header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen 10,000 ol ji’a tokko keessatti ajjeefaman

Oolmaya Gazzaa November 7, 2023

Waraanni Israa’el, Gazzaa irratti boombii roobsuu eega eegalee ji’a tokko caalee jira. Ummata Gazzaa lafa xiqqoo irratti hacuucamee jiraatus humnaa ol miidhee jira. Ji’a tokko keessatti haleellaa xayyaaraa fi misaa’elaan raawwatame Kanaan lammiileen Falasxiin kan Gazzaa jiraatan 10,022 ajjeefamanii jiran. Lakkoofsi kun lakkoofsa namoota mirkanaa’anii qofa. Kanneen caccaba fooqii jalatti dhokatanii fi achi buuteen isaanii dhabame keessatti hin qabanne. Hedduun isaanii ijoollee xixiqqoodha. Maatiin guutumaan gututti haxaawamee jira.

Haleellaa Israa’el jalaa wanti nagaya bahu hin jiru. Wanti lubbuu qabu kan Gazzaa keessa jiru hundi yaaddoo keessa jira. Manni baruumsaa, Hospitaalli, Masjiidaa fi Bataskaanni, kaampiin baqattootaatis haleelamee jira. Ambulaansiin dhukkubsattoota feetee deemtu, makiinaan baqattoota yaabbisee baqatus nagaya hin baane. Lubbuun hedduunis galaafatameera. Bishaan, ifaan, boba’aan akkasumas Intarneetni Gazzaa irraa kutamee jira. Jiraattota Gazzaa keessa jiraatan keessaa ammaan tanatti dhibbeentaa 70 kan ta’an qe’ee isaanii gad dhiisanii buqqa’anii jiran. Gazzaa keessa falasxiinota miiliyana 2.3 ta’antu jiraata. Kana keessaa miiliyana 1.6 kan ta’an qe’ee isaanii gad dhiisanii baqataniiran. Kaabni Gazzaa irra jireessatti barbadaayeera. Gara Kibbaatittis Israa’el buufataalee tokko tokko irratti haleellaa raawwattu itti fufteerti.

Xayyaaronni Israa’el guyyaa wiixataatis kaampii baqattoota Maaghaazii irratti yeroo lammaffaaf haleellaa raawwatanii jiran. Haleellaan kun haleellaa alhada taasifamee namoota 47 ajjeese hordofee kan godhameedha. Kiibxata, Naannawa Kibba Gazzaa , bakka Raafaah jedhamutti haleellaa raawwatameen namoonni 14 ajjeefamanii jiran. Akkasumas haleellaa magaalaa Khaan Yuunisitti taasifameen falasxiinonni 8 ajjeefamanii jiran. Kun osoo Kanaan jiru West Baankittis lammiileen falasxiin Poolisii Israa’eliin ajjeefamaa jiran. Namoonni lamas mana hidhaa keessatti du’uun isaanii beekameera. Hedduunis miidhamaniiran.

Biyyoonni adda addaatis hidhata Israa’el waliin qaban addaan kutaa jiran. Boliviyaan guutumaan guututti walii galtee Israa’el waliin qabdu kan addaan kutte yoo ta’u, Bahreen, Chad, Chiilii, Kolombiyaa, Honduraas, Urdun, Afriikaa Kibbaa fi Turkiyaan ambaasaaddaroota Israa’el keessa jiran baasanii jiran.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni maree nageenyaa dhimma Gazzaa irratti balbala cufatee mari’ateera. Mariin kun waamicha Chaaynaa fi UAEtiin kan waamame yoo ta’u, biyyoonni lamaan ibsa waliinii kennanii jiran. Rakkoo Gazzaa keessa jiru hambisuuf waraanni dhaabbatuu akka qabus gaafataniiran. Muummichi Ministeeraa Israa’el Benyaamin Netanyaahuu haga Hamaas booji’amtoota keenya gad dhiisutti wanti waraana dhaabuu jedhamu hin jiru. Garuu haalota tokko tokko mijeessuuf jecha yeroof boqonnaa kennuu dandeenya jedhe.

 

Comment

Back to top button