OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baankiin Zamzam Magaalaa Finfinneetti Dameewwan lama kan biroo bane

Baankiiwwaan Islaamaa tajaajila sirna Faayinaansii dhala irraa walaba ta’e Keennuuf biyyatti keessatti hundeeffamaa jiran jidduu, ji’a tokko dura hojii jalqabuu kan beeksisee ture, Baankiin Zamzam dameewwan isaa kan biroo lama magaalaa Finfinnee naannawa Markaatootti banuu beeksise.


Sirna baaniinsa baankiichaa guyyaa har’aa geggeeffame irratti hoggantoota majliisaa fi Qondaaltoota Mootummaa dabalatee keessummoonni birootis argamuun qooda fudhatanii jiru.


Baankiin Zamzam waggaa 11 dura tajaajila Faayinaansii dhala irraa walaba ta’e biyyaattiitti jalqabuuf sochii jalqabee ture. Haa tahuu malee sababaa dhiibbaa mootummaan irratti godhamaa ture hordofuun hojiitti  hin seenin hafe. 

Show More

One Comment

...

Back to top button