header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaatti qorichi Iiboolaa yaala COVID-19’f akka oolu hayyamamuu gabaafame

Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa (FDA)’n dawaan dhukkuba Iiboolaa ‘Remdesivir’ jedhamu, namoota dhibeen vaayirasii koroonaa itti hammaate yaaluuf akka ooluu, haala addaatiin hayyamuu gabaafame. Haaluma kanaan qorichi farraa Vaayirasii taheefi, kubbaaniyaan Ameerikaa Gilead jedhamuun oomishamu kun, yeroo ammaa kutaalee Ameerikaa heddu keessatti namoota dhibeen vaayrasii koroonaa itti hammaateef kennamaa jiraatuu gabaafame.

Kanaan dura dhukkubsattoonni yaaliif dawaa kana fudhatan hangi tokko kan bayyanatan tahus, dhibbeentaan namoota dawaa kanaan fayyanii gadi aanaa tahuus gabaafame.

Ogeeyyonni fayyaa garuu qorichi jalqaba yaalii dhibee Iiboolaatiif oomishame kun, miidhaa biroo (side effect) kan qabu tahuu ibsuun, akka qoricha amansiisaatti fudhatamuu hin qabu jechuun akeekkachisaa jiran.

Haaluma kanaan Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaatis, hayyamni addaa amma kenname kun kan yeeroo muddamaa tahuu ibsuun, qorannoo dawaa kanarratti geggeeffamaa jiru booda, hayyamicha raggaasisuu yookaan haquu ilaalchisee kan murteessu tahuu ibse.

 

One Comment

  1. Inshaa Allah rabbii haa jedhuu dawwan harika rabbii kessaa jira. innii yeroo dhiiho kesaati. dawwaa issaa nufa bu’suu jzkl hayyotta kenyaa. Gabbasa kesaanif.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button