header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ustaaz Abubakar Ahmad masjiida naannawa Burraayyuutti diigamee fi tarkaanfii waraanni mootummaa hawaasa muslimaa irratti fudhate balaalefate.

Guyyaa lama dura  magaalaa Burrayyuu naannawa Ashawaa Meedaa jedhamuun beekamu keessatti  Masjiida argamu, qondaaltota mootummaatiin akka diigamu  godhamee hawaasa Muslimaa Masjiida keessa ture irrattis waraanni mootummaa tarkaanfii seeraan alaa fudhatuun miidhaa geessise. Kanuma hordofuun walitti qabaan koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa Ustaaz Abubakar Ahmad gocha raawwatame kana balaleeffate.

Ustaaz Abubakar Ahmad barreeffama fuula Feesbuuka isaa irratti maxxanseen

“Gochi raawwatame kun kan yaada biyyattiin daandii jijjiiramaa irratti argamti jedhu kan faallessuu fi abdii ummanni muslimaa mootummaa irraa qabu kan dukaneessudha” jechuun balaalefate.

Ustaaz Abubakar Ahmad  yaada isaa kana keessatti heerri biyyatti hordoftootni amantaa kamiiyyuu iddoo amantaa isaanii itti geggeeffatan ijaraatuuf kan hayyama keennu tahuus,  hawaasni muslimaa   masjiida  ijaaratuuf aarsa lubbuu fi miidhaa qaamaa kafalaa jira. Komii hawaasni muslimaa kanaan dura dhiheessaa tureef hanga hardhaatti deebisaan osoo hin keennamin ammas tarkanfiin akkanaa kana fudhatuun, hojiin mootummaan “nageenyaa fi walii galtee”jechuun akka biyyaalessaatti jalqabe  ummata muslimaa kan bay’inaan walakkaa biyyaatti tahe kan hammatee miti jedhe.

Qamoonni ummata nagayaa irratti tarkaanfii humnaa fudhatan seeratti akka dhiyaatanii fi masjiidni diiggames hatattamaan akka bakka bufaamuu , yoo kun tahuu dhabe rakkoon nageenyaa biyya keessa jiru kan hin tasgabboofne tahuu hubatuun mootummaan tarkanfii hatattamaa isa irraa eegamu fudhatuu qaba jechuun dhaamsa dabarse.

Masjiida Burayyuutti Diiggame

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button