganaa ilma namaa fakkaata. Qubbeen isaa jidduu gogaa haphiitu jira. Cifaan isaatis dheeraadha.  Milli isaa akka inni barbaadetti caccafamuu waan danda’uuf, miila isaa Kanaan mukarraa gad rarra’ee harkaan waan barbaade dalaguu ni danda’a. Ganaan isaatis ganaa ilma namaa waan fakkatuuf, akkuma namni waa qabatutti qabachuu danda’a. Faanti miila isaatis akkuma harkaatti waa qabachuuf tajaajila. yoo barbaade osoo fuula isaa hin naanneessin miila isaa ka duubaatiin damee mukaa qabataa of duuba deemuu danda’a. walumaa galatti qaamni uumama kanaa qaama akka barbaadetti caccaafamuu danda’uudha. Muka gubbaa osoo jiru yoo ol deemuu fedhe eegee isaatiin jirma qabatee ol deema. Dagalee lamaanittis osoo fuula isaa hin naannessin deemuu danda’a. Gama gadii deemuufis wanti isa rakkisu hin jiru. muka gubbaa deemuufi lafarra deemuun bineensa kanaaf waluma qixa. Wayta qilleensi qabbanaawuufi wayta rafuu barbaadu ammoo, eegee isaa dheertuu san akka bullukkoo qorraatti ofitti maree rafa.

 

Qubsuma Kinkajou

Kinkajuun uumama Ardii Ameerikaa keessatti argamuudha. Meeksikoo irraa kaasee, haga Braazilitti faca’ee argame. Bosonni Amaazoon naannoo kanatti waan argamuuf, jireenya uumama kanaatiif haalaan mijjaawaadha. Bineensi kun uumama arboreal fi nocturnal jedhamuun beekkama. Arboreal jechaan uumama jireenya isaa hunda muka gubbaa jiraatu jechuudha. Kinkajoun yoo haajaan addaa itti jiraatte malee muka gubbaa hin bu’u. Halkan halkan Risqii Rabbi isaa qoode mukumarra deddeemaa barbaaddata. Yeroo guyyaa ammoo holqa mukarratti qote keessa seenee rafaa oola.

 

Haalaa fi Amala Kinkajou

Uumamaaleen mukarra jiraatan hedduun haala jireenya hawaasummaa isaanii beekuun rakkisaadha. Kinkajounis jireenya haalaan wal xaxaa ta’e keessa jiraata. Yeroo heddu Kinkajoun qophaa isaa deema. Haa ta’u malee muka tokkorra Kormaa lama, dhalaa takkaa fi ilmoo isiittu jiraata. Warri kun warra qubsuma tokko keessa waliin jiraatu yoo ta’u, soorata barbaacha garuu kopha kophaa deemu. Gaafa sooranni gahaan argame ammoo walitti dhufanii waliin sooratuu danda’u. kanaafuu haalli hawaasummaa isaanii akka ilma namaati jechuu dandeenya. Hunduu mana tokko keessa gala, rizqii barbaacha ammoo gargar deemee walitti deebi’a. Gaafa wanti guddaan argame ammoo taa’ee waliin qooddata. Bineensonni biroo kan qubsuma tokko keessa waliin jiraatan garuu soorata waliin dheedu, bishaan waliin dhugu, akkasumas yeroo boqonnaa fudhatanis bakkuma tokko ciisu. Kan kinkajou garuu isa kanarra adda.

 

Soorata Kinkajou

Qorattoonni uumama kana warra Carnivorous jedhaman keessatti ramadan. Carnivorous uumamaaleen jedhaman warra foon soorataniidha. Akkasuma bineensota ilkaan qarriffaa qabaniidha. Sababaa ilkaan qarriffaa kanaatif jecha qorattoonni bineensa kana Carnivorous keessatti ramadanillee, soorata inni sooratu keessaa dhibbeentaa 10 qofatu fooni. Kan hafe dhibbeentaan 90 soorata gosa adda addaati. Haala Kanaan tarii qorannoo qorattootaatu dogongora taha. Ykn ammoo bineensa kanatu foon gahaa dhabnaan biqiltootatti deebi’e taha. San Rabbumatu beeka. Uumamni kun osoo ilkaan qarriffaa qabu foon caalaa waan adda addaa soorachutti jira.

Kinkajuun arraba seentimeetira 13 dheeratu qaba. Arrabni kun ilillii garagaraa keessaa soorata akka arraabbatu isa gargaara. Wantoota mi’aawaa ililliiwwan garagaraa keessa jiran arraba isaa dheeraa saniin keessaa dhuga. Silaa ilillii san cabsee keessaa dhuguu ni danda’a ture. Garuu bineensi kun gowwaa akka jaldeessaatii miti. Jaldeessi waan argate cabsee afaanitti guurata. Kinkiyahjoon garuu waan har’a sooratu yoo argate waan boruutis itti yaadaa soorata. Ilillii dhangaa mi’aawaa qabu kana amma yoo cabsee afaanitti guurate, boru ammoo waan dhangaa san keessaa xuuxatu hin argatu. Kanaaf akka ililliin sun hin miidhamnetti of eeggannoo guddaan dhama mi’aawaa qofa keessaa xuuxatee dhiisa. Tunis kennaa Addaa Rabbii isaa irraa badhafameedha. Bineensi kun akkuma jaldeessaafi qamalee, akkasumas akka ilma namaatti; burtukaana, inabaa fi sanyiiwwan mukaa garagaraa harkumaan qabataa soorata. Ilbiisonni, allaattiiwwan xixiqqoon, hanqaaquu fi uumamaaleen tokko tokko ammoo soorata isaa kan dabalataati.

 

Wal hormaata Kinkajou

Gama fedhii foonii guuttachuutiin ammoo bineensi kun seeraafi heera, akkasumas ulaagaa addaa hin qabu. Kormaan tokko dhaltuu argate hunda wajji wal qunnamtii ni godha. Dhaltuunis akkasuma. Bineensa kana bira jaarsaafi jaartii wal godhatanii walirratti daangeffamuun hin jiru. Yeroon murtaawaan walhormaataaf murteeffames hin jiru. Waggaa guutuu yeroo barbaadanitti, yeroon tokkos osoo isaan hin daangessin wal qunnamtii hormaataa raawwatu. Bineensonni hedduun soorataa fi waqtii irratti hundaa’u. kinkajoun garuu yeroo murtaawaa hin qabu. Eega wal qunnamtiin raawwatamee booda  Rimayni Kinkajou ji’oota sadihiif tura. Yeroo takkaan ilmoo takkatu dhalata. Lakkuun heddus baramaa miti. Haati muka irra jiraattu irratti boolla keessa jiraattu waan qabduuf achi keessatti dhalti. Ilmooleen Haga torbaan lamaatti ija hin banatan. Kanaafuu achuma boolla haati qopheessiteef keessa taa’anii mucha haadhaa hodhu. Torbaan lamaan booda ija isaanii wayta banatuu jalqabanitti soorata garagaraa sooratuu jalqabu. Gaafa ji’a 8 guutan mucha haadhaa ni gu’u. jireenya bilisummaatis yeroo kana jalqabu. Kormaan gaafa waggaa tokkoo fi cinaa guutetti wal hormaata raawwatuu ni danda’a. dhaltuun garuu waggaa lama caaluu qabdi.

 

Kinkajoun diina heddu qaba. Jaguar, ocelot, jeedalli, akkasumas allaattiiwwan gurguddoon hedduun kinkajou adamsanii sooratu. Yoo Rabbi uumamaalee kanniinii fi rakkoolee garagaraa irraa qabe, Kinkajoun fedha Rabbiitiin haga waggaa 25 jiraatuu danda’a.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Back to top button