header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Jibuutii waliigaltee Kiraa Buufata Doonii Emreet waliin qabu kan haqe tahuu beeksise

Mootummaan Jibuutii buufata Doonii magaalaa Jibuutii cinatti argamu kan Doraleh jedhamu Kaampaanii Emreetiif Kiraa waggaa soddomaa  kan mallatteessee ture yoo tahu, Kaampaanichi birmadummaa biyyattii balaa irra buusee jira jechuun waligatee kana diiguun too’annaa ufii jalatti kan deebise tahuu mootummaan biyyattii beeksise.

 

Mootummaan Jibuutii akka jedhetti, Emreets buufata waraanaa Jibuutii keessatti ijaaruudhaaf gaaffattee hayyama eega dhabdeen booda, biyya keenya irratti shira xaxaa jirti jedhe. Shira kanneen keessaa buufata Doonii Somaaliilaand Barbaraa keessatti too’attu Itoophiyaadhaaf gatii salphaadhaan isinii kireessina jechuun  gabayaa biyya keenyaa nurraa cufuudhaaf yaalaa jirti jechuun himate.

 

Kaampaanii Emreets DP World jedhamu buufataa doonii Jibuutii Doraleh jedhamu kana bara 2006 irraa eegalee, Koontraata waggaa 30 tiin fudhatee bulchaa kan ture yoo tahuu, mootummaan Jibuutii seera addunyaa cabsuudhaan buufaticha too’annaa isaa jalatti galfate jechuun kan himate tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button