header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Qaamni Namticha Kanaa Waan Irra Kaayan Hunda Ofitti Maxxansa

Tana Quba Qabduu?

Jamie Keeton jedhama. Lammii Ameerikaati. Akka addunyatti Can Head jedhamuun beekkama. Namticha mataa Xaasaa jechuu fakkaata. Maqaa kana wanti argateef waan mataan isaa xaasaa ykn qalaasa bishaanii fakkaatuufii miti. Bocni mataa isaa matama ilma namaa fakkaata. Haa tahu malee mataan isaa waan mataan ilma namaa kan biraa hin qabne qaba. Xaasaa dhugaatii garagaraa keessaa dhugan fuudhee mataa isaa irra yoo kaaye irraa hin kufu. Qaamni isaa kan mormaa olii kun meeshaa irra kaayame akka waan maagneettiitti ofitti maxxansee qaba. Akkasuma qaamni isaa guutuun meeshaalee garagaraa ofitti maxxansee qabuu dandaya.

 

Kiitan haala kana wayta umriin isaa 7 ofirratti beeke. Meeshaan ittiin haa taphatuuf bitameef itti maxxanee irraa bu’uu dide. San booda gara doktoraa deemee rakkoo isaa adda baafatuudhaaf yaale. eegasii gogaan isaa haala adda taheen oksijiinii gara keessatti kan harkisuu danda’u akka tahe itti himame. Keessattuu buqqeen mataa isaa waan irra kaayame hunda ofitti maxxansee qaba. Qilleensa harkisuuf jecha meeshaa san harkisaa ofirratti qaba.

 

Fuulli isaatis waan itti maxxanfame ofirratti maxxansa.  Bara 2016tti xaasaawwan 8 kan bishaan of keessaa qaban mataa irratti maxxansee olii gad deemuu danda’uu isaatiin kitaaba Guinness World Records irratti galmaayee jira. Yeroo ammaa Kiitan kennaa addaa kanaan beeksisa dalagutti jira. Dhugaatii dhaabbilee garagaraa mataarratti baatee deemuudhaan akka billboard beeksisaatti tajaajilaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button