header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Manni murtii godina Harargee Lixaa Namoota doolaara karaa seeraan alaatiin seene waliin qabaman irratti murtii dabarse

Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaaa namoota doolaara karaa seeraan alaatiin biyya seene osoo naannessan, keellaa Bordoddee irratti kanaan dura qabamanii turan irratti, guyyaa har’aa murtoo adabbii dabarsee jira. Haaluma kanaan Obbo Habaanee Arab Nuur fi Obbo Ahimad Muhammad tokko tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 8 fi qarshii kuma dhibba tokko akka adabaman murteessee jira. 

Maallaqani qabame doolarri Ameerikaa 541,771 Baankii Hojji Gamtaa Oromiyaatti lakkoofsa Herreegaa lammiilee Oromoo Naannoo Somaalee  irraa qe’ee  fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggaruuf baname irratti galii akkka ta’u murtaa’ee jira.

https://hearthis.at/embed/1594889/transparent/?hcolor=0a9dff&color=&style=2&block_size=2&block_space=1&background=0&waveform=0&cover=0&autoplay=0&css=

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button