Namticha lubbuu daa’imman miilyona 2 baraaruuf sababaa tahe
Daa’imman gafa dhalatan dhiiga kubbaayyaa tokko hin caalle wajji dhalatan. Adaduma guddataa deemaniin guddinaa fi furdina qaamaa wajji dhiigni isaaniitis dabala. Wanti qaama keessa seene, dhiigatti jijjiiramaa ykn dhiigatti makamaa bakka barbaadamu gaha. Dhiigatu akka dhaabbannee deemnu nu taasisa jechuu dandeenya. Barruu tanaan qabxiilee dhiigaan wal qabatan muraasa isinii dhiheessina.
Namni James Harrison jedhamu yeroo 1000 ol dhiiga arjoomuudhaan lubbuun daa’imman hedduu akka baraaramu sababaa ta’e.
James Harrison lammii Awustraaliyaati. Bara 1936tti dhalate. Abbaa harka dahabaa jedhamuun beekkama. Dhiiga hedduu arjoomuu isaatiin maqaa kana argate. James yeroo kuma tokkoo ol dhiiga arjoomuudhaan lubbuu daa’imman miiliyana 2.4 baraaruu danda’eera. Pilaazmaan dhiiga isaa keessatti argamu kan addaa waan ta’eef, dhukkuba Rhesus disease jedhamu wal’aanuudhaaf tajaajila. Dhibeen kun daa’imman hin dhalatin kan garaa keessa jiran miidha. Wal’aansa dhukkuba kanaatiif Pilaazmaan dhiiga namticha kanaa keessatti argamu dawaa gaariidha.Haaluma Kanaan James harrison yeroo 1173f dhiiga arjoomee lubbuu daa’imman hedduu baraaruu danda’e. Osoma haala Kanaan jiru umriin isaa 81 guute. Akka seera Awustraaliyaatti ammoo umrii 81 booda dhiiga arjoomuun waan dhoorgaa ta’eef, arjooma kana dhaabuun dirqama itti tahe.
Qalamni Priintaraa gurraachi dhiiga ilma namaa caalaa qaalii tahuu quba qabduu?
Dhiigni jiruu Ilma namaatiif akkaan barbaachisaadha. Namni dhiiga qamaa keessaa dhabe jiraachuu hin danda’u. Kanaafuu dhiigni waan qaalii dachii tanaati jechuun ni danda’ama. Haa ta’u malee dhiigni ilma namaa yoo magaalaaf dhihaatu gatiin isaa hedduus qaalii miti. Fakkeenyaaf dhiigni giraama 30 ta’u yeroo doolaara 18titti gurguramaa turetti, qalamni gurraachi Priintaraa dolaara 80tti gurguramaa ture.
Ummatni gosa Bororoo jedhamu dhiiga gosa tokkoo qofa qaba
Dhiigni ilma namaa gosa adda addaatti qoodama. Akka qorattoonni mirkaneessanitti, Dhiigni gosa A, B, AB fi O jedhamu akka jiru mirkanaayee jira. Namni tokko dhiiga gosa tokkoo qofa qaba. Garuu ilmaan abbaa tokkootis dhiiga gosa adda addaa qabaachuu danda’u. Fakkeenyaaf ilmi duraa dhiiga gosa A yoo qabaate, ilmi lammataa dhiiga gosa B ykn AB qabaachuu danda’a. Ummanni gosa Borooroo kan Braaziil keessatti argamu garuu dhiiga gosa O qofa qaba. Qubsumni ummata kanaa biyya Biraaziil yoo tahu, yeroo dhihoo asitti gama biyya Booliiviyaatis qubsuma bal’ifatanii jiru. Qorattoonni dhimma dhiiga ilma namaa irratti qorannoo gaggeessan dhiiga ummata kanaa irraa ajaa’ibsiifataniiru. Ummanni gosa kanaa hundi dhiiga gosa O qofa qaba. Namni tokkollee ka dhiiga gosa biroo qabu hin jiru. ummanni kun hanga ammaa Aadaa ofii gad hin lakkisne. Seeraafii heera duudhaa isaaniitiin bulan. Nama gosa biroo ofitti hin dabalan. Nama isaaniitis gosa birootiif dabarsanii hin kennan. Sababaan dhiigni isaanii gosa tokko taheefis kana tahuu hin oolu jedhu qorattoonni.
Namichi dhiiga dargaggeeyyii ofitti naqaa umrii guutuu ykn zalaalam jiraachuu yaale, dhiiguma of waraaneen du’e
Aleekzandar Bogdaanov jedhama. Lammii Raashiyaati. Namtichi kun saayintistiidha. Bara 1924tti qorannoo waa’ee dhiiga namaaf dabarsuu gaggeessaa ture. Haaluma Kanaan dhiiga dargaggeeyyii of waraanuudhaan umrii guutuu jiraatamuun ni danda’a yaada jedhurratti hundaa’ee qorannoo godhuu jalqabe. Namtichi kun saayintistii tahus, saayintistii gowwaa fakkaata. Qorattoonni hundi wayta qorannoo gaggeessan qaama namaa irratti osoo hin taane bineensa biroo kan akka hantuutaa fayyadamu. Inni garuu qorannoo kana ofumarratti godhuu filate. Dhiiga dargaggeeyyiitiin of waraanaa umrii guutuu jiraachuun ni danda’ama yaada jedhuun of amansiisee qorannoo itti fufe. Yeroo 11 dhiiga namoota garagaraa ofitti naquudhaan jijjiirama guddaa akka argate dubbata. Haa ta’u malee yeroo xumuraatiif, dhiiga barataa dhibee busaa fi dhibee sombaa qabu ofitti naqee battalumatti du’ee addunyaan adda gale.
Qophii: Abuu Ibtisaam