header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Abbaan alangaa Waliigalaa Federaalaa Qajeelfamoota raawwii Labsii Yeroo Muddamaa ifoomse

Labsii yeroo muddamaa manni marii ministeeroota dheengadda tatamsaa’a dhibee Vaayirasii Koroonaa ittisuuf labse, miseensoonni paarlaamaa guyyaa kaleessaa kan raggasisan yoo tahu, Abbaan Alangaa walii galaa Federaalaa qajeelfamoota labsiichi ittiin raawwatamu guyyaa har’aa ifoomse.

Qajeelfamni labsichi ittiin raawwatamu kutaalee gurguddoo afur kan qabu yoo ta’u, innis dhorkaa fi dirqama kan kaa’u, akkasumaas dangeeffama adda addaa of keessaa qaba.

Dhorka ilaalchisee walgahii amantis ta’ee siyaasaa, idirii, daboo, iqubii fi kanneen biroo namoota 4 ol walga’uun dhorkaadha.

Sirna awwalchaa fi kanneen barbaachisoo biroo yoo jiraate garuu haalli itti eyyamamu jiraachuu ibsame.

Naannoo daangaa tajaajila Kaargoo, fe’umsa gogaa fi dhagala’oo malee, sochiin kamiiyyuu kan dhorkame tahuu.

Namoonni mana kireeffatan fedhii isaani yoo lakkisan malee baasuu fi kiraa manaa dabaluun dhorkaadha.

Barataa fi barsiisaan gama Interneetaa malee qaamaan wal arguun hin eeyyamamu.

Bakkeewwan ispoortii, daa’imman itti taphatan, akkasumaas harka walfuudhun dhorkaa ta’u ragaan Tajaajila Oduu Ityoophiyaarra argame ni muldhisa.

Dameen geejjibaan qaxxamura naannoo teessoo qabuun imaltoota %50 ol fe’uun dhorkaa tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button